Sirni Buusaa Gonofaa humna ofiin deeggarsa namoomaa taasisuuf haala mijataa uumaa jira-obbo Awwaluu Abdii

Adoolessa 10/2017(TOI)- Sirni Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaatti hojeeffamaa jiru humna ofiin deeggarsa namoomaa taasisuuf haala mijataa uumaa jiraachuu itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.

Sirni Buusaa Gonofaa sirna Gadaarraa kan madde mala dur ummanni Oromoo ittiin walgargaaru yoo ta’u, mootummaan nannoo Oromiyaa bu’ura seeraa kenneefii hojiirra oolchaa jira.

Sirni kun miseensota hedduu horachaa kan jiru yoota’u yaa’iin waliigalaa marsaa 2ffaa miseensotaa har’a Adaamaatti gaggeeffameera.

Obbo Awwaluu Abdii yaa’icharratti akka jedhanitti, buusaa Gonofaan yeroo balaawwan uumamaa fi namtolcheen mudate duudhaalee aadaa waldeeggarsaa fi dafanii qaqqabuu guddisuuf yaadamee mootummaa naannichaan kan hundeeffamedha.

Dhaabbatichi dhaabbatee yeroo gabaabaa keessatti miseensota miiliyoona 27 horachuun hojiilee hedduu hojjechaa jira.

Kanneen keessaa lammiilee balaa uumamaa fi namtolcheen rakkoorra bu’an deeggarsa balaa tasaa ittisuu kennuusaa eeraniiru.

Mala balaa hir’isu baasuun hojiileen misooma nyaata loonii heektaar miiliyoona sadii, bishaan dhugaatii namaa fi loonii, jallisii xiqqaa, eegumsa biyyoo fi bishaanii fi rakkoolee walfakkaatan furuu danda’an raawwatamuu isaanii dubbataniiru.

Barattoota naannichaa miiliyoonaan lakkaa’aman sagantaa soorata barattootaa akka fayyadaman taasisuusaa ibsaniiru.

Buusaa Gonofaan miseensotarraa deeggarsa walitti qabuun cinaatti madda galii fulla’aa uumuuf misooma qonnaa ammayyaarratti akka hirmaatu mootumman naannichaa lafa heektaara kuma 43 kennuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan Buusaa Gonofaan Gufuuwwan uumamaa fi namtolcheef humna ofiin gargaarsa namoomaa gochuuf haala mijataa uumaa akka jiru dubbataniiru.

Karoorri Buusaa Gonofaa fi walabummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame akka milkaa’u hooggantoonni sadarkaan jiran kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.

Walitti qabaan yaa’ii walii gala miseensota Buusaa Gonofaa ambaasaaddar Alamaayyoo Taganuu gamasaniin, Buusaa Gonofaa Oromiyaan dhaabbata mootummaa, duudhaa aadaa Oromoo bu’uureffatee lakkoofsa labsii 244/2014 ‘n hundeeffame ta’uusaa eeranii, sadarkaa naannoo, godinaa, aanaa, magaalaa fi gandaatti caaseffama mataasaa akka qabu godhameera jedhaniiru.

Hundeeffamee yroo gabaabaatti barattoota sooruun, namoota sababa balaa uummamaa fi namtolchee buqqa’an qe’eetti deebisuu fi hojiilee misoomaa fi tola ooltummaa biroo hojjechuusaa eeranii, hojiilee amma ammaatti hojjetaman yaa’ii waliigalaatiin qorachuun kallattiin fuulduraa kaa’amuu himaniiru.

Hoogganaan Buusaa Gonofaa obbo Mahaammad Jundii gamasaaniin, Buusaa Gonofaan miseensotasaarraa qabeenya walitti qabuun naannichatti hojiilee misoomaa garagaraa, gargaarsa namoomaa fi deebisanii dhaabuuf akkasumas soorata barattootaa fi gargaarsa biroof gumaacha taasiseera jedhaniiru.

Keessumaa barattoota naannichaa oolmaa daa’immaniirraa amma kutaa saddetiitti sooraa akka jiru eeranii, waggoota sadan darban qabeenyi birri biiliyoona 13 hojii kanaaf ooluu ibsaniiru.

Kanaanis barattoota miiliyoota sagal guyya guyyaan sooruun akka danda’ame eeranii, lammiilee hedduu magaalaa fi baadiyyaatti seeftiineetiin hammataman deeggarsa taasisuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015