Itiyoophiyaan misooma industirii magariisaa fi ce'umsa anniisaa keessatti gahee adda duree taphachuu itti fufti - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan misooma industirii magariisaa fi ce'umsa anniisaa keessatti gahee adda duree taphachuu itti fufti - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Caamsaa 4/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan misooma industirii magariisaa fi ce’umsa anniisaa keessatti gahee adda duree taphachuu akka itti fuftu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, Yaa’ii Afriikaa Foorwaardi Keeniyaa Naayiroobii keessatti gaggeeffamaa jiru irratti muuxannoo Itiyoophiyaa kan Pireezidaanti Wiliyaam Ruutoo fi Pirezidaantii Amaanu’eel Maakroon waliin qopheessan irratti qoodaniiru.
Keessattuu waltajjii marii misooma industirii magariisaa fi ce’umsa anniisaa irratti gaggeeffameen muuxannoo Itiyoophiyaa irraa yaadonni sadarkaa olaanaa akka fudhataman hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan gama lamaan caqafaman keessatti hojii eegalte cimsuun gahee adda duree taphachuu akka itti fuftu Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA