Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti qophii filannoo walii galaa 7ffaaf haalli mijataan uumameera

Caamsaa 4/2018(ENA)- Naannoo Harariitti qophii filannoo walii galaa 7ffaaf haalli mijataan uumame hojii bu’a qabeessa hojjechuuf akka isaan gargaaree fi adeemsa filannichaarratti hirmaannaa cimaa taasisa akka jiran paartileen siyaasaa naannicha keessa socho’an ibsan.

Paartileen siyaasaa kunneen keessumaa qophiin filannoo haqa qabeessaa fi karaa hammataa ta’een hojjetamaa jiraachuu eeranii, filannichi demokiraatawaa, haqa qabeessa, naga qabeessaa fi amanamaa akka ta’u hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Walitti qabaa mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi qindeessituun paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dirree Dawaa fi naannichaa adde Hasanat Muummee, haalli mijataa dorgommii filannoo uumamee fi paartileen mana maree waloo dammaqinaan akka hirmaatan haala mijataa uumeera jedhan.

Paartileen kunneen keessumaa carraa miidiyaaleedhaan isaaniif kennametti gargaaramuun ijaarsa sirna demokiraasiif qoodasaanii bahaa akka jiranii fi sochii amma ammaatti taasisaniin rakkoon tokkollee akka isaan hin mudanne beeksisaniiru.

Ummanni kaardii filannoo akka fudhatu gama gochuutiin akkaataa mana maree walootiin hojii bal’aa hojjechuusaanii kan ibsan ammoo paartii badhaadhinaatti daarektara ijaarsa aadaa demokiraasii waajjira dame naannoo Hararii Hasan Abdiiti.

Akkaataa sagantaa boordiin filannoo baaseetiin paartileen hundi yaada filmaataa qaban karaa bilisaa fi nagaa ummata filatuuf beeksisaa akka jiran eeraniiru.

Itti aanaa walitti qabaan mana maree paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi itti aanaan walitti qabaa paartii bilisummaa fi tokkummaa naannichaa Abdulhafiiz Ahimad paartiinsaanii filannoo walii galaa 7ffaa irratti ciminaan hirmaachaa akka jiru dubbataniiru.

Hojiilee filannoon duraa amma ammaatti hojjetaniin paartiinsaanii rakkoo tokko malee socho’aa akka jiru eeranii, fuulduras filannichi naga qabeessaa fi demokiraatawaa ta’ee akka xumuramu akka hojjetan ibsaniiru.

Filannoo walii galaa 7faa irratti naannoo Harariitti mana maree naannoof dhuunfaaf kan dorgoman Jamaal Abbaagaroo Ahimad karaa addaddaa filannoof dadamaqsaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015