Tamsaasa Kallatti:

Ji’oottan kurnan darban keessatti galiin waligalaa birrii biliyoona 600 ol walitti qabameera

Caamsaa 4/2018(ENA): bara baajataa 2018 ji’oottan kurnan keessatti galii waliigalaa birrii biliyoona 600 ol walitti qabamuu isaa Komishineerri Komishinii Gumuruukaa doktar Dabalee Qaabataa beeksisan.

Komishineerri Komishinichaa doktar Dabalee Qaabataa raawwii karoorra ji’oota sagalii bara baajataa 2018 ilaalchisuun midiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniitiinis dandeettii Itiyoophiyaan faayinaansii maddisiisuuf qabdu guddisuuf bara baajatichaa ji’oottan kurnanitti birrii biliyoona 598.91 walitti qabuuf karoorfamee akka ture dubbataniiru.

Sirna deeggarsaafi hordoffii cimaa diriirsuun, tajaajila Ariifataa, Haqa qabeessaa fi qulqullina qabu kennuun, hojii qindoominaa cimsuufi kontiroobaandii ittisuun karooraan ol raawwachuun akka danda'ame ibsaniiru.

Kanaanis ji’oota kurnan keessatti karooraan ol birrii biiliyoona 600.23 ol galiin waliigalaa walitti qabamuusaa beeksisaniiru.

Raawwiin baranaa kan waggaa darbe yeroo wal-fakkaataa waliin yoo madaalamu dhibbeentaa 75.29 caalmaa akka qabus dubbataniiru.

Dandeettii hoggantootaafi ogeessotaa cimsuun akkasumas kurmaana kurmaanaan gamaaggamuun bu'aa qabeessummaa walitti qabinsa galii guddisuun akka danda'ame eeraniiru.

Hojiiwwan sakatta’iinsaa taasisaniin sanadoota adda baafamanii sakatta’aman irraa birriin biliyoona 2.864 gara galiitti jijjiiramuuf jiru argamuu isaas kaasaniiru.

Bara baajatichaa Ji’oota kurnan kana keessatti hojiiwwan daldala seeraan alaa, gowwoomsaafi kontiroobaandii ittisuu keessatti hawaasa qindeessuun, dandeettii keessoo cimsuufi qooda fudhattoota hirmaachisuun birrii biliyoona 279.855 ol oolchuun akka danda'ame ibsaniiru.

Kunis yeroo wal-fakkaataa waggaa darbee waliin yoo madaalamu dhibbeentaa 54.86 qooda akka qabu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015