ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan riijinichi akka tasgabbaahu deeggarsa taasiftu cimsuu qabdi-Muhaammad Alii Yuusuuf
May 14, 2025 4
Caamsaa 06/2017(TOI)-Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf carraaqqii waloo taasifamu deeggarsashee akka itti fuftu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf dhaaman. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaamud Alii Yuusuuf gamtaa Afriikaa fi mootummoota gamtoomaniitti komishinii dinagdee Afriiikaatti ergamtuu dhaabbataa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Hirut Zammanee waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Mariin taasisan riifoormiiwwan dhaabbilee komishnichaa fi Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan dabalatee nagaa fi tasgabbii qaxanichaarratti kan xiyyeeffate ture. Itiyoophiyaan hooggansa komishinii gamtaa Afriikaa haaraaf deeggarsa akka gootu ambaasaaddar Hirut ibsaniiru. Hanqinni maallaqaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaa (Awusom) mudate Itiyoophiyaa akka yaddesse ibsaniiru. Raawwiin waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa harkifataa ta’uu isaa fi tasgabbii biyyattiirratti dhiibbaa hinmalle akka qabu dubbataniiru. Sudaaniin walqabatee furmaanni kallattii siyaasaa gamtaa Afriikaa hordofe akka jiraatu shoorri Kanaan dura ture bifa haaraan akka jabeessu gaafataniiru. Nagaa fi tasgabbiin ajandaawwan ijoo komishinichaa akka ta’e dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Muhaammad Alii Yuusuuf himaniiru. Itiyoophiyaan qooda mana maree nagaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa keessatti qabduun nagaa fi tasgabbii riijinichatti carraaqqiiwwan waloo taasifamaa jiraniif deeggarsa taasisaa jirtu akka itti fuftu dhaamuusaanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa.
Madin Itiyoophiyaan injifachuun adda durummaasaa cimsateera
May 13, 2025 37
Caamsaa 05/2017(TOI)-Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 29ffaan Madin Itiyoophiyaan galchii 2 fi 0’n Faasiila kanamaa mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti waareerratti taphatameen goolii taphataan lammii Yugaandaa daqiiqaa 43 fi 56 irratti galcheen gareen Madin Itiyoophiyaa mo’ateera. Haala Kanaan adin Itiyoophiyaan qabxii 57n liigicha dursaa jira. Bara dorgommii kanatti yeroo 177ffaaf mo’ateera. Faasiil kanamaan yeroo 8ffaaf mo’amee qabxii 35n sadarkaa 10ffaa irra jira. Taphoota liigichaa darban shaniin homaa hin mo’anne. Taphni torbee 29ffaa sa’aatii boodas itti fufeera.
Godinichatti lafti hektaarri kuma 484 ol Qonna Gannaan Misoomaa jira
May 13, 2025 37
Caamsaa 05/2017(TOI)-Godina Harargee Bahaatti lafti hektaarri kuma 484 ol qonna Gannaan misoomsaa jiraachuu waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksise. Wajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaatti Qindeessan Hojii Misooma Midhaanii obbo Miidhagsaa Dheeressaa TOI’f akka ibsanitti, Godinichatti Aanaa 15 keessaati Misooma Gannaan lafti hektaara 484 ol misoomsuun eegaleera. Kana keessaa lafti hektaara kuma 144 ol ta’u qotamuu ibsuun walii gala Qonna gannaan lafti hektaarri kuma 362 Kilaasteraan Misooma jedhaniiru. Boqqolloo, Bisingaa, Xaafii, Qamadii, Loozii fi Kanneen Biroon Omishamaa Jiraachuu Ibsaniiru. Itti fayyadama Teekinooloojii qonnaan bulaadabaluun fi deeggarsa ogeeyyii Qonnaan hamma omishaa hektaaratti argamu guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru, kanaanis callaa kuntaala Miliyeena 11 fi kuma 200 ol sassaabuuf karoorfamuu ibsuun, kunis omisha bara darbee waliin yeroo madaalamu kuntaala Miiliyoona lamaa ol caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Xaa’oon kuntaalli kuma 171 ol qotee bulaa qaqqabaa akka jiru ibsameera. Godinichatti Qonna Arfaasan lafa misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarr kuma 70 facafamuu Obbo Miidhagsaan beeksisaniiru.
Imaltoota Hajjii fi Umraaf geejjiba qilleensaa si’ataa fi mijataa dhiheessuuf qophii xumureera-Daandii qilleensaa
May 13, 2025 29
Caamsaa 05/2017(TOI)- Imaltoota Hajjii fi Umraaf geejjiba qilleensaa si’ataa fi mijataa kennuuf qophii xumuruusaa Gareen daandii qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise. Manni maree waliigalaa dhimmoota islaamummaa Itiyoophiyaa gumaacha daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa imaltoota Hajjii Umraaf waggaa waggaan taasisaa jiruuf galateeffateera. Imala amantaa hajjii fi umraa barana yeroo 1446f taasifamu ilaalchisuun manni maree walii gala dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa fi gareen daandii qilleensaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru. Pirezidaantiin mana maree walii gala dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Sheeh Hajjii Ibraahim Tufaa wayita kana, imalli amantaa Hajjii fi Umraa akka milkaa’u daandiin qilleensaa waggaa waggaan gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru. Imalli baranaas akka milkaa’u tajaajilli si’ataan akka jiraatu gochuun carraaqqii walitti fufaa agarsiiseef galateeffataniiru. Hoogganaan olaanaa damee daldalaa garee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Lammaa Yaaddechaa gamasaaniin, daandiin qilleensichaa Musliimota Itiyoophiyaa fi addunyaarraa Saa’ud Arabiyaa dhaqaniif qophii tasiseera jedhan. Imalli Hajjii fi Umraabarana yeroo 1446f tasifamu boru waareerraa eegalee nideemama.
Fooramii Invasti Itiyoophiyaan walii galteen invastimantii doolara biliyeena 1tuqaa 1 ol akka taassifamu ni’eegama- Komishinar Dr. Zallaqee Tamasgeen
May 13, 2025 44
Caamsaa 05/2017(TOI)-Foramii Invast Itiyoophiyaan 2025n waliigalteen investimentii doolara Amerikaa Biliyoona 1 tuqaa 1 ol ni taassifama jedhamee akka eegamu komishinariin komishinii Invastimantii Dr. Zallaqee Tamasgeen ibsan. Foramiin bizinasii olaanaa Itiyoophiyaatti Invast godhaa 2025 pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee bakka aragamanitti Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Komishinariin Invastimantii Dr. Zallaqaa Tamasgeen turtii TOI waliin taasisaniin waggoottan toorba darban hojiileen riifoormii damee invastimantii jabeessan hedduun hojjetamuu ibsaniiru. Kanaanis haalli Mijataan Investimentiif uumamuu eeranii, wantoota kanaan dura sektara kanarratti gufuu ta’an maqsuun danda’amuu ibsaniiru. Foramii Invast Itiyoophiyaa 2025n dhimmoota sadii milkeessuun akka barbaadamu ibsanii, kan calqabaa carraalee jiran beeksisuu ta’uu dubbataniiru. Lammaffaan Investimentii Haaraa hawachuu, xiyyeeffannoo Mootummaandamichaaf kenne beeksisuu ta’uu himaniiru. Dabalataan fooramichi kutannoo Itiyoophiyaan qabduu akkasumas Investimentiif mijattuu ta’uushee hubannaa uumudha jedhaniiru. Sadaffaan Waliigalteewwan Investimentii qabatamaan ta’e fooramicha irraatii kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Pirojektootaa baatiiwwan darban hojettamaa turaniin walii galtee investimentii doolaara biliyoona 1tuqaa 1 ol akka taassifamu eeraniiru.. Foramiin Invast Itiyoophiyaa 2025 qophheessummaa komishinii Invastimantii Itiuyoophiyaa, ministeera maallqaa fi dhaabbilee deeggartoota misoomaan adeemsifamaa ture har’a akka xumuramu eegama.
Siyaasa
Itiyoophiyaan riijinichi akka tasgabbaahu deeggarsa taasiftu cimsuu qabdi-Muhaammad Alii Yuusuuf
May 14, 2025 4
Caamsaa 06/2017(TOI)-Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf carraaqqii waloo taasifamu deeggarsashee akka itti fuftu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf dhaaman. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaamud Alii Yuusuuf gamtaa Afriikaa fi mootummoota gamtoomaniitti komishinii dinagdee Afriiikaatti ergamtuu dhaabbataa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Hirut Zammanee waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Mariin taasisan riifoormiiwwan dhaabbilee komishnichaa fi Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaan dabalatee nagaa fi tasgabbii qaxanichaarratti kan xiyyeeffate ture. Itiyoophiyaan hooggansa komishinii gamtaa Afriikaa haaraaf deeggarsa akka gootu ambaasaaddar Hirut ibsaniiru. Hanqinni maallaqaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaa (Awusom) mudate Itiyoophiyaa akka yaddesse ibsaniiru. Raawwiin waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa harkifataa ta’uu isaa fi tasgabbii biyyattiirratti dhiibbaa hinmalle akka qabu dubbataniiru. Sudaaniin walqabatee furmaanni kallattii siyaasaa gamtaa Afriikaa hordofe akka jiraatu shoorri Kanaan dura ture bifa haaraan akka jabeessu gaafataniiru. Nagaa fi tasgabbiin ajandaawwan ijoo komishinichaa akka ta’e dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Muhaammad Alii Yuusuuf himaniiru. Itiyoophiyaan qooda mana maree nagaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa keessatti qabduun nagaa fi tasgabbii riijinichatti carraaqqiiwwan waloo taasifamaa jiraniif deeggarsa taasisaa jirtu akka itti fuftu dhaamuusaanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa.
Manni marichaa labsiiwwanii fi waliigalteewwan garagaraa afur raggaase
May 13, 2025 64
Caamsaa 05/2017(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa wixinee labsii waliigaltee liqii lama, waliigaltee geejjiba qilleensaa tokkoo fi waliigaltee korporeeshinii faayinaansii Afriikaa hundeessuuf taasifame raggaaseera. Manni marichaa walgahii idilee 29ffaa bara hojii waggaa jahaffaa har’a taa’eera. Wixinee labsii waliigaltee liqii yuuroo miil. 11 fi 500 misooma naannawaa fi dinagdee magariisaaf mootummaa Xaaliyaaniirraa argame fi sagantaa tiraanisfoormeeshinii damee barnootaaf waldaa misoomaa idil addunyaarraa argame doolaara miiliyoona 50 sagalee guutuun raggaafameera. Akkasumas waliigalteen tajaajila geejjiba qilleensaa mootummaa Itiyoophiyaa fi Ostiriyaa jidduutti mallatteeffame sagalee guutuun raggafameera. Akkasumas wixineen labsii waliigaltee korporeeshinii Faayinaansii Afriikaa dhaabuuf taasifame raggaasuuf dhihaate dhorka sagalee sadii fi sagalee caalmaan ragga’eera. De’eetaan ministira gargaartuu itti waamamtuu mootummaa Masarat Hayilee wixineewwan labsii walii galtee liqii bal’inaan dhiheessaniiru.
Afriikaatti dinagdee dijitaalaa ijaaruun, nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun xiyyeeffannoo gamtichaa fuulduraati-Mahaammud Alii Yuusuuf
May 13, 2025 60
Caamsaa 05/2017(TOI)-Sagalee Afriikaa addunyaarratti dhageessisuu, dinagdee dijitaalaa kalaqaan deeggarame ijaaruun nagaa fi tasgabbii mirkaneessuun xiyyeeffannoo ijoo gamticha fuulduraa ta’uu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf ibsan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf xiyyeeffannoo tarsiimawaa fuulduraa hooggantoota komishinichaa haaraa ilaalchisuun miidiyaalee biyya keessaa fi biyya alaaf ibsaniiru. Mootummaa karaa heera mootummaan ala jijjiiramuun demokiraasii Ardichaa quucarsuun fedhii Afriikaanonni nagaa fi tasgabbiif qaban balaarra buusaa akka jiran ibsaniiru. Akka Kanaan nageenya birmaduu biyyoota miseensaa eegsisuun Afriikaa nageenyishee eegamee fi bulchiinsi demokiraasii keessatti dhufe uumuun hojii fuulduraa komishinii gamtichaa ta’uu beeksisaniiru. Caasaan bulchiinsaa dhaabbilee idil addunyaa “Afriikaa kan qoode, alhaqummaan seena qabeessaan” kan guutame waan ta’eef sirraa’uu akka qabu cimsanii kaasaniiru. Kanaaf dhageettii Afriikaa guddisuun mana maree nageenyaa dhaabbat mootummootaa fi dhaabbilee biroorratti fooyya’umsi akka taasifamu akka taasifamu gochuun galma ijoo ta’uun akka hojjetamu ibsaniiru. Sirna Dinagdee dijitaalaa kalaqaan guutame ijaaruun guddina dinagdee biyyoota miseensaa si’achiisuun dhimma ijoo xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu dubbataniiru. Mul’anni kun akka milkaa’u dandeettii dargaggootaa fi dubartootaa gabbisuun ijoo ta’uu kaasanii, kanaaf ammoo ministirri dhimma alaa Taanzaaniyaa duraanii gamtaa Afriikaatti ergamaa addaa dubartootaa ta’uun muudamuusaanii beeksisaniiru. Tumsa dinagdee riijinii Ardichaa cimsuun hojiirra oolmaan imaammat qindaa’aa misooma Afriikaa saffisiisu dhugoomsuuf akka hojjetan kaasaniiru. Fayyaa ilaalchisuun Afriikaatti qophii dhukkuba qolachuu fi weeraraaf deebii kennuu jiru cimsuun dandeettii jiddugala Afriikaatti dhukkuba qolachuu guddisuuf hojjechuun hojii komishinichaa itti aanu ta’uu himaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Oromiyaa
Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii riijinichaa mirkaneessuuf tumsa barbaachisa- Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
May 13, 2025 63
Caamsaa 05/2017(TOI)- Shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran qolchuun nagaa fi tasgabbii riijinichaa mirkaneessuuf tumsa biyyootaa akka barbaachisu daarektar jeneraaliin odeeffannoo fi nageenyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan. Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa mata duree “tumsa odeeffannootiin nageenya riijinichaa jabeessuu” jedhuun Finfnneetti taa’amaa jira. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, biyyoonni miseensa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Bahaa, gamtaan Afriikaa fi bakka bu’oonni biyyoota garagaraa irraa dhufan saganticharratti argamaniiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo nageenyaa biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen wayita kana akka jedhanitti, shororkeessummaan, yakkoonni daangaa qaxxaamuran, haleellaan Saayibarii fi, walitti bu’iinsi yaaddoo riijinichaa ta’uun ittifufaniiru. Yaaddoon nagaa fi tasgabbii qaxanichatti mul’atan ga’umsaan qolachuuf dhaabbilee nageenyaa biyyootaa odeeffannoo waliiqooduun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kana malees dhaabbiileen tumsa cimaa uumuun nagaa fi tasgabbii qaxanichaa mirkaneessuun nibarbaachisa jedhaniiru. Tajaajilichi nagaa fi tasgabbii qaxanichaaf qoodasaa bahaa akka jiru ibsanii, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa qaxxaamuran biroo qolchuuf riifoormii taasisuusaa ibsaniiru. Bakka bu’aandura taa’aa komishinii gamtaa Afriikaa fi hoogganaan muummee gamtichaa ambaasaaddar Mohaammad Iil amiin, gamtichi yeroo murteessaa ta’etti nagaa fi tasgabbii riijinichaarratti mari’achaa jira jedhaniiru. Haleellaa Saayibarii, altasgabbaayuu Siyaasaa fi shororkeessummaa qolachuuf tumsi barbaachisaadha jedhan. Kanaaf odeeffannoon cimaan biyyoota riijinichaa jidduu jiraachuu jiraachuu akka qabu dubbataniiru.
Koreen Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Afriikaa shororkeessuummmaa fi finxaalessummaa Ardichatti qolachuuf tattaaffii taassifamu deeggaruun nibarbaachisa
May 12, 2025 93
Caamsaa 04/2017(TOI)-Tattaaffii KoreenTajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Afriikaa shororkeessummaa fi Finxaalessumaa qolachuun Ardichatti Tasgabbii, Nageenya fi Misooma buusuuf taasisu deeggaruun akka barbaachisu Itti Aanaan daarektar jeneraalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer ibsaniiru. Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa mata duree “tumsa odeeffannoon nageenya riijinichaa jabeessuu’’ jedhuun magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira. Walgahiin riijinii dhaabbilee odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Bahaa tumsa odeeffannootiin nageenya riijinichaa nigargaara jedhan itti aanaan daarektar jeneraalii tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer. Shororkeessummaan, finxaalessummaan, walitti bu’insai idhannoon deeggarame, weerarrii fi yakkoonni daangaa ce’an biroo hara’as yaaddoo riijinii Afriikaa bahaa ta’anii itti fufuu ibsaniiru. Yaaddoo nageenyaa Riijinicha jiru to’achuun nagaa buusuuf tumsi odeeffannoo qindaa’aan biyyoota gidduutti nibarbaachisa jedhaniiru. Waltajjiin Dhaabbilee odeeffannoo fi nageenya Afriikaa bahaa raawwannaa tumsa riijiniif carraa akka uumu dubbataniiru. Hojiin nageenyaa tumsa waliinii kan gaafatu ta’uu kan ibsan obbo Taazeer, dhaabbileen qindoomina Seera bu’uureffate uumuu qabu jedhaniiru. Koreen tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa shororkeessummaa fi Finxaalessummaa qolachuuf biyyoota gidduutti waloomaan tumsuun shoora olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Koreen tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa rakkoo faayinaansii qabu hiikuun nageenya ardichaaf, nagaa fi misoomaaf tattaafii taassisu deeggaruu qabna jedhaniiru. Barreessaan olaanaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Jaksan Hamaataa gamasaaniin, kaayyoon koree kanaa nageenya riijinichaa waloomaan tiksuuf tumsa uumuu ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni Afriikaa Bahaa qindoomina odeeffannoorratti hundaa’e uumuun shororkeessummaa fi yakkoota daangaa cehan qolachuu akka qaban dubbataniiru. Nagaa fi tas-gabbii riijinichaa mirkaneessuuf deeggarsa biyyoota shororkeessotaa fi yakkaa babal’isanii fashalaeessuu qabna jedhaniiru .
Seenessa hammataa olkaasuun fi tokkummaa cimsuun qormaatilee imala jijjiiramaa milkeessuuf mudatan mo’achuun darbuun nibarbaachisa
May 12, 2025 74
Caamsaa 04/2017(TOI)-Seenessa hammataa olkaasuun fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuun qormaatilee imala jijjiiramaa milkeessuuf mudatan mo’achuun darbuun nibarbaachisa jedhan bulchaan naannoo ummattoota Itiyoophiya kibba lixaa Dr. injiinar Nagaash Wageeshoo. Waltajjiin maree haala yeroo irratti xiyyeeffate mata duree “Kiyyoo jabana jiddugaleessaa”jedhuun qophaa’e bakka hooggantoonni naannoo fi godinaa argamanitti magaalaa Boongaatti taa’amaa jira. Bulchaan naannichaa Dr. Injiinar Nagaash Wageeshoo waltajjicharratti akka jedhanitti, qormaatilee jabana jiddugaleessaa qalbiin hubachuun qulqullina yaadaa fi tokkummaa uumuun nibarbaachisa. Hooggansi sadarkaan jiru yeroo qormaata mo’achuun bu’a qabeessummaaf kutannoon hojjechuu irraa eegamudha jedhaniiru. Seenessa hammataa biyyaalesaaa ijaaruun, tokkummaa cimsuu fi cehumsa caaseffama dinagdee cimsuun fi imala jijjiiramaa milkeessuu keessatti gufuulee mudatan mo’achuun kutannoon hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Kiyyoo jabana jiddugalessaa cehuun jijjiiramicha sadarkaa olaanaarraan gahuuf ummata kakaasuu fi gurmeessuu akka barbaachisu eeranii, qormaatilee dhugan boodaa kutannoo fi komunikeeshinii cimaadhaan mo’achuun akka barbaachisu ibsaniiru. Hooggansi hojiilee misoomaa ga’umsa olaanaan raawwachuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuun itti quufinsa ummataa mirkaneessuuf kutannoon hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti Mul’atu fi Yakkoota Daangaa darban ittisuuf tumsi odeeffannoo biyyoota riijinichaa Murteessaadha
May 12, 2025 76
Caamsaa 4/2017(TOI)-Shororkeessummaa Afrikaa Bahaatti Mul’atufi Yakkoota Daangaa darban ittisuuf tumsi odeeffannoo biyyoota riijinichaa murteessaa ta’uu Itti Aanaan daarektar jeneraalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa Taazer Gabra Igzaabeer ibsaniiru. Walgahiin riijinii Afriikaa bahaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Finfinneetti taa’amaa jira. Itti Aanaan Daarektar generaalaa tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyolessaa Taazer Gabra Igzaabeer akka jedhanitti, waltajjichi tumsa odeeffannotiin nageenya riijinichaa jabeessuun haala danda’amu irratti marii’ata. Shororkeessummaa, finxaalessummaafi Yakkoonni Daangaa qaxxaamuran biroon har’allee yaaddoo biyyoota Afriikaa Bahaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis yaaddoo nageenyaa riijinichaa to’achuun nagaa buusuuf biyyoota gidduutti tumsi odeeffannoo qindaa’aan barbaachisaadha jedhaniiru. Waltajjiin Dhaabbilee odeeffannoo fi nageenya Afriikaa bahaa raawwannaa tumsa riijiniif carraa akka uumu dubbataniiru. Hojiin nageenyaa tumsa waliinii kan gaafatu ta’uu kan ibsan obbo Taazeer, dhaabbileen qindoomina Seera bu’uureffate uumuu qabu jedhaniiru. Barreessaan olaanaa koree tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa Afriikaa Jaksan Hamaataa gamasaaniin, kaayyoon koree kanaa nageenya riijinichaa waloomaan tiksuuf tumsa uumuu ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni Afriikaa Bahaa qindoomina odeeffannoorratti hundaa’e uumuun shororkeessummaa fi yakkoota daangaa cehan olachuu akka qaban dubbataniiru.
Naannichatti nageenya waaressuun gama hundaan bu’aan argameera-Bulchaa Araggaa Kabbadaa
May 12, 2025 89
Caamsaa 04/2017(TOI)-Nageenya Naannoo Amaaraatti argame waaressuun gama hundaan bu’aan argamuusaa Bulchaa naannichaa Araggaa Kabbadaa ibsan. Waltajjii haala wayitaawaa dhimma naannichaa irratti xiyyeeffatu kan miseensonni hooggansa naannichaa irratti hirmaatan magaalaa Bahaar Daaritti taa’amaa jira. Waltajjii har’a jalqabame kanarratti bulchaan naannichaa Araggaa Kabbadaa akka jedhanitti, olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessadha. Nageenya waaressuun gama hundaan bu’aan galmaa’uu ibsaniiru. Fuulduras fayyadama dinagdee ummataa caalaatti guddisuuf miseensonni sadarkaan jiran kan Kanaan duraa caalaa cimanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Paartii badhaadhinaattihoogganaan waajjira damee naannoo Amaaraa Yirgaa Sisaayi gamasaaniin, garee finxaalesssaa naannicha keessaa qulqulleessuun misooma fulla’aa gochuuf hojiin hojjetamu cimuu dubbataniiru. Nageenya nannichaa waarawe itti fufsiisuun fayyidaa misoomaa ummani argachuu eegale caalaatti guddisuun hoggansi sadarkaan jiru hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Ogeeyyonni fayyaa ogummaa qabaniin ummata tajaajiluurra darbanii diiga arjoomaa jiru
May 12, 2025 81
Caamsaa 04/2017(TOI)- Dirree Dawaa Ogeeyyonni fayyaa Dil Coorraa ogummaa qabaniin hawaasa tajaajiluurra darbanii lubbuu baraaruuf diiga arjoomaniiru. Ogeeyyonni fayyaa dhaabbilee fayyaa mootummaa bulchiinsichaa hundarraa baba’an har’a hoospitaala Rifaraalaa Dil Coorraatti argamuun dhiiga arjoomaniiru. Qondaalli fayyaa Biyaalfawu Zawudee TOItti akka himanitti, ogummaasaaniin dhukkubsattoota baraaruun gamatti tola ooltummaan irra deddeebiin dhiiga arjoomuun lubbuu baraaruuf qoodasaanii bahaa jiru. Ogeessi fayyaa kan biraan Kilinikaal Narsi Abiyoot Asraat gamasaaniin, hawaasa nubarsiise fayyaasaa eeguuf xiyyeeffannee hojjechaa jirra jedhan. Dhiigallee arjoomaa jirra kan jedhan ogeessi fayyaa kun. Hoogganaan itti aanaa biiroo fayyaa bulchiinsa Dirree Dawaa obbo Yuusuuf Sa’id, ogeeyyonni fayyaa bulchiinsichaa ogummaasaaniin hawaasa tajaajilaa akka jiran dubbataniiru. Kana malees dhiiga arjoomuun hawaasaaf dhaabbachuusaanii mirkaneessaniiru jedhan. Hojii tola ooltummaa kanaafi ogeeyyota galateeffataniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turizimii irratti hubannaa qaban guddisuun guddina sektarichaaf murteessaadha. –Ministir Salaamaawit Kaasaa
May 12, 2025 57
Caamsaa 04/2017(TOI)-Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turizimii irratti hubannaa qaban dabaluun guddina sektarichaaf murteessaa ta’uu Ministiri Turizimii Salamawit kaasaa Ibsan. Woorkishooppiin Minsteerri Turizimii Dhaabbata barnootaa , saayinsii fi aadaa Mootummoota Gamtoomanii (Yuneeskoo) waliin mata duree ‘Ji’oo paarkonnii fi ji’oo turizimiin idil addunyaa qooda misooma fulla’aaf qaban” jedhuun qopheesse gaggeeffamaa jira. Ministirri Turiizimii Salaamaawiit Kaasaa, UNISCOtti hooggantuun Gamtaa Afriikaa, Komishinii Dinagdee Afriikaa fi biiroo Laayizen Itiyoophiyaa Dr. Riittaa Bisonowut, akkasumas hogantoonni Olaanoo dhaabbilee Federaalaa, hooggantoonni biiroo aadaa fi turizimii naannoo fi bulchiinsa magaalaa Itiyoophiyaanota sektara kanarratti hojjetanii fi ogeeyyonni biyyoota baha Afriikaa waltajjicharratti argamaniiru. Woorkishooppichi dandeettii qooda fudhattoota UNISCOtti Giloobaal Ji’oo paarkis fi Ji’oo Turizim irra jiran guddisuu dabalatee pirojektoota giloobaal ji’oo park Yuuneeskoo Itiyoophiyaa fi biyyoota Afriikaa bahaa biroo keessatti jalqabsiisuuf kan akeekamedha. Dabalataanis waa’ee Jii’oo paarkii Ardichatti beeksisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Ministirri Turiizimii Salaamaawwit Kaasaa saganticha irratti akka ibsanitti, utubaawwan guddina dinagdee shan keessaa tokko Damee Turiizimii ta’uu ibsaniiru. Sektarichi hamma isarraa barbaadamu guddina biyyaaf akka gumaachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun kunis hamma xiyyeeffannoo kennameefii carraa jiru jabeessuunii fi beeksisuuf gumaacha taasiseera jedhaniiru. Labsiin imaammata haaraa bakkeewwan hawwataTuriizimii eeguu, Jii’oopaarkoota dhaabuu fi barbaachisummaa jii’oo Turiizimii irratti xiyyeeffannoo kan kennedha jedhaniiru. Hirmaattonni Industirii Turiizimii ji’oo paarkii fi Ji’oo Turiizimii irratti hubannaa qaban guddisuun misooma sektarichaaf murteessaa ta’uu dubaataniiru. Waltajjiin har’aa Waa’ee ji’oo Paarkii fi Ji’oo Turizimii beeksisuusf ni gargaara jedhaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Atobisoonni Elektiriikii yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furaa, tajaajila mijataas nuuf kennaa jiru-jiraattota magaalaa Finfinnee
May 10, 2025 144
Caamsaa 02/2017(TOI)- Atobisoonni Elektiriikii dhiheenya hojii jalqaban yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furuuf gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran jiraattonni magaalaa Finfinnee ibsan. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee tumsa mootummaa fi dhuunfaan Atomisoota Elektiriikii ammayyaa 100 hojii eegalchiisuunsaanii niyaadatama. Jiraattonni magaalattii TOItti akka himanitti, Atobisoonni haaraan yeroo hojii galluu fi hojii baanu rakkoo geejjibaa furuun gumaacha guddaa taasisaa jiru. Kanneen keessaa Adinew Birhanuu, yada kennaniin Atobisoonni ammayyaa Elektiriikiin hojjetan rakkoo geejjibaa furuun tajaajila mijataa kennaa jiru jedhan. Atobisoonni kunneen maallaqa madaalawaan tajaajila mijataa kennaa jiru kan jette ammoo Elsaa Kaasahuun jedhamti. Taarikuu Yimaam yaada kenneen, Atobisoonni kunneen rakkoo geejjibaa yeroo hojii bahamuu fi hojii galanitti jiru furaa jiru. Konkolaachiftoota keessaa Minyichil Geetinnat, konkolaattonni elektiriikii hatattamaa fi haala mijataa ta’een tajaajilamtoota keessummeessaa akka jiran dubbataniiru. Gatii madaalawaan tajaajila hatattamaa kennaa akka jiran kasn jette ammoo konkolaachiftuu Zabidar Baayyuuti. Konkolaachiftuun Wub Addis Dassaalenygamasheetiin, rakkoo geejjibaa yeroo hojii galamuu fi hojii bahamu furuun tajaajila kennaa jiru jetteetti. Hoogganaan biiroogeejjibaa Finfinnee Yaabbibaal Addis, Atobisoonni Elektiriikii rakkoo geejjibaa furan 100 hojii eegalaniiru jedhan. Atobisoonni kunneen bakkee rakkoon geejjibaa cimaan jirutti tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru.
Malaammaltummaa qolachuuf hojii baatii sagalitti hojjetameen birrii biiliyoona 2 tuqaa 2 caalu qisaasamuurraa hafeera-komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa
May 10, 2025 122
Caamsaa 02/2017(TOI)- Hojii malaammaltummaa si’annaan qolachuuf hojii baatii sagalitti hojjetameen maallaqa ummataa fi mootummaa birrii biiliyoona 2 tuqaa 2 caalu qisaasamuurraa hambisuun akka danda’ame komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa beeksise. Komishinichatti hojii dursaa raawwacjiisaan qorannoo malaammaltummaa qolachuu komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa federaalaa Gazzaaheny Gaashaawu TOItti akka himanitti, saaxilamummaa malaammaltummaarraa Itiyoophiyaa hir’isuuf barsiisuun, qolachuu fi seera kabachiisuun hojjetamaa jira. Bara bajataa 2016/17 baatii sagal dare komishinaroota naamusaa fi farra malaammaltummaa naannolee waliin raawwii hojii adeemsifamuu dubbataniiru. Baatii sagal keessatti hojiin malaammaltummaa ittisuu si’ataan hojjetamuu 500 caalu hojjetamuu dubbataniiru. Akkaataa Kanaan maallaqa ummataa fi mootummaa birrii biiliyoona lamaa fi tuqaa lama caaluu fi lafa magaalaa fi baadiyyaa karee miiliyoona 190 qabeenya ummataa fi mootummaa oolchuun akka danda’ame beeksisaniiru. Itiyoophiyaan waliigaltee farra malaammaltummaa dhaabbata mootummootaa mallatteessuushee eeranii, bu’urri waliigaltee kanaa seera kabachiisuu, malaammaltummaa qolachuu, qabeenya deebisiisuu fi tumsa idil addunyaa ta’uu himaniiru. Bara 2015/16 ministeerotaa fi dhaabbilee itti waamamtootaa 25 irratti qorannoo saaxilamummaa malaammaltummaa taasisuun hojiin deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaan taasifamaa akka jiru ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Diinagdee
Godinichatti lafti hektaarri kuma 484 ol Qonna Gannaan Misoomaa jira
May 13, 2025 37
Caamsaa 05/2017(TOI)-Godina Harargee Bahaatti lafti hektaarri kuma 484 ol qonna Gannaan misoomsaa jiraachuu waajjirri Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaa beeksise. Wajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Godinichaatti Qindeessan Hojii Misooma Midhaanii obbo Miidhagsaa Dheeressaa TOI’f akka ibsanitti, Godinichatti Aanaa 15 keessaati Misooma Gannaan lafti hektaara 484 ol misoomsuun eegaleera. Kana keessaa lafti hektaara kuma 144 ol ta’u qotamuu ibsuun walii gala Qonna gannaan lafti hektaarri kuma 362 Kilaasteraan Misooma jedhaniiru. Boqqolloo, Bisingaa, Xaafii, Qamadii, Loozii fi Kanneen Biroon Omishamaa Jiraachuu Ibsaniiru. Itti fayyadama Teekinooloojii qonnaan bulaadabaluun fi deeggarsa ogeeyyii Qonnaan hamma omishaa hektaaratti argamu guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru, kanaanis callaa kuntaala Miliyeena 11 fi kuma 200 ol sassaabuuf karoorfamuu ibsuun, kunis omisha bara darbee waliin yeroo madaalamu kuntaala Miiliyoona lamaa ol caalmaa qabaachuu ibsaniiru. Xaa’oon kuntaalli kuma 171 ol qotee bulaa qaqqabaa akka jiru ibsameera. Godinichatti Qonna Arfaasan lafa misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarr kuma 70 facafamuu Obbo Miidhagsaan beeksisaniiru.
Fooramii Invasti Itiyoophiyaan walii galteen invastimantii doolara biliyeena 1tuqaa 1 ol akka taassifamu ni’eegama- Komishinar Dr. Zallaqee Tamasgeen
May 13, 2025 44
Caamsaa 05/2017(TOI)-Foramii Invast Itiyoophiyaan 2025n waliigalteen investimentii doolara Amerikaa Biliyoona 1 tuqaa 1 ol ni taassifama jedhamee akka eegamu komishinariin komishinii Invastimantii Dr. Zallaqee Tamasgeen ibsan. Foramiin bizinasii olaanaa Itiyoophiyaatti Invast godhaa 2025 pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee bakka aragamanitti Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Komishinariin Invastimantii Dr. Zallaqaa Tamasgeen turtii TOI waliin taasisaniin waggoottan toorba darban hojiileen riifoormii damee invastimantii jabeessan hedduun hojjetamuu ibsaniiru. Kanaanis haalli Mijataan Investimentiif uumamuu eeranii, wantoota kanaan dura sektara kanarratti gufuu ta’an maqsuun danda’amuu ibsaniiru. Foramii Invast Itiyoophiyaa 2025n dhimmoota sadii milkeessuun akka barbaadamu ibsanii, kan calqabaa carraalee jiran beeksisuu ta’uu dubbataniiru. Lammaffaan Investimentii Haaraa hawachuu, xiyyeeffannoo Mootummaandamichaaf kenne beeksisuu ta’uu himaniiru. Dabalataan fooramichi kutannoo Itiyoophiyaan qabduu akkasumas Investimentiif mijattuu ta’uushee hubannaa uumudha jedhaniiru. Sadaffaan Waliigalteewwan Investimentii qabatamaan ta’e fooramicha irraatii kan eegamu ta’uu ibsaniiru. Pirojektootaa baatiiwwan darban hojettamaa turaniin walii galtee investimentii doolaara biliyoona 1tuqaa 1 ol akka taassifamu eeraniiru.. Foramiin Invast Itiyoophiyaa 2025 qophheessummaa komishinii Invastimantii Itiuyoophiyaa, ministeera maallqaa fi dhaabbilee deeggartoota misoomaan adeemsifamaa ture har’a akka xumuramu eegama.
Dhiheessiin nyaata beelladaa baay’ina lukkuu fi beelladaa maaddii guutuun guddachaa jiruun wal madaalu akka jiraatu hojjetamaa jira
May 13, 2025 42
Caamsaa 05/2017 (TOI)- Dhiheessiin nyaata beelladaa baay’ina lukkuu fi beelladaa maaddii guutuun dabalaa jiruun wal madaalu akka jiraatu xiyyeeffannoon taasifamuu de’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa ibsan. Pirojektoonni bishaan dhugaatii naannoo Affaar aanaa Cifraa tti ijaaraman yenmmuu eebbifaman nyaata beelladaa ilaalchisuun hojiin hojjetamaa jirus hooggantoota olaanoo federaalaa fi naannoon daawwatameera. Naannichatti nyaata beelladaa qopheessuudhaan hojiin abdachiisaan jiraachuu hooggantoonni ibsaniiru. De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa akka ibsanitti, akka biyyaatti nyaata beelladaa fooyya’anraabsuu fi misoomsuudhaan hojiin hedduun hojjetamaniiru. Sababa Maaddii guutuun lakkoofsi beelladaa fi lukkuu dabalaa waan jiruuf nyaanni beelladaa kana madaalu hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. jiraachii ibsanii, Nyaata beelladaa naannoo Affaaritti qopheeffamaa jiru wabeeffataniiru de’eetaan ministiraa kun. Hanqina beekumsaa nyaata beelladaa qopheessuurratti jiru sirreessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannawa qonnaan bulaatti mankuusaa nyaata beelladaa ijaaruurra darbee nyaanni beelladaa osoo hinmanca’iin turuu haala danda’urratti leenjiin kennamaa jira jedhan. Hoogganaan biiroo beelladaa fi misooma qabeenya Qurxummii naannoo Affaar obbo Ibraahim Mahaammad, sanyii qurxummii bu’ qabeessummaansaanii qorannoon mirkanaa’e dhiheessuun keessumaa dargaggoota loon foonii fi annaniirratti gurmaa’an kan fayyadu ta’uu ibsaniiru. Nyaanni loonii Kanaan dura hinturre yeroo ammaa heektaar 100 irratti misoomaa akka jiru dabalanii ibsaniiru. Daawwattoonni argamanis nyaata looniif xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Yeroo ammaa naannicha aanaalee 11 keessatti hojjetamaa kan jiru nyaanni beelladaa heektaara 300 kan aanaa Dubtiitti hojjetamerraa ka’uun ta’uun himameera.
Qulqullinaa fi nageenya oomisha beelladaa eeguun gabaa addunyaatti dorgomaa fi fayyadamaa ta’uuf hojjechaan jira-abbaa taayitaa qonnaa Itiyoophiyaa
May 13, 2025 40
Caamsaa 05/2017(TOI)- Qulqullinaa fi nageenya oomisha beelladaa Itiyoophiyaa eeguun gabaa addunyaatti dorgomaa fi fayyadamaa ta’uuf hojjechaa akka jiru abbaa taayitaa qonnaa Itiyoophiyaaibse. Gabaa addunyaatti dorgomuuf qulqullinnii fi nageenyi oomishaa eegamuu waan qabuuf qulqullinaa fi nageenya oomishaaf Itiyoophiyaan xiyyeeffannoon hojjechaa jirti. Kanaaf ammoo qulqullina galtee qonnaa, teeknooloojii, oomishaa fi tajaajilaa akkasumas nageenya mirkaneessuuf abbaan tayitaa qonnaa Itiyoophiyaa hundeeffameera. Itiyoophiyaatti rakkoolee fayyaa oomishaa fi galtee beelladaarratti hir’ina fiduu danda’an qolachuuf to’annoon taasifamaa akka jiru itti aanaan daarektara olaanaa abbaa taayitichaa Dr. Hamiid Jamaal dubbataniiru. Itti aanaan daarektara olaanaan kun TOItti akka himanitti, abbaan taayitichaa sadarkaalee oomisha beelladaa biyyaalessaa fi idil addunyaa kabachiisuun rakkoo fayyaa hanqina qulqullinaa fi nageenya beelladaan namarra gahuu dandahu qolachuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Dhaabbilee galtee qonnaa fi oomisha oomishan galmeessuu fi ga’umsa isaanii mirkaneessuu, oomishaalee alergii fi alaa galan akkaataa ulaagaa qulqullinaa fi nageenyaa kaa’ameen mirkaneessuu akkasumas oomishaalee alergiif sartafikeettii qulqullinaa kennuun hojii ijoo dhaabbatichaati. Dawaan beelladaa harki 95 biyya alaarraa kan galfamu ta’uu ibsanii to’annaan cimaan taasifamaa akka jiru beeksisaniiru. Dawaan yeroon itti darbee fi sadarkaa qulqullinaa hinguunne tajaajilaaf akka hin oolle taasifamuu dubbataniiru. Abbaa taayitichaatti hoogganaan buufata Adaamaa Dr. Lammaa Mindaa fayyaa beelladoota biyya alaatti ergamaniif bakka itti hordofan shan jiraachuu dubbataniiru. Bakka qalmichaatti qorataa fi to’ataan fayyummaa foonii Dr. Dammirewu Kidaanemaariyam gamasaaniin, sadarkaa gabaa idil addunyaatti walitti hidhata uumuuf hojiin to’annoo murteessaadha jedhan. Foon qulqulluu fi nageenyisaa eegame maammiltootaaf akka dhuheessinu abbaan taayitichaa eeyyama kennuurraa eegalee deeggarsaa fi hordoffii nuuf taasisaa jira kan jedhan bakka qalmaa kanatti maanaajarii siistamaa kan ta’an obbo Ariqawu balaayineedha. Abbaan taayitaa qonnaa Itiyoophiyaa jiddugaleessota afuritti, teekinikaal dippaartimantoota sagalii fi buufataalee shaniin ergamasaa bahaa jira.
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiiwwan kalaqaa saayinsii fi Teeknooloojii manneen barnootaa Dirree Dawaatti adeemsifaman jabaachaa jira
May 12, 2025 52
Caamsaa 04/2017(TOI)-Hojiiwwan kalaqaa saayinsii fi Teeknooloojii manneen barnootaa bulchiinsa Dirree Dawaatti adeemsifaman jabaatanii akka itti fufan biiroon barnootaa bulchiinsichaa beeksise. Agarsiifni bu’aalee kalaqaa saayinsii fi teeknooloojii manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa guyyoota sadan darban adeemsifamaa ture goolabameera. Hoogganaan waajjira barnootaa bulchiinsichaa obbo Sulxaan Aliyyi, barattoonni oladeemtonni kalaqxoonni manneen barnootaa keessatti uumamaa jiru. Agarsiifni qophaa’e kana kan mul’ise ta’uu eeranii, barattoonni maashinoota alaa galfaman wantoota naannawasaaniitti argamurraa hojjechuun oomishaalee bakka bu’an kalaqanii agarsiisaaf dhiheessuu himaniiru. Fuulduraaf hojiileen kalaqaa manneen barnootaatti jalqabaman caalaa akka ciman xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Meeshaalee gatamanirraa maashina daabboo tolchuu fi marga haamu kan hojjete barataan kutaa 5ffaa mana barnootaa Guggubaa Ibsaa Se’id, deeggarsi agarsiisa kanarratti nuuf kenname hojii kalaqaan akka itti fufan isaan taasisuusaa dubbateera. Maashina Daabboo Tolchu kana salphaatti hawaasa biraan gahuun akka danda’amu himeera. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffa fi lammaffaa 40 caalan agarsiisa kanarratti hirmaachuusaanii odeeffannoon biiroo barnootaa bulchiinsichaa mul’iseera.
Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuuf carraaqqii taasifamuuf gargaarsi dhaabbilee barnoota olaanoo jbaatee itti fufa-Ministeericha
May 9, 2025 136
Caamsaa 01/2017(TOI)-Dhiibbaa jijjiirama qilleensaa qolachuu fi damdamachuuf carraaqqii taasifamuuf gargaarsi dhaabbilee barnoota olaanoo jbaatee akka itti fufu Ministeerri banootaa ibse. Siimpooziyeemiin qorannoo fi qu’annoo idil adunyaa 5ffaan Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti taa’amaa jira. Ministeera barnootaatti hojii raawwachiisaa dhimmoota akkaadaamikii Dr. Eebbaa Miijanaa, qorannoowwan dhaabbilee barnoota oaanoo rakkoo hawaasaa kan fura ta’uu akka qabu ibsaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuuf hojii hojjetamuuf gargaarsi taasisan jabaatee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Kaayyoon simpooziyeemii qorannaa kun akkaataa qabannaa fi dhabamsiisa balfa waraqaa fi pilaastikaa akkasumas akkaataa qabannaa hambaa qonnaa fi Industirii, deebisanii fayyadamuu fi qabeenyatti jijjiiruu irratti kan xiyyeeffate ta’uu kaasaniiru. Itti aanaan pirezidaantii dhimmoota Akkaadaamikii yuunivarsiitii Saayinsii fi teeknooloojii Adaamaa Dr. Tashoomaa Abdoo, Yuunivarsiitichi humna namaa saayinsii fi teeknooloojiin ga’oome horachuun alatti qorannoowwan rakkoo hawaasaa furan taasisaa jira jedhaniiru. Saayinsii Hawaan, Faarmaasiyutikaal, teeknooloojii Diroonii fi Awutomootivii dabalatee jiddugala ga’oomaa shan hojii qorannoo guutuuttu galchuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Yuunivarsiitiiwwan biyya keessaa, Kooriyaa Kibbaa, Hindii fi Yuunivarsiitiiwwan fi dhaabbilee qorannoo Awusiraaliyaa garagaraa irraa siimpooziyeemii qorannaarratti argamaniiru.
Itiyoo-telekoom pilaatfoormii dijitaalaa bittaa fi gurgurtaa “Zaman Gabayaa” jedhamu ifoomse
May 8, 2025 197
Ebla 30/2017(TOI)-Itiyoo-telekoom pilaatfoormii dijitaalaa bittaa fi gurgurtaa akaakuu fi qaqqabamaa ta’uun adda ta’e “Zaman Gabayaa” jedhamu ifoomseera. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo-telekoom Fireehiywoot Taammiruu, hooggantoonni olaanoo kaampaanichaa keessummoonni waamaman bakka argamanitti galambaa Saayinsiitti sagantaa sirni jalqabsiisaa adeemsifameera. Hojii raawwachiiftuun olaantuu kun wayita kana akka jedhanitti, gijitaal pilaatfoormiin “Zaman Gabayaa” har’a ifoome sirna bittaa fi gurgurtaa dijitaalaa ama ammaatti jiru gara sadarkaa olaanaatti kan ceesisudha. Warri gabaa barbaadan qaamaan argamuun osoo hinbarbaachisiin karaa onlaayinii kan fayyadamanii fi baasii hinmalle kan hanbisu ta’uu dabaluun ibsaniiru.
Sagantaa tajaajila wiirtuu tokkoo agarsiistuu Milkaa’ina Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojjetamaniiti-Ministeericha
May 7, 2025 172
Ebla 29/2017(TOI)-Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo agarsiistuu milka’ina hojiiwwan dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf eegalamani ta’uu Ministeerri Innoveeshinii fi Teekinooloojii beeksise. Masoob tajaajilli wiirtuu yeroo Muummicha Ministiraa Dr, Abiy Ahmediin dhiheenya eebbifamee hojii eegaluunsaa ni yaadatama. Giddugalichi baaxii tokko jalatti tajaajila mootummaa walqabsiisuun teekinoloojii dijiitaalaa fayyadamuun tajaajila kennamudha. Gidugalichi lammiileen filannoowwan Teekinooloojii guutuu fayyadamuun dhaabbilee Federaalaa tajaajila adda addaa akka argatan kan dandeessisu yoo ta’u, dhaabbileen 12 qindoominaan tajaajila 41 ol kennaa jiru. De’eetaan Ministira Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alemaayoo TOI’f akka ibsanitti, Giddugalichi tajaajila hedduu bakka tokkotti kennuun tajaajila si’ataa fi mijataa yeroo tokkotti argachuu kan dandeessisudha. Kunis aadaa tajajila kennuu kan guddisu ta’uus dubbataniiru. TarsiimooDijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n tajaajila Mootummaa 800 ol Dijiitaalawaa gochuu ibsanii, kunis bu’aa qabeessummaa kenna tajaajilaa kan guddisu ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Tajaajilli wiirtuu tokkoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2025 dhugoomsuuf hojiiwwan eegalaman agarsiisituu milkaa’inaa ta’uu ibsaniru. Hojiiwwan milkaa’ina tarsiimoo Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025n dhugoomsuuf hojjetamuu eegalani , dhiheessii fi fayyadamummaa ibsaa fi intarneetii babal’isun, gudduugalli daataa ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Ispoortii
Madin Itiyoophiyaan injifachuun adda durummaasaa cimsateera
May 13, 2025 37
Caamsaa 05/2017(TOI)-Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 29ffaan Madin Itiyoophiyaan galchii 2 fi 0’n Faasiila kanamaa mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti waareerratti taphatameen goolii taphataan lammii Yugaandaa daqiiqaa 43 fi 56 irratti galcheen gareen Madin Itiyoophiyaa mo’ateera. Haala Kanaan adin Itiyoophiyaan qabxii 57n liigicha dursaa jira. Bara dorgommii kanatti yeroo 177ffaaf mo’ateera. Faasiil kanamaan yeroo 8ffaaf mo’amee qabxii 35n sadarkaa 10ffaa irra jira. Taphoota liigichaa darban shaniin homaa hin mo’anne. Taphni torbee 29ffaa sa’aatii boodas itti fufeera.
Dursaan Liigichaa Madin Itiyoophiyaan Faasiik Kanamaa Waliin nitaphata
May 13, 2025 45
Caamsaa 05/2017(TOI)-Sagantaa Piriimer Liigii torbee 29faatiin dursaan Liigichaa Madin Itiyoophiyaan Faasiik Kanamaa Waliin har’a nitaphata. Gareen lamaan ganama kana sa’aatii 3 fi daqiiqaa 30tti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu. Itiyoophiyaa Madin qabxii 54n dursaa jira . Faasiil Kanamaan qabxi 35niin sadarkaa 10ffaa irrattii argama. Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa darban 4’n mo’achuu hindandeenye. Tapha kana yoo mo’ate daandii injifannootti akka deebi’u isa taasisa. Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti magaalaan Dirree Dawaa Maqalee 70 Indartaa waliin nitaphatu. Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 29 fi galchii idaa afuriin sadarkaa 14ffaa irra jira. Maqalee 70 Indartaan morkataa isaa waliin qabxii walfakkaataa yoo qabaatu galchii idaa 10 waan qabuuf qabxii 15 qabachuun sadarkaa gadi bu’aa keessa jira. Gareewwan yaaddoo gadi bu’uu keessa jiran gareen lamaan mo’achuun isaaniif qabxii murteessaa sadii argachuu jechuudha. Sagantaan guyyaa har’aa kan xumuraa galgala sa’aatii 12tti Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi Walwaalloo Addigiraat Yuunivarsiitiin nitaphatu. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxi 38’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Walwaalloo Addigiraat Yuunivarsiitiin qabxii 13’n sadarkaa xumuraa 18ffaa irra jira.
Magaalaan Hawaasaa injifannoo murteessaa gonfate
May 12, 2025 60
Caamsaa 04/2017(TOI)- Magaalaan Hawaasaa piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 29ffaan magaalaa Arbaa Minci 1 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii hawaasaatti taphatameen magaalaan hawaasaa injifateera. Haala Kanaan magaalaan Hawaasaa liigichaan walduraa duubaan injifateera. Qabxii 34’n sadarkaa 13 irraa gara 12ffaatti guddifateera. Magaalaan Arbaa Miinci liigichaan yeroo 12ffaaf mo’amee qabxii 35’n sadarkaa 11ffaa qabateera. Itiyoo Elektiriikii fi Bunni Sidaamaa sa’aatii 12 irraa eegalee taphachaa jiru.
Taphoonni Piriimer liigii Itiyophiyaa lama har’a nigaggeeffamu
May 12, 2025 59
Caamsaa 04/2017(TOI)- Taphoonni Piriimer liigii Itiyophiyaa torbee 29ffaa olmaa guyyaa lammaffaa har’a nigaggeeffamu Magaalaan Arbaa Minci Magaala Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 9tti Istaadiyeemii Yuunversiitii hawaasaatti nitaphatu. Taphoota Liigichaa shan itti fufinsaan gaggeeffamaniin injifachuu kan hin dandeenye Magaalaan Arbaa Minci qabxii 35n sadarkaa 11ffaa yoo qabatu, Magaalaan Hawaasaa qabxii 31n sadrkaa 13ffaa irra jira. Magaalaan Arbaa Minci Tapha har’aa yoo mo’ate gara injifannootti yoo deebi’u, Magaalaa Hawaasaa immoo sadarkaa gadi bu’aarraa siquuf isa gargaara. Liigichatti qabxii 32n sadarkaa 12ffaa irratti kan argamu Itiyoo -elektiriik qabxii 37n sadarkaa 9ffaa irratti kan argamu Buna Sidaamaa waliiin galgala sa’aatii 12tti nitaphatu. Taphichi garee lamaaniifuu gara injifannootti deebi’uuf tapha murteessaa ta’uu ibsameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaa baranaaf qophiin itti fufeera
May 12, 2025 56
Caamsaa 04/2017(TOI)- Sagantaa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa naannoo Oromiyaa baranaaf qophiin taasifamu cinmee itti fufuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Itti aanaan hoogganaa biiroo qonnaa naannichaa Eliyaas Kadir TOI’f akka ibsanitti, sagantaa kana milkaa’inaan raawwachuuf biqiltuun addaddaa qopheeffamaa jira. Biqiltuun Mukkeen Mandhalee, muduraa fi nyaata looniif xiyyeeffannoo taasifameera jedhan. Biqiltuu naannichatti barana qopheeffaman keessaa harki 11 nyaataaf kan oolan Avokaadoo, Muuzii, Paappaayyaa, Zayituunaa, Temirii, maangoo akka akka ta’an dubbataniiru. Kan hafan misooma bosonaa fi tajaajila biroof kan oolan ta’uu himaniiru. Biqiltuu barana dhaabamuuf lafti heektaara miiliyoona 1 caalu qophaa’ee boolla biqiltuu qopheessuun itti fufuu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Oromiyaa Sayifaddiin Mahaadii gamasaaniin, biqiltuun buufataalee biqiltuutti qopheeffaman yeroo yerootti dhaabbiif qaqqabuunsaa hordofamaa akka jiru ibsaniiru. Xiyyeeffannoon bara kanaa mukeen mandhaleerratti ta’uu dubbataniiru. Biqiltuun Muduraa baddaa keessumaammoo Appiliin bal’inaan qophaa’uu himaniiru.
Godina Boorana Bahaatti hongee fi Manacaatii Naannoo ittisuuf sululawwan 99 misoomaniiru
May 10, 2025 95
Caamsaa 02/2017(TOI)-Godina Boorana Bahaatti hongee fi mancaati naanaannoo ittisuuf sululawwan 99 irratti hojiin qabeenya uumamaa kunuunsuu Qajeelchi Qonnaa Godinichaa Beeksise. Hojii misooma sululaa kanarratti uummanni Godinicha kuma 188 ol hirmaachun yoo ibsame, lafa margaa hektaara kuma 12 ol tutuqqaa irraa daanga’uu ibsaniiru. Waajjirichatti Dursaan Garee Qabeenya Uumamaa Obbo Aliyyi Arebaa hojii misooma sululaa qindaa’aan irra caalaan naannichatti mancaatii mudatuu fi hongee ittisuuf yaadamee hojjetamaa kan jiru ta’uu ibsaniiru. Kanaanis baatiiwwan Bonaa Godinichatti Aanaa hundatti lafa hektaara kuma 63 irratti Eegumsi Misooma Biyyee fi bishaanii gaggeeffameera. Hojiin misooma sululaa, Oyiruu, gaarreen irratti daagaa ijaaruu , burqaa bishaanii kunuunsuu fi biqiltuu qopheessuun hojjetamuu ibsaniiru. Hojii sululawwan 99 irratti hojjetamee irratti uummanni kuma 188 ol hirmaachuu ibsuun, boolla biqiltuu keessa dhaabamu kuma 500 qophaa’uu ibsaniiru. Akkasumas gosa bishaanii Baatii Bonaatti tajaajila kennan12 qophaa’uu ibsaniiru. Misooma Sululaatiin Lafa hektaara kuma 10tti dhihaatu loon akka hin dheedne daangessuuf karoorfamee heltaarri kuma 12 ol daanga’uu ibsaniiru. Jiraattonni Godinichaa harki caalaan horsiisa looniin jireenya isaanii kan gaggeeffatan yoo ta’u, lafti margaa Daangeffame beelladoota Kuma 60 Ol Fayyadamoo nitaasisa jedhaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni Guddaan dhufaa jira
May 8, 2025 154
Ebla 30/2017(ToI)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin uwwisa Bosona Itiyoophiyaa irratti jijjiiramni guddaan dhufaa jiraachuu Daarektarri Olaanaan Misooma Bosonaa Obbo Kabbadaa Yimaam Ibsan. TOI Sagantaa Misooma Magariisaan Uwwisa Bosonaan faayidaa argisiisu irratti, Misooma Bosona Itiyoophiyaa fi Koree Olaanoo Ashaaraa Magariisaa waliin turtii taassisaniiru. Daarektarri Olaanaan Misooma Bosona Itiyoophiyaa Obbo Kabbadaa Yimaam akka jedhanitti, Itiyoophiyaan Dinagdee jijiirama qilleensaan hin miidhamne ijaaruuf karoora qabatte keessaa sagantaan Ashaaraa Magariisaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sagantichi ammaan dura miidhaa qabeenya uumamaa irra gahaa ture ittisuu irra darbee uwwisa bosonaa guddisaa dhufuu ibsaniiru. Ammaan dura miidhaan Qabeenya Uumamaa irra gahaa turuu ibsuun, sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooluu erga jalqabee fedhii qoraanii fi Ijaarsaa Guutuu irra darbee Miidhaan Misooma Bosonaa irra gahu akka hir’atuuf gumaacha guddaa gumaachuu ibsaniiru. Sagantichi dhiqama biyyee ittisuun hidhi haaromsaa dubbishiin akka hin guutamne gochuu irra darbee lageen waggaa guutuu yaa’insa madaalawaa akka qabaatan gochuuf faayidaa olaanaa argamsiisuu himaniiru. Waggaa waggaan bosona hektaara kuma 29 irratti Mancaatiin gahaa kan ture Qorannoo Waggaa darbe gaggeeffameen gara hektaara kuma 27tti gad hir’achuun milkaa’ina guddaa ta’uu obbo Kabbadeen beeksisaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman xaawulaa fi omisha mukaa biroo sharafa Alaan argamu bakka bu’uuf abdiin kan ta’udha jedhaniiru. Walitti qabaan Koree Teeknikaa Ashaaraa MagariisaaDr.Adafris Warquu Biqiltuuwwan Sagantichaan Dhaabbaman uwwisa bosona biyyittii guddisuu kan danda’an gosa bosonaa dhibbentaa 40 hanga 48 ta’uu ibsaniiru. Kunis qabeenyi uumamaa akka hin badne uwwisa bosonaa guddisuun gosa sanyii Biqiltootaa eeguun dhalootaaf dabarsuuf fayidaa qabaachuu ibsaniiru. Bara kana Biqiltuuwwan dhaabbachuuf qophaa’an keessaa Biliyeena 2 tuqaa 3 kan ta’an gosa mandhaalee mukeen akka ta’an xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Kunis milkaa’ina guddaa ta’uu himuun, gosni mukeenii mandhaaleen baduuf turan oolchuun faayidaa nannoof, hawaasummaa fi Dinagdeef qabaachuu Dr. Adafris Ibsaniiru.
Pirojektoonni Invastimantii fi haalli itti oomishan naannoo faaluu hinqaban
May 5, 2025 224
Ebla 27/2017(TOI)-Pirojektoonni misoomaa fi Invastimantii haala oomishaa faalama naannoo hubannoo keessa galcheen ta’uu akka qabu to’annoo fi hordoffii taasisaa akka jiran hooggantoonni damee kanaa naannoo Amaaraa fi bulchhiinsa Dirree Dawaa TOI’n haasofsiise dubbatan. Abbaa taayitaa naannawaa fi eegumsa bosonaatti daarektarrai jijjiirama naannawaa fi jijjiirama haala qilleensa obbo Awwaqee Yittaay akka jedhanitti, faalamni geejjibni, hafteen industirii, sagalee fi kanneen biroo faalama naannawaaf sababa ta’uu dubbataniiru. Industiriiwwan hedduun naannicha keessatti akka argaman eeranii, Pirojektoonni Invastimantii fi misoomaa faalama naannoo hubannoo keessa galchuun oomishuu akka qaban to’annoo fi hordoffiin akka taasifamu himaniiru. Haala walfakkaatuun daarektarri abbaa taayitaa naannawaa, bosonaa fi eegumsa bineensa bosonaa naannawa bulchiinsa Dirree DawaaObbo Darajjee Abbittii, naannichatti faalama naannawaa, sagalee fi bishaaniif xiyyeeffannoon taasifamuu ibsaniiru. Industiriiwwan dabalatee pirojektoonni misoomaa fi dhaabbileen tajaajila kennan akkaataa seeraa fi danbiin akka hojjetan to’annaan taasifamaa akka jiru eeraniiru. Mariin dhiibbaa jijjiiramni haala qilleensaa geessisu bifa walsimee fi qindoominaan damdamachuun akka danda’amu tibbana mariin magaalaa Adaamaatti taa’amuun niyadatama.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 2590
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 2775
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.