Tamsaasa Kallatti:

Dirree Dhawaatti hojiileen carraa hojii dargaggoota guddisan cimanii itti fufu - Kantiibaa Kadir Juhaar

Caamsaa 5/2018 (ENA): Dirree Dhawaatti carraa hojii dargaggoota guddisuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhan kantiibaan magaalaa Dirree Dhawaa Kadir Juhaar.

Waltajjiin quunnamtii hojjechiisaa fi hojjetaa hojii biyya keessaa fi alaa mijeessuuf kaayyeffate guyyaa har'aa Dirree Dhawaatti gaggeeffameera.


 

Akka obbo Kadir Juhaar wayitasana jedhanitti fedhii hojii dargaggoota Dirree Dhawaa deebisuuf filannoowwan qonnaa, industirii, tajaajilaa fi dameewwan biroo irratti babal’achaa jira.

Akkasumas hojiiwwan kana itti fufsiisuuf dargaggoota damee ogummaa adda addaatiin leenji’an 350 ta’aniif qindoomina dhaabbilee michuu waliin ta’uun biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti carraa hojii akka argatan ibsuun, kanaafis sagantaan har'aa qophaa'uusaa hubachiisaniiru.

Dargaggoota 380 ta’aniif karaa ejensiiwwan qacarriitiin carraa hojii akka argatanillee ibsaniiru.


 

Dargaggoonni beekumsaa fi dandeettii isaaniitiin dorgomaa ta’anii carraa hojii irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’aniif hoogganaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Roobeel Geetaachoo ibsaniiru.

Waltajjiiwwan adda addaa dhaabbileen seektaraa fi abbootii qabeenyaa waliin hojjechuuf gaggeeffamaa turuu eeruun, agarsiisni amma gaggeeffamaa jiru hojii walta’iinsaa kana kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Hojii biyya keessaan malees dargaggoonni biyya alaa imalan leenjii malu afaan, beekumsa biyya keessaa fi naamusa ogummaatiin kennuudhaan dorgomaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus eeraniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015