Tamsaasa Kallatti:

Godina Shawaa Bahaatti bu’uuraalee jallisii babal’isuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera

Caamsaa 5/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti bu’uuraalee jallisii babal’isuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira jedhe Waajjirri Jallisii fi Misooma horsiisee bultootaa Godinichaa.

Haaromsa waggoota saddeet darban keessatti lafa heektaara kuma 301jallisiin misoomsuuf kan dandeessisu motorri bishaan harkisan kuma 20 ol raabsamuu isaanii gabaafameera.

Akka itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Umarsan Leencamoo himanitti, hanqina roobaa Godinichaatiin oomishni hir’achaa dhufe bakka buusuuf qabeenya bishaan gubbaa fi lafa jalaa fayyadamuun misooma jallisii irratti xiyyeeffannaan addaa kennameera jedhani.


 

Hojii kana daran cimsuuf ji’oota sagal darban qofa keessatti jenereetaroota bishaan harkisan kuma 1 fi 510 qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaaf akka dhiyaatu taasifameera jedhan.

Jenereetaroota qonnaan bultootaaf kennaman keessaa motoroonni humna aduutiin hojjetan faalama naannoo hir’isuu fi baasii xiqqaa ta’an 18 akka jiran eeraniiru.

Biiroo Jallisii fi Misooma Horsiisee bultootaa Naannoo Oromiyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun boolli bishaan gadi fagoo 27 qotamee tajaajilaaf kan oole yoo ta’u, sababa kanaan lafti dabalataa heektaara kuma 22 jallisiin kan misoomsame ta’u ibsaniiru.


Fakkeenyaaf pirojektoonni jallisii Finnaa Biskee, Bofa Walancitii, Boosat Fantaallee fi Laaffisaa kanneen jedhaman yeroo ammaa humna guutuun tajaajila kennaa akka jiran eeraniiru.

Akkasumas, babal’inni marsaa lammaffaa Booranaa fi Boosat Fantaallee gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.

Misoomni jallisii kun qonnaan bultoonni yeroo roobaa eeguun qofa omishan hanqina oomishaa hir’isuuf qofa osoo hin taane, aadaa hojii jijjiiruun waggaatti hanga si’a sadii oomishuuf kan dandeessise ta’uu ibsaniiru.

Kunis gareewwan hawaasaa kanaan dura sagantaa saaftineetii naannoo sanaa irraa fayyadamaa turan, qonnaan bulaa hirkattummaa irraa gara oomishtummaatti jijjiiruun bu’aa qabatamaa fidaa akka jiru eeraniiru.

Misoomni jallisii Godinicha keessatti gaggeeffamaa jirus aadaa omishaa jijjiiruuf gahee olaanaa kan taphate ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni Bona jallisii qamadii fi kuduraalee fi muduraalee adda addaa misoomsuu irratti bal’inaan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015