Guddina Ariifataa Hunda Galeessa Mirkaneessuuf dhaloota sammuu fi qaamaan dagaage ijaaruu qabna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

 Adoolessa 11/2017(TOI)-Guddina saffisaa damee hundaan mirkaneessuuf dhaloota Sammuu fi Qaamaan dagaage Ijaaruun murteessaa ta’uu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. 

Kantiibaa Adaanech guyyaa har’aa Pirojektoota Barnoota 150 Magaalaa Finfinnee bakka adda addaatti ijaaraman eebbisaniiru.

Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana ergaa dabarsaniin, guddina saffisaa damee hundaan mirkaneessuuf dhaloota sammuu fi qaamaan guddate ijaaruu qabna jedhaniiru.

Dhaloota Sammuuu fi Qaamaan guddate ijaaruuf Barnoonni Qulqullina qabu murteessaa ta’uu Ibsaniiru.

Bulchiinsi Magaalichaa Bara Baajataa xumurametti  birrii biiliyoona 5 tuqaa 2 baasii gochuun Pirojektoota Barnootaa150 ijaaruun eebbaaf geessisuu dubbataniiru.

Bu’uuraalee Misooma Barnootaa eebbifaman keessaa14 haaraa yoo ta’an kan hafan babal’isuu ta’uu dubbataniiru.

Pirojeektonni kunnneen qulqullinaa fi dhaqqabamummaa Barnootaa Mirkaneessuuf gahee olaanaa akka bahan hubachiisaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalichaa Dr. Zalaalem Mulaatuu gama isaaniin, tarkaanfiiwwan fooyya’insaa gama Barnootaan fudhataman bu’aa buusuu isaanii dubbataniiru.

Qondaaltonni Olaanoon Bulchiinsa Magaalichaa fi keessummooni waamichi taassifameef sirna eebbaa kana irratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015