Walga’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa bu’uura ijaarsa seenessa Ardichaa dagaagsu kaa’uun galma isaa milkeesseera - ENA Afaan Oromoo
Walga’iin Dhiibbaa Uumtoota Miidiyaa Hawaasaa Afriikaa bu’uura ijaarsa seenessa Ardichaa dagaagsu kaa’uun galma isaa milkeesseera
Caamsaa 5/2018(ENA) - Walgahiin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Afrikaa bu’uura ijaarsa seenessa Ardichaa cimsu lafa kaa’uun galma isaa milkeessuu isaa Itti Aanaan Hoji gaggeessaa Olaanaa ‘Pulse of Africa’ (POA) Fitsumisheet Shimallis ibsan.
Walga’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Afriikaa inni jalqabaa (ASMIS 2026) mata duree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyyofteef" jedhuun Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamuun isaa ni yaadatama.
Waltajjiin Ebla 29 fi 30 bara 2018 Miidiyaa ‘Pulse of Africa’ (POA) fi Intarpiraayizii teeknooloojii ‘E.G.A’ waliin qophaa’e kanaan dhiibbaa uumtoota miidiyaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa 30 irraa walitti dhufan hirmaataniiru.
Walga’iin dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Ardii hordoftoota miil. 321 ol qaban kanaa, seenessa Afriikaa ijoollee isheetiin hawaasa addunyaatti beeksisuuf kaayyoo kan godhateedha.
Itti aanaan Hoji geessaa Olaanaa ‘Pulse of Africa’ (POA) Fitsumisheet Shimallis ENA’f akka ibsanitti; walga’ichi ijoollee Ardichaa walitti fiduun hidhata fi seenaa Afrikaa kan jabeessu milkaa’inni kan itti argameedha.
Mallattoo bilisummaa ummattoota addunyaa cunqurfamanii kan ta’e kInjifannoon Adwaa bifa gaarii Afriikaa addunyaa dijitaalaatti agarsiisuuf kan dandeessise ta’uu ibsaniiru.
Dhiibbaa uumtoonni miidiyaa hawaasaa biyya keessaa fi Ardii ulaagaalee adda addaan filataman walga’icharratti hirmaannaa milkaa’aa taasisuu isaanii dubbataniiru.
Walga’icharratti dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa 120 ol dabalatee, biyyoota Afrikaa 31 irraa dhiibbaa uumtoonni 60 hirmaachuu isaanii beeksisaniiru.
Hirmaattonni walga’ichaa waa’ee Itiyoophiyaa fi Afriikaa hubannoo fooyya’aa argachuun, carraa egeree Ardii isaanii itti bocan uumameera jedhaniiru.
Ergaa fi qabiyyeen dhiibbaa uumtoonni miidiyaa hawaasaa walga’icharratti dabarsan bifa sirrii Afrikaa addunyaatti kan agarsiisan ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbileen miidiyaa Afriikaa fi Addunyaa gabaasota Paan-Afirikaanummaa Ardii walitti hidhan hojjechuun, ijaarsa seenessa Ardiittiitiif kaka’umsa uumuu keessatti gahee olaanaa bahaniiru jedhaniiru.
Walga’ichi bu’uura ijaarsa seenessa Afriikaa cimsan lafa kaa’uun galma isaa milkeesseera jechuun obbo Fitsumisheet Shimallis ibsaniiru.
Yaa’ichaan cinaattis, dandeettii raawwachiisummaa Itiyoophiyaa, qabeenya Turizimii fi milkaa’ina bu’uuraalee misoomaa beeksisuun danda’ameera jedhan.
Walga’icha bifa itti fufiinsa qabuun itti fufsiisuun, hojiiwwan ijaarsa seenaa gaarii Afrikaa cimsan raawwachuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessaniiru.