Yaa’iin idilee Caffee Oromiyaa boru Adaamaatti taa’ama

Adoolessa 11/2017 (TOI)- Yaa’iin idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa Caffee Oromiyaa boru magaalaa Adaamaatti akka taa’amu ibsame.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Adde Sa’aadaa Abduraahimaan ibsa har’a kennaniin akka jedhanitti, yaa’iin kun ajandaawwan garagaraa irratti mari’achuun murteewwan nidarbu.

Gabaasni raawwii hojii mootummaa naannichaa bara bajataa xumurame, karroorri bara bajataa 2018 fi gabaasni hojii waajjira Caffee dhihaatee mariin taasifamee akka mirkanaa’u af-yaa’iin kun ibsaniiru.

Nagaa fi tasgabbiin, raawwiin hojii misoomaa, bulchiinsa gaarii fi kenniinsi tajaajilaa dhimmoota ijoo yaa’ii Kanaan xiyyeeffannoon kennameef ta’uu af-yaa’iin kun ibsaniiru.

Akkasumas argannoon Odiitii, karoorrii fi raawwiin waggaa mana murtii waliigalaa mana mareef dhihaatee mariin akka taasifamu beeksisaniiru.

Gabaasni deeggarsaa fi hordoffii koree dhaabbataa Caffee mana mareef dhihaatee mariin nitaasifama jedhaniiru.

Dabalataanis yaa’iin kun oolmaa guyyaa lamaatiin bajata naannichaa  bara 2018 fi ajandaawwan biroorratti mari’atee nimirkaneessa jedhaamee akka eegamu af-yaa’iin Sa’aadaa Abdurahimaan dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015