Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti Voolkaanoon dhoheera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti Voolkaanoon dhoheera

Adoolessa 09/2017(TOI)-Naannoo Affaar bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo mudachuusaa biiroon turizimii naannichaa beeksise.
Dhohiinsi Volkaanoo kun xiyyeeffannoo tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan hawachuu biirichi beeksiseera.
Biiroo Tuurizimii naannichaatti daarektarri qabeenya tuurizimii beeksisuu fi misooma gabaa obbo Abduu ahimad, kaleessaa eegalee Ertaallee irraa km 15 fagaatee bakkeewwan garagaraa afuritti dhohiinsi Voolkaanoo haaraan mudateera jedhan.
Mudannoon kun Tuuristootaa fi jiraattotarratti miidhaa akka hingeessifne eeranii, mudannoon kun tuuristoota biyya alaa daawwannaarra turan guddaa hawateera jedhaniiru.
Tuuristoonni naannawichatti argaman dhiheenyarratti argamuun dinqisiifannaan xiyyeeffatanii hordofaa akka jiran ibsaniiru.
Dhohiinsi Voolkaanoo dhiibbaan Maagmaa lafa jalatti argamu yoo dabalu ykn baqaqaa uumuun karaa ittiin bahu wayita argatu kan uumamu ta’uu qorattoonni damee kanaa nidubbatu.