ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Xiyyaarri Erbaas A350-1000 gara Akraatti balali’e
Nov 9, 2024 15
Onkoloolessa 30/2017(TOI)-Xiyyaarri Erbaas A350-1000 Afriikaattri kan jalqabaa ta’e gara Gaanaa magaalaa Akraatti balali’eera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa jidduu gana Xiyyaara Erbaasii Afriikaarraa kan jalqabaa ta’e kaampaanii Erbaasiirraa harkatti galfachuunsaa niyaadatama. Xiyyaarri Erbaasii A350-1000 Afriikaarraa kan jalqabaa kun jalqabaaf gara Naayijeeriyaa magaalaa Legositti balali’uunsaa nibeekama. Balallii lammataammoo Dubaayitti taasisuunsaa nibeekama. Akkaataa odeeffannoo daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa baaseen magaalaan muummee Gaanaa Akraan Xiyyaara Erbaasii A350-1000 Afriikaarraa kan jalqabaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Kootookitti simatteetti jedheera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota 147 amma qabuun balalliiwwan bakka qaqqabiinsaa 140 fi kan biyya keessaa 22 akka qabu beekameera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa A.L.Atti bara 2035 galii waggaa doolaara biiliyoona 25tti guddisuun waggaatti imaltoota miiliyoona 67 imalchiisuuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.
Dandeettii humna nageenyaa gabbisuu fi hojmaatilee ammayyeessuun nagaa fi nageenya kabachiisuun cimee itti nifufa-Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el
Nov 9, 2024 22
Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Dandeettii humna nageenyaa gabbisuu fi hojmaatilee ammayyeessuun nagaa fi nageenya kabachiisuun cimee itti fufu Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash G/Mikaa’el ibsan. Poolisiin Finfinnee bara 2016 gaggeessitoota poolisii, miseensotaa fi qaamolee dhaabbatichi hojii milkaa’aa akka hojjetu deeggarsa taasisaniif beekamtii fi badhaasa kenneera. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, komishinar jeneraaliin poolisii federaalaa Dammallaash G/Mikaa’el, komishinariin poolisii magaalaa Finfinnee Geetuu Argaawu fi hooggantoonni olaanoo federaalaa fi magaalattii saganticharratti argamaniiru. Komishinar Jeneraaliin poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Dammallaash G/Mikaa’el wayita kana akka jedhanitti dhaabbilee poolisii sadarkaan jiran humna namaa ga’oomee fi lijistiksiin ammayyeessuudhaan nagaa fi nageenya biyyaa eegsisuun milkaa’eera. Qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran qindoomuun fi walhubachuun akkasumas ummata waliin tumsuun nageenyi waaraa fi amansiisaan akka bu’u gochuun akka danda’ame ibsaniiru. Haala Kanaan daba humnoonni biyya keessaa fi biyya alaa nagaa fi nageenya Iriyoophiyaa fi ummatashee booressuuf hojjechaa jiran fashaleessuun qooda olaanaa bahaa akka jiran eeraniiru. Poolisiin Finfinnee teeknooloojii fi humna namaan ofcimsuun qaamolee nageenyaa biroo waliin tumsaan hojjechuusaatiin nageenya Finfinnee egereef eegsisuun fakkeenya nageenyaa akka taatu akka taasise kaasaniiru. Haala Kanaan Finfinneen yaa’iiwwan biyyaalessaa fi idil addunyaa milkaa’inaan keessummeessuu akka dandeessu taasifamuusaa eeraniiru.
Bulchiinsa magaalichaatti yakka dursanii ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti hojiin milkaa'an hojjetameera.
Nov 9, 2024 14
Onkoloolessa 30/2017(TOI) - Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti yakka dursanii ittisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuurratti hojiin milkaa'an hojjetamuu Komishinarri komishiinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argaaw beeksisan. Poolisiin magaalichaa hoggantootaa fi Miseensoota bara 2016 keessa raawwii hojii gaarii galmeessaniifi ergama isaanii bahataniif sagantaa beekamtii kennuu gaggeessaa jira. Saganticharratti Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Komishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el, Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Geetuu Argawu argamaniiru. Poolisiin magaalichaa Nageenya magaalichaa haala amansiisaan eeguuf teeknooloojii fi humna namaatiin of cimsaa jiraachuu komishinar Geetuun himaniiru. Bara bajataa darbe keessa humnoota farra nageenyaa magaalicha jeequu barbaadaan gargaarsa hawaasaatiin injifachuun akka danda'ame eeraniiru. Nageenya magaalichaa haala itti fufiinsa qabuu fi amasiisaan eeguun akka danda’ame ibsuun hoggantoota poolisii fi miseensota raawwii hojii gaarii agarsiisan galateeffataniiru.
Itoophiyaan qabeenya beeyladaa gita qabduun daldala al-ergii irraa akka fayyadamtu qindoominni qooda fudhattootaa cimsuu qaba
Nov 9, 2024 13
Onkoloolessa 30/2017 (TOI) - Itoophiyaan qabeenya beelladaa qabdurraa sharafa alaa barbaachisu argachuun fayyadamummaa ishee guddisuuf hirmaannaan qooda fudhatoota cimuu qaba jedhame. Ministeerri Qonnaa Abbaa Taayitaa Qonnaa Itoophiyaa waliin ta'uun kan qopheessan waltajjii qopheesuun rokkoolee fi furmaata daladaala ala ergii fooniirratti jiru irratti qooda fudhatoota waliin mari'ataa jiru. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Qonnaa Dr. Hamid Jamaal; Itoophiyaan qabeenya beeyladaa addunyaa irratti adda duree ta'e qabaattus sirnaan itti fayyadamaa hin jirtu jedhaniiru. Bara baajataa kanatti foon beeyladaa toonii kuma 15 gara gabaa alaatti erguuf karoorfamee hojjetama akka jiru eeraniiru. Ta'uus garuu hanga ammaatti Foon ergame akka karooraatti hamma eegame akka hin taane himaniiru. Bu’aa fooyya’aa argachuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabus hubachiisaniiru. Fooyya'insa diinagdee gooroo hordofuun rakkooleen dhiyeessii doolaaraa waliin walqabatan furmaata argachaa akka jiran eeranii, kunis damichaaf abdii guddaa ta'ee jirachuu himaniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa Itoophiyaa Doktar Asraat Xeeraa damicha irraa caalaatti fayyadamuuf qulqullina mirkaneessuun alatti bakkeewwan gabaa babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Chaayinaan gama kanaan fedhii akka agarsiifte kan ibsan Daarektarri Olaanaan kun gabaa guddachaa jiruuf dhiyeessii mijatu uumuuf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru.
Misoomni koridoorii magaalicha keessatti hojjetama jiru gaaffii bu’uuraalee misoomaa jiraattotaa deebisaa jira.
Nov 9, 2024 13
Onkoloolessa 30/2017 (TOI) - Magaalaa Arbaamiincittii hojiin misooma koriidarii hojjetama jiru karaa gaaffii bu'uuralee misoomaa uummanni qabu deebisuu fi yaa'insa turtootaa dabaluun hojjetama jirachuu bulchiinsi magaalicha beeksise. Kantiibaan magaalichaa obbo Gazaany Gaamoo TOI'tti akka himanitti; hojiin misooma koriidarii magaalaa Arbaamicitti hojjetama jiru bifa magaalitti kan jijjiru qofaa osoo hin taane jiraatoota magaalichaaf haala jireenyaaf mijataa kan uumudha jedhaniiru. Magaalichatti marsaa jalqabatiin hojii misooma koriidarii hojjetameen daandiin kiloomeetirri 9.6 misoomu himaniiru. Kunis daandii miilaa mijataa, iddoo magariisaa fi bu’uuraalee ibsaa daandii kan hammatu ta’uu eeraniiru. Marsaa lammaffaatiin muuxannoo magaalaa Finfinneerra argameen daandii biskileetii dabalatee bu’uuraalee misoomaa adda addaa kan of keessaa qabu kan hojii misooma koridoorii marsaa tokkoffaa keessatti hin hammatamne ijaaramaa jiru jedhaniiru. Misooma koridooridarii kanaan miidhagina uumamaa burqaawwan afurtamaa magaalichi qabduus miidhagsuu fi kunuunsuu irrattis xiyyeeffatee hojjetamaa jira jedhaniiru. Magaalaa kun magaalaa saffisaan guddachaa jiraachuu fi hojiiwwan misoomaa sadarkaa isaanii eeggatan hojjetama jirachuu ibsaniiru.
Siyaasa

Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan hariiroo gamlamee caalaatti cimsuuf akka hojjetan ibsan
Nov 9, 2024 17
Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan hariiroo gamlamee caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Yaa’iin ministirootaa jalqabaa tumsa Ruusiyaa-Afriikaa Ruusiyaa magaalaa Saachiitti har’a nijalqabama Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos yaa’icha dura ministira dhimma alaa Ruusiyaa Sargee Laavroov waliin mari’ataniiru. Ministiroonni dhimma alaa kunneen dhimmoota gamlamee, qaxanaa fi idil addunyaarratti yaada waliiqoodaniiru. Tumsa gamlamee Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa caalaatti gabbisuu fi dandeettiiwwan hariiroo dinagdee guddisan fayyadamuuf waliigalaniiru. Yaa’iin ministirootaa jalqabaa tumsa Ruusiyaa-Afriikaa Ruusiyaa har’aa fi boru Ruusiyaa magaalaa Saachiitti akka taa’amu odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Walgahiin waloo bulchitoota daangaa fi komishinaroota Itiyoo-Jibutii 28ffaan xumurame
Nov 8, 2024 95
Onkoloolessa 29/2017(TOI)-Walgahiin waloo bulchitoota daangaa fi komishinaroota Itiyoo-Jibutii 28ffaan guyyoota lamaaf Finfinneetti taa’amaa ture marii gufuuwwan furuu fi hariiroo caalaatti cimsuu dandeessisu adeemsisuun xumurameera. Gaggeessituun jila bulchitoota daangaa fi komishinaroota Itiyoo-Jibutii 28ffaa daarektarri olaantuu Immigireeshinii fi tajaajila lammummaa adde Salaamaawiit Daawit,dhimmoota biyyoota lamaan caalaatti fayyadurratti waliin hojjechuuf waliigaluusaanii ibsaniiru. Barreessaan olaanaa Ministeera dhimma biyya keessaa Jibutii የSulemaan Mu’aamiin gamasaaniin, walgahichi dhimmoota tarsiimawaarratti xiyyeeffachuun marii gadi fageenyaa taasisuusaa eeraniiru. Dhimmoota tumsaa dinagdee fi Siyaasa, akkasumas geejjibaa fi lojistiiksii caalaatti cimsuuf waliigaluusaanii ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.
Dandeettin balallii, leenjii fi suphaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa kan muuxannoon irraa fudhatamudha
Nov 8, 2024 54
Onkoloolessa 29/2017 (TOI)-Dandeettin balallii, leenjii fi suphaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata muuxannoon irraa fudhatamu akkasumas ogeeyyota Afriikaa damee kanaatiif deeggarsi ogummaa kan irraa argamu ta’uusaa pirezidaantiin Seraaliyoon Juuliyees Maadii Baayoo dubbatan. Pirezidaantiin Seraaliyoon Juuliyees Maadii Baayoo fi ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah kaleessa korporeshinii injiinariingii ittisaa fi humna qilleensaa Itiyoophiyaa daawwataniiru. Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa hooggantoota biyyoota lamaanii simataniiru. Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee fi hooggantooonni humna qilleensaa daawwanniharratti argamaniiru. Pirzidaantiin Seraaliyoon Juuliyees Maadii Baayoo daawwanicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, hojiin Itiyoophiyaan sektara kanarratti hojjechaa jrtu kan muuxannoon irraa fudhatamu ta’uu kaasaniiru. Dandeettii balallii humna qilleensaa qofa osoo hinta’iin hojiiwwan leenjii fi suphaanis dandeettii guddaa akka qabdu daawwannichaan hubachuusaanii himaniiru. Muuxannoon humni qilleensichaa horatee fi sadarkaan guddinaa amma irra gahe ogeeyyonni Afriikaa sektara kanaa leenjii argachuuf carraa kan uume ta’uusaa dubbataniiru. Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad gamasaaniin, akkaataa gaaffii hooggantoota kanneeniin dhaabbilee lamaan akka daawwatan taasifamuu eeraniiru. Jijjiirama dhufe irraa ka’uun xiyyeeffannoo mootummaan riifoormii nageenyaa fi tasgabbiif kenneen humna qilleensaa dhaloota boonsu ijaaramuunsaa hoogantootaaf ibsameera jedhan. Daawwannaan hooggantootaa kun Itiyoophiyaan muuxannoo qabdu biyyoota michootaaf qooduuf kutannoo akka qabdu ibsanii, agarsiiftuu fedhii waliin badhaadhuuf qabduu akka ta’e kaasaniiru. Ajajaan olaanaa humna qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa gamasaaniin, waggoota jahan darban riifoormiiwwan hedduun humna qilleensaa keessatti taasifamaa turuu eeraniiru. Keessumaa ijaarsa humna namaa, bu’ura misoomaa waraanaa, teeknooloojii fi walumaa gala humna qilleensaa Itiyoophiyaa madaalu gama ijaaruutiin hojiiwwan jajjabeessoon hojjetamuu himaniiru. Kun ammoo dandeettii qophaa’ummaa biyyattii waliigalaa cimsuu kan dandeessisu ta’uusaa eeraniiru.
Chiiliin sochii Afrikaatti taasiftuuf Itoophiyaa michuu ijoo taasifachuu barbaaddu beeksifte.
Nov 8, 2024 48
Onkoloolessa 29/2017 (TOI) - Chiiliin hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu cinaatti sochii Afrikaa keessatti taasiftuuf Itoophiyaa michuu ijoo ishee taasifachuu alla barbaadduu Itti aantuun Ministira Dhimma Alaa Chiilii Gilooriyaa dee Lee Foontee Gonzaleez beeksisan. Ministir deetaan ministira Dhimma Alaa amabaasaaddar Misgaanuu Araggaa itti aantuu Ministira Dhimma Alaa Chiilii Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Ityoophiyaa daawwatan Deettaan Ministira Dhimma Alaa Chiilii Gilooriyaa dee Lee Foontee Gonzaleez waliin mari'ataniiru. Marii isaaniin Itoophiyaatti guddina ariifataa fi riifoormii diinagdee gooroo damee dinagdee galmaa’aa jiru akkasuma dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawwaa fi ardiirratti hojjetama jiru irratti ambaasaddar Misgaanuun ibsa taasisuufin himameera. Dameewwan qonnaa fi albuudaa damee diinagdee Itoophiyaan xiyyeeffannoon irratti hojjecha jirtu ta'uu ibsaniiru. Ambaasaaddar Misganuun Chiiliin damee qonnaa fi albuudaa isheetiin beekamtuu akka taate ibsuun, Itoophiyaan muuxannoo ishee irraa qoodachuu akka barbaaddu ibsaniiru. Kanaafis gareen daldalaa fi invastimantii Chiilii Itoophiyaa akka daawwatan waamicha taasisaniiru. Itti aantuun ministira Dhimma Alaa Chiilii Gilooriyaa de Le Foontee Gonzaalez gama isaaniin biyyi isaanii hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu akka barbaaddu mirkaneessaniiru. Chiiliin hariiroo biyyoota lamaanii qofaa osoo hin taane sochii Afrikaa keessatti hojjettuuf Itoophiyaa michuu ijoo ishee taasifachuun akka hojjetu himaniiru. Mariin siyaasaa gam lamee biyyoota lamaaniin bara darbe gaggeeffame walitti dhufeenya kana gama hedduu irratti xiyyeeffachuuf gahee olaanaa akka taphate yaadachiisaniiru. Qaamoleen lamaanuu dhimmoota Itoophiyaa fi Chiiliin karaa walta’iinsa Kibbaa fi Kibbaatiin caalaatti walitti dhiyeenyaan hojjechuu danda’an irrattis mari’ataniiru. Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame akka mul’isutti Itoophiyaa fi Chiiliin bara dhufu waggaa 80ffaa hariiroo dippilomaasii isaanii waliin kabajuuf waliigalaniiru.
Hoggantoonni biyyoota adda addaa yaa'ii ''Addunyaa beelarraa bilisaa'' irraatti hirmaachaa turan gara biyya isaanitti deebi'a jiru.
Nov 8, 2024 63
Hoggantoonni biyyoota adda addaa yaa'ii ''Addunyaa beelarraa bilisaa'' irraatti hirmaachaa turan gara biyya isaanitti deebi'a jiru. Onkoloolessa 29/2017 (TOI) - Hoggantoonni biyyoota adda addaa yaa'ii ''Addunyaa beelarraa bilisaa'' jidduu kana magaalaa Finfineetti geggeeffama ture irraatti hirmaachaa turan gara biyya isaanitti deebi'a jiru. Ministir deetaan ministira dhimma alaa amabaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo hoggantoonni kunneen yeroo gara biyya isaaniitti deebi'an geggeessuu isaanii Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul'isa.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad xumuru yaa'ii idil addunyaa ''Aaddunyaa beelarra bilisaa'' irratti dhimmoota ifa taasisan keessaa,
Nov 7, 2024 166
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad xumuru yaa'ii idil addunyaa ''Aaddunyaa beelarra bilisaa'' irratti dhimmoota ifa taasisan keessaa, Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad beelli dhimma dhuunfaa waan hin taaneef deebii idil addunyaa qindaa'aa fi walirraa hin cine barbaada jedhaniiru. Yaa'ii idil addunyaa ''addunyaa beelarraa bilisaa'' guyyoota sadiif magaalaa Finfinneetti geggeeffama ture irraatti bu'aawwan murteessoo akka roodmaappiitti tajaajilan afur argamuu himaniru. Wabii midhaan nyaataaf fandii idil addunyaa hundeessuu ilaalchisuun; Bu'uuraalee misoomaa jijjirama qilleensaaf hin jilbeeffanne, tekinolojii qonnaa fooyya'oo fi invastimantii sirna nyaataa balaaf hin jilbeeffanne irratti hojjechuuf findii idil addunyaa hundeesuuf kutannoo qabnu mul'ifneerra. Fandiin kun keessattu bakkeewwan bakkeewwan hanqina wabii nyaataaf saaxilamoo ta'aniif baay'ee murteesadha. Waljijjirraa Tekinoolojii fooyya'ee fi beeksaa ilaalchisuun Sirna nyaataa gahaa ta'ee ijaaruun qonna jijjirama qilleensaa damdamatuu fi waljijjirraa beekumsa daagaa ce'aa qabannaa oomishaan dura fooyyesanii fi waltajjiiwwan ce'umsa tekinolojiif haala mijeessan uumuuf waliigalleera. Hammattoo imaammataa fi bulchiinsa cimsuu, Qaqqabummaa gabaa haqa qabeessaa fi sirna raabsa nyaataa haqa qabeessa ta’e guddisuu akkasuma wabii nyaataa addunyaa galmaan ga’uuf biyyoonni imaammata murteessoo ta'an irratti walhubachuun(waldubbisuu)akka qaban ilaalleerra. Qonnaan bultoota ooyiruu xiqqaarratti oomishan keessattu dubartoota damee qonnaarratti bobba'aniif deeggarsa taasisuu; Qonnaan bultoonni qabiyyee lafaa xiqqaa qaban utubaa wabii nyaataa ta'uu isaanii mirkaneesineerra. Kanaaf kutaa hawaasaa qaqqabamummaa gabaa bal'isuun filannoowwan maallaqaa hirmaachisaa dhiheessuu fi dandeetti isaanii ijaaruun hawaasaa isaanii fi addunyaa nyaachisuu akka danda'an gochuu ni dandeenya. +12 See insights and ads Boost post All reactions: 1111

Hawaasummaa
Yuunivarsiitiin Maqalee barattoota sagantaalee garagaraan leenjise kuma lamaa ol eebbisiisaa jira
Nov 9, 2024 18
Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin Maqalee barattoota sagantaalee barnootaa digirii jalqabaa, lammaffaa fi sadaffaan barsiise kuma 2 fi 811 har’a eebbisiisaa jira. Kanneen keessaa gameewwan waldhaansaa, Injiinariingii, saayinsii Uumamaa fi teeknooloojii odeeffannoon kan baratan ta’uu odeeffannoon rejistiraarii Yuunivarsiiticharraa argame nimul’isa. Eebbifamtoota keessaa kuma 1 fi 950 digirii jalqabaan kan eebbifaman yoo ta’u, kan hafan digirii lammaffaa fi sadaffaa kan baratanidha. Dabalataanis eebbifamtoota keessaa dhibbantaan 28 dubartootaa akka ta’an beekameera.
Seerota fayyadama lammiilee mirkaneessuuf gargaaran qopheeffamaa fi fooyyeffamaa jira
Nov 8, 2024 55
Onkoloolessa 29/2017(TOI)- Finfinneetti Seerota fayyadama lammiilee mirkaneessuuf gargaaran qopheeffamaa fi fooyyeffamaa akka jiru biiroon haqaa magaalaa Finfinnee beeksise. Ittigaafatamaan biiroo haqaa magaalaa Finfinnee Taklee Bazzaabih TOIf akka ibsanitti waggaa darbee eegalee bulchiinsi magaalaa Finfinnee hojii riifoormii fi ijaarsa dhaabbilee xumuree dhaabbilee hedduu hojii jalqabsiiseera. Ijaarsi dhaabbilee kan dhugoomu seeraa fi qajeelfama hojmaataan ta’uu eeraniiru. Riifoormii dhaabbileen hojjetan irratti hundaa’uun hammattoowwan sera haaraa qopheessuu fi kan turan fooyyeffamaa akka jiran dubbataniiru. Haala Kanaan sirnoota hojmaataa dhaabbilee bulchiinsa magaalichaa jala jiranii ammayyeessuu fi fooyyessuuf hammattoowwan seeraa, dambiiwwanii fi qajeelfamoota hojmaataa qorannaarratti hundaa’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhan. Akka Kanaan baatiiwwan sadan darban dhaabbileen gaaffii seerri haaraan akka wixinaa’uuf gaafataniin fooyyessoonni seeraa sadii fi qajeelfamni hojmaata seeraa haaraa 18 qophaa’uusaa beeksisaniiru. Seerota bahan hundi akka hubatu karaa maxxansaa, dijitaalaa fi miidiyaalee fi waltajjii uumuun akka hubataman hojjetamaa akka jiran kaasaniiru.
Mariin Ministiroota sirna saalaa fi dhimma hawaasummaa hooggantoota olaanoo biyyoota Afriikaa murteewwan garagaraa dabarsuun xumurame
Nov 8, 2024 54
Onkoloolessa 29/2017(TOI)- Mariin Ministiroota sirna saalaa fi dhimma hawaasummaa hooggantoota olaanoo biyyoota Afriikaa Finfinneetti taa’amaa ture murteewwan garagaraa dabarsuun xumurameera. Miidhaa dubartootarratti raawwatamu ilaalchisuun waliigalteen gamtaan Afriikaa miidhaa dubartootaa fi shamarran irra gahu dhaabsisuuf dandeessisu walgahichaan walii galameera. Ibsa maricha ilaalchisuun dhihaateen hammattichi haqa qaqqabaa taasisuuf, hundi qoodasaa akka bahu abbummaa fi ittigaafatamaa buusuuf deebii hunda galeessa kennuuf akka dandeessisu ibsameera. Waliigaltichi walgahii hooggantootaaf osoo hindhihaatiin dura akkaataa hojmaata gamtaa Afriikaatiin kutaan seeraa fi imaammataa akka ilaalu waliigaluun ragga’eera. Biyyoonni miseensa gamtaa Afriikaa hojiirra oolmaa ibsa qajeelfamootaa walqixxummaa sirna saalaa mirkaneessuu ilaalchisee gabaasni 2023 dhihaateera. Itiyoophiyaa dabalatee biyyoonni miseensa gamtichaa yeroo qabaneefitti gabaasa kan dhiheessan yoo ta’u biyyoonni biroos gabaasa akka dhiheeessan gaafatameera. Walgahichi mirgaa fi ittigaafatamummaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ibsa fi sagantaa raawwii Beejiing gabaasa Afriikaa akkasumas ejjennoo waloo Afriikaa walgahii komishinii dhimma dubartootaa mootummoota gamtoomanii raggaasisuun milkaa’inaan xumurameera. Teessoo Afriikaa komishinichaa taatee kan filatamte Itiyoophiyaan ejjennoo Ardichaa beeksisuu fi biyyoota miseensaa qindeessuun qoodashee akka baatu waltajjicharratti ibsamuusaa odeeffannoon ministeera dhubartootaa fi dhimma hawaasummaarraa argame nimul’isa.
Itiyoophiyaan qabeenya aadaa fi Ispoortii qabdu addunyaaf dhiheessuun bu’a qabeessatti jijjiiruu qabdi
Nov 8, 2024 47
Onkoloolessa 29/2017(TOI)- Itiyoophiyaan qabeenya aadaa fi Ispoortii qabdu addunyaaf dhiheessuun bu’aa isaarraa fayyadamtuu ta’uuf cimnaan hojjechuun nibarbaachisa jedhan ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa. Ministeerri aadaa fi Ispoortii hooggantoota naannoo fi bulchiinsa magaalaa waliin ta’uun dhimmoota imaammataa fi tarsiimoorratti mari’achaa jira. Ministirri aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa baniinsa waltajjiirratti akka jedhanitti, Itiyoophiyaan qabeenya aadaa fi Ispoortii qabdu addunyaatti baasuun bu’aa argamurraa fayyadamtuu ta’uuf ciminaan hojjechuutu barbaachisa jedhaniiru. Walitti bu’iinsa furuu fi nageenya buusuun shoorri artii olaanaadha kan jedhan ministirittiin, artii fi duudhaalee aadaa biyya beeksisuu fi dhaloota ijaaruuf akka meeshaa guddaatti fayyadamuu gabbifnee ittifufna jedhaniiru. Waltajjichi rakkoolee Ispoortii biyyaalessaarra jiran furuuf imaammata Ispoortii keessa deebi’amee fi wixinee labsii Ispoortii, raawwii kurmaana waggaa jalqabaa bara 2017 fi dhimmoota tarsiimoo biroorratti akka mari’atu ibsameera.
Diinagdee
Xiyyaarri Erbaas A350-1000 gara Akraatti balali’e
Nov 9, 2024 15
Onkoloolessa 30/2017(TOI)-Xiyyaarri Erbaas A350-1000 Afriikaattri kan jalqabaa ta’e gara Gaanaa magaalaa Akraatti balali’eera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa jidduu gana Xiyyaara Erbaasii Afriikaarraa kan jalqabaa ta’e kaampaanii Erbaasiirraa harkatti galfachuunsaa niyaadatama. Xiyyaarri Erbaasii A350-1000 Afriikaarraa kan jalqabaa kun jalqabaaf gara Naayijeeriyaa magaalaa Legositti balali’uunsaa nibeekama. Balallii lammataammoo Dubaayitti taasisuunsaa nibeekama. Akkaataa odeeffannoo daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa baaseen magaalaan muummee Gaanaa Akraan Xiyyaara Erbaasii A350-1000 Afriikaarraa kan jalqabaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Kootookitti simatteetti jedheera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota 147 amma qabuun balalliiwwan bakka qaqqabiinsaa 140 fi kan biyya keessaa 22 akka qabu beekameera. Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa A.L.Atti bara 2035 galii waggaa doolaara biiliyoona 25tti guddisuun waggaatti imaltoota miiliyoona 67 imalchiisuuf mul’ata qabatee hojjechaa jira.
Itoophiyaan qabeenya beeyladaa gita qabduun daldala al-ergii irraa akka fayyadamtu qindoominni qooda fudhattootaa cimsuu qaba
Nov 9, 2024 13
Onkoloolessa 30/2017 (TOI) - Itoophiyaan qabeenya beelladaa qabdurraa sharafa alaa barbaachisu argachuun fayyadamummaa ishee guddisuuf hirmaannaan qooda fudhatoota cimuu qaba jedhame. Ministeerri Qonnaa Abbaa Taayitaa Qonnaa Itoophiyaa waliin ta'uun kan qopheessan waltajjii qopheesuun rokkoolee fi furmaata daladaala ala ergii fooniirratti jiru irratti qooda fudhatoota waliin mari'ataa jiru. Itti aanaan Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Qonnaa Dr. Hamid Jamaal; Itoophiyaan qabeenya beeyladaa addunyaa irratti adda duree ta'e qabaattus sirnaan itti fayyadamaa hin jirtu jedhaniiru. Bara baajataa kanatti foon beeyladaa toonii kuma 15 gara gabaa alaatti erguuf karoorfamee hojjetama akka jiru eeraniiru. Ta'uus garuu hanga ammaatti Foon ergame akka karooraatti hamma eegame akka hin taane himaniiru. Bu’aa fooyya’aa argachuuf hojiin dabalataa hojjetamuu akka qabus hubachiisaniiru. Fooyya'insa diinagdee gooroo hordofuun rakkooleen dhiyeessii doolaaraa waliin walqabatan furmaata argachaa akka jiran eeranii, kunis damichaaf abdii guddaa ta'ee jirachuu himaniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii Misooma Beeyladaa Itoophiyaa Doktar Asraat Xeeraa damicha irraa caalaatti fayyadamuuf qulqullina mirkaneessuun alatti bakkeewwan gabaa babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Chaayinaan gama kanaan fedhii akka agarsiifte kan ibsan Daarektarri Olaanaan kun gabaa guddachaa jiruuf dhiyeessii mijatu uumuuf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru.
Misoomni koridoorii magaalicha keessatti hojjetama jiru gaaffii bu’uuraalee misoomaa jiraattotaa deebisaa jira.
Nov 9, 2024 13
Onkoloolessa 30/2017 (TOI) - Magaalaa Arbaamiincittii hojiin misooma koriidarii hojjetama jiru karaa gaaffii bu'uuralee misoomaa uummanni qabu deebisuu fi yaa'insa turtootaa dabaluun hojjetama jirachuu bulchiinsi magaalicha beeksise. Kantiibaan magaalichaa obbo Gazaany Gaamoo TOI'tti akka himanitti; hojiin misooma koriidarii magaalaa Arbaamicitti hojjetama jiru bifa magaalitti kan jijjiru qofaa osoo hin taane jiraatoota magaalichaaf haala jireenyaaf mijataa kan uumudha jedhaniiru. Magaalichatti marsaa jalqabatiin hojii misooma koriidarii hojjetameen daandiin kiloomeetirri 9.6 misoomu himaniiru. Kunis daandii miilaa mijataa, iddoo magariisaa fi bu’uuraalee ibsaa daandii kan hammatu ta’uu eeraniiru. Marsaa lammaffaatiin muuxannoo magaalaa Finfinneerra argameen daandii biskileetii dabalatee bu’uuraalee misoomaa adda addaa kan of keessaa qabu kan hojii misooma koridoorii marsaa tokkoffaa keessatti hin hammatamne ijaaramaa jiru jedhaniiru. Misooma koridooridarii kanaan miidhagina uumamaa burqaawwan afurtamaa magaalichi qabduus miidhagsuu fi kunuunsuu irrattis xiyyeeffatee hojjetamaa jira jedhaniiru. Magaalaa kun magaalaa saffisaan guddachaa jiraachuu fi hojiiwwan misoomaa sadarkaa isaanii eeggatan hojjetama jirachuu ibsaniiru.
Yaa’iin ministiroota daldalaa qaxanaa daldala bilisaa ardii Afriikaa 15ffaa taa’amaa jira
Nov 9, 2024 12
Onkoloolessa 30/2017(TOI)- Yaa’iin ministiroota daldalaa biyyoota miseensa qaxanaa daldala bilisaa ardii Afriikaa 15ffaan galma walgahii gamtaa Afriikaatti taa’amaa jira. Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaa Dr. Kaasahuun Goofee wayita kana akka jedhanitti, yaa’iin kun kallattiiwwan Afriikaa waloomaan bu’a qabeessa taasisan agarsiisuuuf, rakkoolee furuu fi dhimmoota ijoorratti mari’achuuf nidandeessisa. Mariin kun muuxannoo walii qooduu fi furmaatota qabatamaa gara jijjiiramaatti geessan adda baasuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru. Itiyoophiyaan hirmaannaa sektara dhuunfaa, invastimantii kallattii alaa fi dijitaal tiraanisfoormeeshinii jajjabeessuun riifoormii guddinarratti xiyyeeffate gaggeessaa akka jirtu ministirichi dubbataniiru. Qaxanaan Daldalli bilisaa Afriikaa tajaajilootaa fi daldalli meeshaalee gabaa waloo tokko uumuuf carra guddaa fiduusaa ibsanii, biyyoota miseensota jidduutti daldala si’achiisuun, Industiraalaayzeeshinii ijaaruun carraa bal’aa kan uumudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan tumsoota Afriikaatti taasifaman kamiyyuu, mirkanaa’uu wabiin nyaataa, industiraalaayizeeshinii fi ijaarsa dinagdeerratti biyyoota miseensotaa waliin dhaabachuun qoodashee akka baatu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa qaxanaarraa argame nimul’isa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Boqonnaa murteessaan bu’aan hojiirra oolmaa pirojektii teeknooloojii hurrii roobsisuu(cloud seeding) addunyaarratti biyyoonni muraasni qofti hojjetan milkaa’inaan raawwanneerra-Ministira Dr. Abrahaam Balaay.
Nov 7, 2024 65
Onkoloolessa 28/2017(TOI)- Boqonnaa murteessaan bu’aan hojiirra oolmaa pirojektii teeknooloojii hurrii roobsisuu(cloud seeding) addunyaarratti biyyoonni muraasni qofti hojjetan milkaa’inaan raawwanneerra jedhan Ministirri jallisii fi naannawa gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay. Ministirichi ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin fedhiin teeknooloojii madaqsuu fi hojjechuuf qabnuu fihojiin walitti aansinee hojjennu qabatamaan kan mul’atudha jedhaniiru. Waggoota muraasa dura deeggarsa mootummaa Emereetota Araba Gamtoomaniin hojiirra kan oolee fi boqonnaan murteessaan bu’aan hojiirra oolmaa pirojektii teeknooloojii hurrii roobsisuu(cloud seeding) addunyaarratti biyyoonni muraasni qofti hojjetan milkaa’inaan raawwanneerra jechuun ibsan. Pirojektiin tumsa bulchiinsa nageenya odeeffannoo Intarneetii fi Inistiitiyuutii miitiyoorooloojii Biyyaalessaa, deeggarsa maallaqaa fi gaggeessummaa ministeera jallisii fi naannawa gammoojjiin hojiirra kan oole boqonnaan jalqabaa teeknooloojii hojjechuu milkaa’inaan xumuramuusaa fi jalqabiinsa boqonnaa lammataa tumsa dhaabbilee hedduu jalqabamuusaa ilaalchisuun kallattii raawwii haaraa keenyeerra jechuun dubbataniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa akka dhugoomu hojiin nageenya Saayibarii mirkaneessu hojjetamaa jira-bulchiinsa nageenya odeeffannoo intarneetii
Nov 4, 2024 131
Onkoloolessa 25/2017(TOI)-Dijitaalli Itiyoophiyaa akka dhugoomu hojiin nageenya Saayibarii mirkaneessu hojjetamaa akka jiru daarektarri olaantuu adde Tigist Hamiid beeksisan. Baatiin nageenya Saayibarii idil addunyaa yeroo 5ffaaf kabajamaa jiru har’a Dirree Dawaatti marii paanaaliin kabajamaa jira. Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya odeeffannoo Intarneetii adde Tigist Hamiid wayita kana akka jedhanitti, imala Itiyoophiyaa dijitaalaa keessatti nageenya Saayibarii mirkaneessuun filannoo osoo hinta’iin dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti. Haleellaan Saayibariirratti uumamu kamiyyuu miidhaa akka fidu ibsanii, “xiyyeeffannoon nageenya Saayibariif kenninu xiyyeeffannoo dinagdee dijitaalaaf kenninuu gadi ta’uu hinqabu” jedhaniiru. Kanaaf bulchiinsi odeeffannoo Intarneetii imala Itiyoophiyaa milkeessuuf nageenya Saayibariif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka jiru mirkaneessaniiru. Kantiibaan bulchiinsa Dirree Dawaa Kadir Juhaar gamasaaniin Dirree dawaa ‘magaalaa Smaart’ gochuuf, imalli dijitaalaa tajaajila si’ataa fi hatattamaa kennuun jalqabame deeggarsa olaanaa nitaasisa jedhaniiru. Baatiin nageenya Saayibarii mata duree “nageenyi bu’ura misoomaa ijoon, birmadummaa dijitaalaaf” jedhuun Onkoloolessa 1 irraa eegalee Finfinneetti kabajamaa yoo jiraatu ayyaanni kun Finfinnee alatti Dirree Dawaatti yoo kabajamu kan jalqabaa ta’uun ibsameera. Af-yaa’iin mana maree bulchiinsa Dirree Dawaa adde Fathiyaa Aden, miseensonni kaabinee bulchiinsichaa fi miseensonni hooggansaa fi ogeeyyonni damee Saayinsii fi Teeknooloojii ayyanicharratti hirmaataniiru.
Itoophiyaa dijitaalaa ariifachiisuun dinagdee biyyaa guddisuuf hojjecha jira.
Nov 1, 2024 180
Onkoloolessa 22/2017(TOI) - Itoophiyaa dijitaalaa ariifachiisuun dinagdee biyyaa guddisuuf tekinolojii ammaayyaa haaraa galchuu fi babal'isuurratti hojjecha jiraachuu Itiyoo Telekoom beeksise. Pirezidaatiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Lendaamoo gama isaaniin Itiyoo telekoom biyyaa dorgomtuu tekinolojii dijitaalaa ammayya bakka addunyaan geessee madaaluu fi dinagdee dorgomaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Tajaajilli neetworkii moobaayilii 5G'n naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti jalqabameera. Sagantaa jalqabsiisa neetiworkii kun kaleessa galgala kan geggeeffame yoo ta'u sagantaa kanarratti kan argama hoji geggeesituun olaantuu Itiyoo Telekoom tajaajilli netiworkii moobayilii 5G'n tajaajila intarneetii ariitii olaanaa qabu isa dhumaa addunyaan amma irra geessedha jedhaniiru. Biyyoonni tekinolojii kana hojiirra oolchaanis ammaatti muraasa ta'uu himaniiru. Itoophiyaan biyyoota kanneen keessa tokko ta'uu himanii; Itiyoo telekoom Finfinneen alatti magaaloota gurguddoo naannoleetti tajaajila kana babal'isaa jira jedhaniiru. Tajaajilli networkii ariitii qabu kun sirna daldalaa mijeesuu, hojii qonnaa ammayyeesuu fi tajaajila si'ataa kennuuf kan dandeesisudha jedhaniiru. Waggoota jahan darban kubbaaniyyaan kun tekinolojiiwwan ammaayyaa hedduu gara biyyatti galchuun uummata fayyadamaa taasisuuf hojjecha ture jedhaniiru. Itoophiyaa dijitaalaa ariifachiisuun dinagdee biyyaa guddisuuf tekinolojii ammaayyaa haaraa galchuu fi babal'isuurratti kubbaaniyyaan kun ammas ciminaan hojjechaa jirachuu beeksisaniiru.
Tooftaalee odeeffannoo hawaasa bu’uureffatanii fi beekumsoota naannawaa tooftaalee dijitaalaatiin walitti firoomsuun misooma Staatistiiksiif bu’uura-Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Oct 30, 2024 222
Onkoloolessa 20/2017 (TOI)-Kalaqa mandhalee keessatti tooftaalee odeeffannoo hawaasa bu’uureffatanii fi beekumsoota naannawaa tooftaalee dijitaalaatiin walitti firoomsuun misooma Staatistiiksiif bu’uura jedhan Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Ittaanaan ministira muummee ergaa karaa fuula marsariitiisaanii dabarsaniin sagantaa baniinsa komishinii Istaatistiiksii Afriikaa saglaffaa mata duree “ dandeettii kalaqaa Afriikaa guddina Staatistiiksiif fayyadamuu” jedhuun har’a jalqabamerratti argamneerra jechuun ibsaniiru. Staatistiiksii ammayyeessuu fi sirnoota hojmaataa jiran ammayyeessuuf akkasumas cimina akka Afriikaatti akkaataa waloon fayyadamuu dandeenyurratti kan mari’annudha jedhaniiru. Odeeffannoon qabeenya ummataati kan jedhan ittaanaan ministira muummee, qabeenya kana sirnaan fayyadamuuf sirnoota staatistiiksii ammayyarratti invast gochuu barbaachisa jechuun hubachiisaniiru. Kanaaf mootummoonni Afriikaa yaada guddaa carraa Afriikaa fuulduraa ijaaruuf taasifamurratti kutannoo qabaachuu qabna jedhan ittaanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.
Ispoortii
Pirezidaantii Waldaa kubbaa miilaa Addunyaa(WKMA)Jiyaanii Infantiinoof gaggeessaan taasifame
Oct 22, 2024 651
Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Pirezidaantii Waldaa kubbaa miilaa Addunyaa (WKMA) Jiyaanii Infantiinoof buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti gaggeessaan taasifameef. Pirezidaantiin WKMA Jiyaanii Infaantiinoo yaa’ii walii gala idilee konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA)46ffaarratti hirmaachuuf kaleessa Finfinnee dhufuunsaanii nibeekama. Ministirri aadaa fi Ispoortuii Shawiit Shaankaa fi pirezidaantiin federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa obbo Isaayyaas Jiraa dabalatee hooggantoonni biroon pirezidaantii WKMA gaggeessaniiru.
Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama.
Oct 22, 2024 379
Onkoloolessa 12/2017 (TOI) - Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheessite haala sirna adeemsa hojii CAF'n ni ilaalama jedhan Pireezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Paatrisi Motsepee. Yaa'iin Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaa Itoophiyaan keessummeessite xumuramera. Pireezdaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatriis Mootsipee fi hoggantoonni CAF biroon waliin ta'uun Yaa’ii Waliigalaa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Itoophiyaan seenaa kubbaa miilaa Afrikaa keessatti gahee gahee olaanaa akka qabduu fi miseensota hundeesitoota CAF keessaas tokko akka taate Pireezidaantin CAF ibsaniiru. Itoophiyaan biyya bilisummaa Afrikaa keessattillee shoora olaanaa taphatte ta'uu eeraniiru. Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf gaaffiin dhiheessite yeroo isaakan eeggate akka ta'ees ibsaniiru. Itoophiyaanonni kubbaa miilaatiif fedhii fi hidhannii isaan qaban guddaa ta'uu kan hubatan ta'uu eeranii; Ispoortiin humna guddaa tokkummaa uummata cimsudha jedhaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad Istaadiyeemii fi bu’uuraalee misoomaa ispoortii Itoophiyaatti hojjetamaa jiran isaan daawachiisuu isaanii fi waan arganittis gammaduu ibsaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan waancaa Afrikaa keessummeessuuf dhiheesitee haala sirna adeemsa hojii CAF'n kan ilaalamu ta'uu himaniiru. Itoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa CAF milkaa’inaan keessummeessuu himanii haala Itoophiyaanoonni itti keessuummaa simatan dinqisiifataniiru.
Yaa’iin waliigalaa idilee KKMA 46ffaa Itiyoophiyaan qopheessite xumurame
Oct 22, 2024 337
Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Yaa’iin waliigalaa idilee konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) 46ffaa Itiyoophiyaan qopheessite murteewwan addaddaa dabarsuun xumurameera. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dabalatee pirezidaantiin konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa Paatriis Mootseeppee fi miseensonni hojii raawwachiisaa KKMA, pirerzidaantiin Fiifaa Jiyaanii Infantiinoo fi barreessaan muummee Fiifaa Maatiyaas Giraafstiroom, federeeshinoonni kubbaa miilaa biyyoota miseensa fi pirezidaantoonni waldaalee kubbaa miilaa qaxanaa akkasumas qaamolee qooda fudhattoota Ispoortii biroon yaa’icharratti hirmaataniiru. Gabaasonni raawwiin hojii kan waggaa, bajataa, Faayinaansii, odiitii fi koreewwan KKMA garagaraa yaa’ii waliigalaarratti dhihaatanii mariin taasifameera. Keewwattoota addaddaa shoora yaa’ii waliigalaa, walgahiiwwan koree hojii raawwachiisaa kan waggaa fi Eksipoo KKMA dabalatee danbii ittiin bulmaataa KKMA irratti argaman irratti fooyyessi taasifameera. Misoomaa fi guddina Kubbaa miilaa Afriikaa cimsuu, bu’a qabeessummaa Afriikaan guddina kubbaa miilaa addunyaarratti qabdu guddisuu, ijaarsa bu’ura misoomaa Ispoortii, baay’ina faayinaansii biyyoonni miseensa KKMA misooma kubbaa miilaaf Ramadan guddisuu kan jedhan yaadota ijoo yaa’ii kanarratti kaafamanidha. Dabalataanis naamusa Ispoortii, hojmaata badaa dhabamsiisuun bulchiinsa gaarii buusuu fisanyummaa ittisuu dhimmoota ijoo yaa’ii kanarratti kaafamanidha. Konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa(KKMA) gaaffii Itiyoophiyaan bara 2029 Waancaa Afriikaa qopheessuuf gaafatte fudhatee akka raggaasu pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii kanarratti gaafachuunsaanii niyaadatama.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee KKMA gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa qopheessuuf gaafatte fudhatee akka raggaasu waamicha taasisan
Oct 22, 2024 347
Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee konfedereeshiniin kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa qopheessuuf gaafatte fudhatee akka raggaasu waamicha taasisan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad kaleessa afeerraa irbaataa hooggantoota olaanoo pirezidaantota Fiifaa fi Koree hojii raawwachiisaa KKMAf masaraa biyyaalessaa guddichatti taasisairratti Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa bara 2029 adeemsifamu qopheessuu nidandeessi jechuunsaanii niyaadatama. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee yaa’ii waliigalaa KKMA 46ffaa har’a Hoteela Skaay Laayititti taa’amaa jirurratti Isin Afriikaanonni Baga gara biyya keessan Itiyoophiyaa nagaan dhuftan jedhaniiru. Itiyoophiyaan kubbaa miilaa Afriikaa keessatti ashaaraa guddaa akka qabduu fi A.L.Atti bara 1957 KKMA wayita hundeeffamu biyyoota hundeessan keessaa tokko ta’uushee ibsaniiru. Pirezidaantii KKMA kan ta’an Yidnaqaachoo Tasammaa kubbaan miilaa Afriikaa addunyaarratti bakka isaaf malu akka argatu gumaachasaanii taasisuusaanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyya jaalattoota kubbaa miilaa miiliyoonota qabdudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan qooda seena qabeessa kubbaa miilaa Afriikaa keessatti qabdu tilmaama keessa galchuun Waancaa Afriikaa A.L.Atti bara 2029 adeemsifamu qopheessuuf gaafachuushee eeraniiru. Itiyoophiyaan kubbaa miilaatti fayyadamtee kubbaa miilaa Afriikaa guddisuu fi Ispoortiidhaan biyya ijaaruuf akka hojjettu dubbataniiru. Itiyoophiyaan waancaa Afriikaa qopheessuuf Istaadiyeemota ijaaraa kan jiranirratti fooyyessa taasisaa akka jirtu himaniiru. KKMA gaaffii Waancaa Afriikaa qopheessuuf Itiyoophiyaan gaafatte fudhatee akka raggaasu pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaafataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah sagantaa ashaaraa magariisaa biyyasaaniitti hojeessuuf fedhii akka qaban ibsan
Nov 6, 2024 89
Onkoloolessa 27/2017(TOI)-Sagantaa ashaaraa magariisaa yaada ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojeeffamaa jiru Giiniitti hojeessuuf fedhii akka qaban ministirri muummee biyyattii Amaaduu Urii Baah ibsaniiru. Ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah har’a ministira dhimmi alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos waliin dhimmoota gamlamee fi Afriikaarratti mari’ataniiru. በHaala Kanaan ministirri muummee Giinii Amaaduu Urii Baah sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaatti hojeeffamaa jiru bu’a qabeessa ta’uusaa ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimmi alaarraa argame nimul’isa. Sagantaa ashaaraa magariisaa bu’a qabeessa kana biyasaaniitti hojeessuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaan muuxannoo misooma dinagdee fi kanneen biroo qabdu Giiniitti fudhachuuf akka barbaadan ibsuudhaan kanaaf ammoo deeggarsi teekiniikaa akka taasifamuuf gaafachuunsaanii himameera. Biyyoonni lamaan Kanaan dura dhimmoota hedduurratti kan walii mallatteessan hojiirra oolchuuf tumsaan hojjechuun akka barbaachisus kaasaniiru. Ministirri dhimmi alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin Itiyoophiyaan muuxannoo garagaraa qabdu Giiniif qooduuf qophiidha jedhaniiru. Qabeenyi bishaanii Itiyoohiyaa deebi’ee akka bayyanatu Ashaaraan magariisaa qooda olaanaa bahaa akka jiru ministirichi ibsaniiru. Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad A.L.Atti bara 2020 Giiniitti tasisan hariiroo seena qabeesa kana sadarkaa olaanaatti kan ceesise ta’uu ministirichi dubbataniiru. Barreessaa olaanaa dhaabbata gamtaa Afriikaa kan turan Diyaaloo Teelii hariiroo Itiyoo-Giinii keessatti qooda olaanaa akka bahan Ministirri muummee Giinii yaadachiisuunsaanii odeeffannoo kana keessatti ibsameera.
Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa misooma naannawaa fi fayyaaf bu’ura kan ta’udha
Oct 22, 2024 386
Onkoloolessa 12/2017(TOI)- Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa misooma naannawaa fi fayyaaf bu’ura ta’uusaa dhaabbata fayyaa addunyaatti daarektarri naannawaa, jijjiirama haala qilleensaa fi fayyaa Dr. Maariyaa Neeraa ibsan. Haallottan qormaata addunyaa yeroo ammaa keessaa jijjiirama haala qilleensaa fi waliin dhahamuu waqtootaati. Sababa Kanaan Ongeen, roobni hamaa fi cabbiin akkasumas taateewwan fayyaa namaaf rakkisaa ta’an bal’inaan mul’achaa dhufaniiru. Rakkoo idil addunyaa kana furuuf carraaqqiin waloo fi misoomni barbaachisaa akka ta’e amanamus biyyoonni akka Itiyoophiyaa carraaqqii dhuunfaasaanii tiin furmaata egereef hojjechaa jiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan waggoottan jahan darbaniif biqiltuu biiliyoona 40 dhaabuun dinagdee jijjiirama haala qilleensaaf hinsaaxilamne ijaaruuf carraaqqii guddaa taasisaa jirti. Amma ammaattis bosonni Itiyoophiyaa sadarkaa xiqqaa jirurraa gara dhibbantaa 23 tuqaa 6 guddachuun jijjiiramni mul’atu galmaa’eera. Dhaabbata fayyaa addunyaatti daarektarri naannawaa, jijjiirama haala qilleensaa fi fayyaa Dr. Maariyaa Neeraa sektara kanarratti carraaqqiin Itiyoophiyaa dinqisiisaa ta’uu TOItti himaniiru. Sagantaan Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa misooma naannawaa fi fayyaaf bu’ura ta’uusaa ibsaniiru. Keessumaa qaamolee bishaanii kunuunsuun dhukkuboota bishaaniin dhufan hir’isuu fi dhukkuboota sababa jijjiirama haala qilleensaatiin dhufan ittisuuf furmaata ijoo ta’uu ibsaniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa isheerra darbee idil addunyaaf hiikoo akka qabaatu daarektarri kun ibsaniiru. Baay’ina ummataatiin Afriikaarraa adda duree kan ta’an keessaa tokko kan taate Itiyoophiyaan du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuu dabalatee carraaqqiin fayyaa lammiishee waliigalaa eeguuf taasiftu dinqisiisaa ta’uu kaasanii, dhaabbannisaanii deeggarsa kana cimsee akka ittifufu mirkaneessaniiru.
Carraaqqii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf Taasiftuuf Cheek Rippaabiliik deeggarsashee nicimsiti
Oct 21, 2024 366
Onkoloolessa 11/2017(TOI)- Carraaqqii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi bulchiinsa lafaa egeree cimsuuf taasiftuuf tumsashee akka cimsitu ambaasaaddarri biyyattii Miirooslaav koosiik dubbatan. Embaasichi dhaabbilee gargaartotaa biroo waliin ta’uun marii dandeettii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi bulchiinsa lafaa egeree cimsuuf tumsa ogeessotaa guddisuu jedhuun qopheesserratti ambaasaaddarichi kana kan dubbatan. Itti dabaluunis, dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa addunyaa qoraa jiruuf tumsa cimsuun fi furmaata teeknooloojiin deeggarame nibarbaachisa jedhan. Dandeettii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf qabdu guddisuuf hojii hojjechaa jirtuuf Cheek tumsashee Kk cimsitu ibsaniiru. Kana malees jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf gama teeknooloojii fi hojiilee birootiin tumsashee akka ittifuftu mirkaneessaniiru. Gorsaan ministira qonnaa Dr. Mitikkuu Ayyalee gamasaaniin, Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojii hedduu hojjechaa jirti jedhaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddina dinagdee biyyaaf gumaacha olaanaa qabu dabaluuf bulchiinsa lafaa egereerratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Hojii kana caalaatti bu’a qabeessa taasisuuf dhaabbileen mootummaa fi mitmootummaa akkasumas tumsi hawaasa addunyaa murteessaa ta’uu eeranii, teekniikaa fi kanneen biroon tumsasaanii akka ittifufan waamicha taasisaniiru. Ogeeyyonni jijjiirama haala qilleensaa fi bulchiinsa lafaan walitti dhufeenya qaban, bakka bu’oonni mootummaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.
Kirkirri lafaa guyyaa keesaa naannawa sa’aatii 6tti Awaashitti mudate Finfinneetti dhagahame
Oct 17, 2024 502
Onkoloolessa 7/2017 (TOI)- Kirkirri lafaa guyyaa keesaa naannawa sa’aatii 6tti Awaash Fantaannee mudate Finfinneetti naannawa addaddaatti dhagahameera. Raafamni kirkira lafaa kaleessa galgala mudate ammas deebi’ee Finfinneetti mudachuusaa Yuunivarsiitii Finfinneetti daarektarri Ji’oofiiziiksii fi Saayinsii hawaa Dr,. Eliyaas Leewii ‘EBC’ mirkaneessaniiru. Kirkirri lafaa guyyaa keessaa sa’aatii 6 daqiiqaa 10 sakondii 9tti Awaash Fantaaleetti mudate Rekta Iskeeliidhaan 4.6 akka ta’e ibsaniiru. Kirkirri lafaa kun naannawa Awaash Fantaallee bakka yeroo darbe mudatetti yemmuu ta’u sochiin kirkira lafaa naannawicha jiru ammallee akka hindhaabanne Dr. Eliyaas Leewwii dubbataniiru. Raafamni kirkira lafaa amma mudate xiqqaa ta’uusaa ibsanii, sochiin dhagaa baquu Awaash Fantaallee fi magaalaa Saaburee jidduu jiru amma hindhaabannetti kirkirri lafaa ittifufuuf akka danda’u eeraniiru.
Gabaasa addaa
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 394
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.
Naannoo Tigiraay bakka tokko tokkootti humni ibsa adda cituu danda'a
Aug 21, 2024 1274
Hagayya 15/2016(TOI) - Naannoo Tigiraay bakka tokko tokkotti humni ibsaa adda cituu akka danda'u Tajaajilli Humna Ibsaa Itoophiyaa beeksise. Adeemsa sarara dadabarsa bishaan gara Hidha humna ibsaa maddisiisuu Takazeetti galchuurratti Yuunitiiwwan buufatarra jiran hojii waan dhaabaniif naannicha bakka tokko tokkotti humni ibsaa addaan cituu akka danda'u beeksiseera. Hidha kana keessa yeroo bishaan gad dhiifamu hurriin hurkaan uumamuu Tiraansfoormarootaa fi mana humna maddisiisurraan miidhaa akka hin geenyee Yuunitiiwwan lamaan akka hojii dhaaban taasifamuu dhaabbatichi beeksiseera. Kanaaf Voolteejiin waan jeeqameef naannoo Tigiraay bakka tokko tokkotti humni ibsaa adda cicituu kan danda'u ta'uu beeksiseera. Roobni gannaa fi bishaan gara hidhichaa galu hanga hir'atutti rakkichi guyyootaaf kan itti fufu ta'uu eeruun maamiloonni obsaan akka eeganii fi filannoowwan biroo akka fayyadama hubachiiseera. Haaluma kanaan yaa'a hidhichaa gadii fi olii kanneen jiran Xaanqoo, Abargallee, Qollaa Taambeen, Balaa'ilay fi Taahitay maaycoow, Marabila'aa, Asgadaa tsinbalaa,Balaa'ilay fi taahitay Adiyaabaa, madabaay zanaa, Taahitay qorqoroo, waliigalaan jiraatonnii aanaalee naannawwaa laga Takazee fi qaamoleen bulchiinsaa ofeeggannoo barbaachisaa akka taasisan waamicha taasisuu Odeeffannoon Tajaajila Humna Ibsaa Itoophiyaarra argame ni muli'isa.