Oomishtummaa damee qonnaa naannichaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamu onnachiisaadha-Koree dhaabbataa - ENA Afaan Oromoo
Oomishtummaa damee qonnaa naannichaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamu onnachiisaadha-Koree dhaabbataa

Adoolessa 08/2017(TOI)- Oomishtummaa damee qonnaa naannichaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamu onnachiisaa ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti Koree dhaabbataa dhimmoota qonnaa ibse.
Miseensonni koree dhaabbatichaa sochii hojii qonnaa wayitaawaa naannoo Gaambeellaa dawwataniiru.
Dursituun garee miseensota koree dhaabbataa adde Lubaabaa Sayid daawwannaan booda yaada TOI’f kennaniin, mootummaan dqmee qonnaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennee oomishtummaa guddisuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Naannoon Gaambeellaa damee Kanaan qabeenya dilbii waan qabuuf misooma cimsuun akka biyyaatti karoora gargaaramuu jalaa bahuuf qabameef humna guddaa ta’a jechuun ibsaniiru.
Naannoon Gaambellaa oomishtummaa damee qonnaa guddisuun gargaaramuu jalaa bahuuf tattaaffiin taasifamu abdiqabeessa ta’uu ibsaniiru.
Miseensi koree dhaabbataa adde Itaagany Isheetuu, naannichatti walabummaa nyaataa mirkaneessuu fi gargaaramuu jalaa bahuuf hojiin hojjetamaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.
Qabeenya dilbii naannichaa sirnaan misoomsuun yoo danda’ame qabeenyi biyyaaf gahu akka jiru miraneessineerra jedhaniiru.
Itti aanaan hoogganaa biiroo qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa naannichaa Daagim Milashiin, ganna kana lafti heektaarri kuma 172 sanyiin facaafamuu kaasanii, oomisha fooyya’aa argachuuf hojiin qindoominaa ciminaan itti fufu jedhaniiru.
Bara oomishaa kana lafa sanyiin facaafamerraa midhaan kuntaala miiliyoona 5 galchuuf karoorfamuu dubbataniiru.