Naannoo Harariitti Gamoowwan WaajjirraDamee Paartii Badhaadhinaa Aanaalee hunda keessatti Ijaaraman Eebbifamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti Gamoowwan WaajjirraDamee Paartii Badhaadhinaa Aanaalee hunda keessatti Ijaaraman Eebbifamaa jiru

Adoolessa10/2017(TOI)-Naannoo Harariitti Gamoowwan Waajjirra Damee Paartii Badhaadhinaa Aanaalee hunda keessatti Ijaaraman Eebbifamaa jiru.
Eebbi Gamoowwan Waajjira Damee Paartii Badhaadhinaa Naannichaa Aanaalee Saglan keessaatti Ijaaraman Itti Aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hogganaa Gidduugala Qindeessaa Ijaarsa sirna Demokiraasii Obbo Adam Faaraah bakka argamanitti raawwateera.
Gamoowwan kuneen Aanaalee Baadiyaa sadii fi kan Magaalaa jaha keessatti Qulqullinaa fi Hirmaannaa Hawaasaan yeroo gabaabaa kessatti kan ijaaraman ta’uun ibsameera.
Waajjiraaleen Hirmaannaa ummataa fi Miseensaan Ijaaramanii xumuraman ergamaa fi sagantaawwan paartichaa gara ummataatti buusuuf ni gargaara jedhaniiru.
Sagantaa eebbaa kanaratti pirezidaantii naanichaa Ordiin Badiriin dabalatee waajjira muumichaa paartii badhaadhinaa fi qondaaltonni waajjira dameelee, akkasumas hoggantoonni olaanoon naannichaa argamaniiru.
Obbo Adam Faarah fi Qondaaltonni Olaanoon Mootummaa fi Paartii hojiilee Misoonaa Naannichatti raawwataman ni daawwatu jedhameetu eegama.