Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jirti-Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa

Adoolessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii biyyoota biroof fakkeenya ta’u hojjechaa jiraachuu Attaasheewwan loltuu biyyoota garagaraa ibsan.

Raayyaan ittisaa sagantaa jalqabsiisa ashaaraa magariisaa mooraa muummee qajeelcha waliigalaa ministeera ittisaatti gaggeesseera.

Etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Biraanuu Juulaa, de’eetaawwan ministeera ittisaa, qondaaltonni jeneralonnii fi ataasheewwan loltuu biyyoota garagaraa sagantaa jalqabsiisaarratti argamaniiru.

Ataasheewwan loltuu Yaada TOI’f kennan keessaa Itiyoophiyaatti attaasheen loltuu Maalaawii Birgaadar Jeneraal Kiriispiin Roobart Piitii akka ibsanitti, Itiyoophiyaan ashaaraa magariisaatiin hojii muuxannoon irraa fudhatamu hojjechaa jirti.

Hojiin kun Afriikaa qofa osoo hintaane addunyaan hundi fakkeenya godhachuu akka qabdu dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Attaasheen loltuu Xaaliyaanii Koloneel Maarkoo Poodiidii akka ibsanitti, ashaaraan magariisaa addunyaa faalamarraa walaboomte dhalootaaf dabarsuuf murteessaadha jedhan.

Gama Kanaan Itiyoophiyaan
hojii addunyaaf fakkeenya ta’u hojjechaa akka jirtu arguusaanii dubbataniiru.

Itiyoophiyaan ashaaraa magariisattiin hojii biyyootaa
f fakkeenya ta’u hojjechaa jirti kan jedhan attaashee loltummaa gamtaa Afriikaa fi Itiyoophiyaatti attaashee loltummaa Moozaambiik Koloneel Farnaandoo Makanzii Jiimoodha.

Fuulduras biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa fakkeenya godhachuun sagantaa kanarratti akka hirmaatan Koloneelichi dubbataniiru.

Bara kana Mata duree “dhaabuun bayyanachuu” jedhuun biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015