Bara baajataa xumurametti hojiileen guddinaa fi badhaadhina walii galaa Mirkaneessuu dandeessisan hedduun raawwatamaniiru.

Adoolessa 09/2017(TOI)-Bara baajataa xumurametti hojiileen qabeenya ofiin Birmadummaa Nyaataa Mirkaneessuu, Guddina fi badhaadhina walii galaa mirkaneessuu dandeessisan bal’aan hojjetamuu Ministirrii Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kamiil ibsan.

Waltajjiin hojiiwwan gurguddoo walta’insa Mootummaa fi paartiin Bara baajataa xumurame hojjetaman gamaggamu Diree Dawaatti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicha Irratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti Aanaa Ministira Muummeetti hogganaan jiddugala Qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii Adam Faaraah dabalatee,  hoggantoonni waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi hogantoonni waajjira Dameelee , Minitiroonni, fi Hoggantoonni Olaannoon Naannoolee argamaniiru.

Tattaaffii gargaaramuu keessaa bahuu, carraa hojii uumuu, tasagabbii gabaa fi qaala’insi gatii  hir’achuun fi  dhimmoota biroo ilaaluun  hojiiwwan  gurguddoo raawwattaman  fi  bu’aawwan galmaa’an ilaachisuun mariin bal’aan gaggeeffameera.

Dhimmoota kana irratti ibsa kan kennan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil,  lammiileef carraa hojii biyya keessaa fi biyya alaatti mijeessuu fi uumuun milkaa’inni gaariin  galmaa’eera.

Itiyoophiyaatti carraan hojii ogummaan gaggeeffamu akka jiraatuuf gochuuf lammiileen beekumsaa fi dandaandeettii argataniin guddinaa fi badahaadhina biyyaa mirkaneessuuf   qoodasaanii akka bahan ta’aa jiraachuu dubbataniiru.

Carraa hojii uumuu irra darbe dameelee biroon bu’aan qabatamaan galmaa’uusaanii

kaasuun fuulduratti jabaatee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Hogganaan Damee Siyaasaa fi Ijaarsa Dandeettii Paartii Badhaadhinaa Dr.Sammaa Xurunaa bara baajataa xumurame walta’insa Paartii fi Mootummaan hojiiwwan bal’aa raawwataman   ibsaniiru.

Bara baajataa qabametti, Bu’aawwan argaman itti fufsiisuun raawwiin caalu akka  jiraatu   tattaaffiin qindaa’aan nitaassifama jedhaniiru.

De’eetaan Ministira Daldalaa fi walitti hidahaminisa Riijinii Dr.Abdulhakiim Muluu  gama isaaniin, riifoormii Dinagdee Gooroo tassisuun guddinaa fi  Misooma Damdaneessa  itti  saffisiisuu danda’uu kaasaniiru.

Qaala’insa jireenyaa tasgabbeesuuf tattaaffiin bal’aan taassifamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015