Mootummaan Nageenya Fulla’aa fi Tokkummaa Biyyoolessaaf Xiyyeeffannoon Hojjechaa jira-Ministira Dr. Laggasaa Tulluu

Adoolessa 10 /2017(TOI)-Mootummaan Nageenya Fulla’aa fi Tokkummaa Biyyoolessaaf Xiyyeeffannoon Hojjechaa jiraachuu fi kanaafis bu’uurri amansiisaan kaa’amuu Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu ibsan.

Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu Hoggantootaa fi hojjettoota Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf  Dhimmoota yeroorratti ibsaa fi  kallattii hojii  fuuldura kennaniiru.

Ministirichi ibsa isaaniin, sirna siyaasaa tas-gabbaa’aa ta’eef bu’uura kaa’uu, dhaabbiilee walaba ta’an ijaaruu, Sirna Siyaasaa Maammaltummaaf hin mijoofne uumuu irratti hojiin bu’aa qabeessa hojjetamuu ibsaniiru.

Dabaluunis Ministirichi Mootummaan Nageenya fulla’aa qabuu fi Tokkummaa Biyyoolessaaf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsuun, kanaafis bu’uuurri Amansiisaan kaa’amuu dubbataniiru.

Mootummaan seenessi baaqqee biyyaaf kan hinfayyadne ta’uu hubachuun yaadama  seenessa waloo hordofuun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

 Cabinsa Dinagdee Gooroo suphuuf Riifoormii Dinagdee mandhaalee hojiirra oolchuun   milkaa’inni galmaa’uu danda’uu dubbataniiru.

Riifoormiin Diinagdee Gooroo waggoota darban taassifame Dinagdeen Itiyoophiyaa akka bayyanatu gochuu beeksisaniiru.   

Fuuldurattis Omishtummaa guddisuu, Riiformii Dinagdee gooroo  guutuu caalaatti guddisuu, Galii Guddisuu, Jireenya Lammiilee fooyyessuu fi  hojiilee misoomaa eegalaman xumuruun Kallattiiwwan Xiyyeeffannoo Mootummaati jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015