Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’aniiru

Adoolessa 06/2017(TOI)- Jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii hooggantuun dame seeraa fi imaammataa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Gabreelaa Abrihaam ibsan.
Itiyoophiyaatti mirga waraqaa raga jiraattotaa mirkaneessuuf, tajaajilamtootaa fi tajaajila kennitoota jidduutti wal amantaan akka jiraatu, iftoominni, ittigaafatamnii fi hojmaata mijataa sadarkaa biyyaalessaatti diriirsuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa hojiirra ooleera..
Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaatti hooggantuun dame seeraa fi imaammataa Gabreelaa Abrihaam turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, Finfinnee fi naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa fi raawwachuu fi dhaabbilee waliin walitti hidhata uumuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
Haala Kanaan amma ammaatti jiraattonni miiliyoona 19 tuqaa 1 waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaaf galmaa’uusaanii fi dhaabbilee 55 waliin walitti hidhanni uumamuusaa dubbataniiru.
Bara bajataa 2018 galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa caalaatti guddisuuf karoorfamuu fi walitti hidhata dhaabbilee waliin jiru cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru.
Galmee kana keessumaa naannoleetti babal’isuuf walitti hidhata dhaabbilee waliin taasifamu caalaatti cimsuuf xiyyeeffatamuu dubbataniiru.
Bara bajataa xumurame naannoleetti galmee waraqaa eenyummaa dijitaaalaa ilaalchisee hojiin hubannoo cimaan hojjetamuusaa fi bu’aanis argamuu beeksisaniiru.
Hooggansa olaanaa irraa eegalee xiyyeeffannoon waan hojjetameef hawaasni waraqaa eenyummaaf akka galmaa’u gochuurratti hojiin guddaan hojjetameera jedhaniiru.