Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi Filannoo falmii qaroomeen olaantummaa yaadaan ijaarsa sirna Dimokiraasiif bu’uura kaa’aa jira

Caamsaa 5/2018(ENA): Akkaataan adeemsa filannoo baranaa haala falmii qaroomeen olaantummaa yaadaan ijaarsa sirna deemokiraasiif bu’uura kaa’aa jiraachuu isaa, Walitti-qabaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz obbo Abdusalaam Shangal dubbataniiru.

Adeemsi falmii fi duulli na filadhaa kun, lammiileen imaammataa fi yaada caalmaa qabu irratti hundaa’anii akka filatan carraa guddaa kan uumu ta’uus himaniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan, paartileen siyaasaa Naannoo Beenishaangul Gumuuz keessatti dorgoman, yeroo qilleensaa fi filannoowwan miidiyaa adda addaa isaaniif kennameen fayyadamuun imaammata paartii isaanii beeksisaa fi ergaa "na filadhaa" dabarsaa jiru.

Dura taa’aan paartii Sochii Bilisummaa Ummata Beenishangulii fi walitti-qabaan mana maree paartilee siyaasaa naannichaa ta'an obbo Abdusalaam Shangal, ENA’f akka ibsanitti , adeemsi filannoo baranaa karaa hedduun sochiin gaariin kan itti mul'atedha jedhaniiru.

Paartileen naannichatti socho'an waltajjiiwwan falmii irratti yaada caalmaa qabuun dorgommii filannoof taasisan cimsuun itti fufuu isaanii ibsaniiru.

Carraa isaaniif kennamee fi filannoowwan adda addaan uummata bira gahuun imaammataa fi tarsiimoo isaanii beeksisaa akka jiranis dubbataniiru.

Adeemsi filannoo baranaa kun falmii qaroominaan gaggeeffamu irratti kan hundaa’e waan ta’eef, ijaarsa sirna deemokiraasiitiif bu’uura kaa’aa jiraachuu isaa ibsaniiru.

Adeemsa kanaan, lammiileen imaammataa fi yaada paartilee sirriitti hubachuun akka filatan carraan uumamaa jiraachuu isaas eeraniiru.

Boordiin Filannoo Itiyoophiyaa guyyaan sagalee kenniinsa filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 akka gaggeeffamu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015