Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun, humna raawwachiisummaa dhaabbiilee guddisuu irratti kan kaayyeffatedha-Ministira Ballaxaa Mollaa - ENA Afaan Oromoo
Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun, humna raawwachiisummaa dhaabbiilee guddisuu irratti kan kaayyeffatedha-Ministira Ballaxaa Mollaa

Adoolessa 11 /2017(TOI)-Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun, humna raawwachiisummaa dhaabbiilee fi namoota dhuunfaa guddisuu kaayyoo furtuu godhachuusaa Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Dr, Ballaxaa Mollaa ibsan.
Ministeerri Innooveeshinii fi Teekinooloojii sanada Imaammata ‘’Dijiitala Itiyophiyaa 2030” irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessaa jira.
Ministirichi wayita kana akka ibsanitti, Imaammata Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Milkaa’inoota Imaammata Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2025 argaman irratti bu’uurefame gudiina Dijiitaalaa haaraa adda addaa irratti xiyyeefannoo kan godhatedha.
Imaammanni kun yaad-rimeewwan hubannoo nam-tolchee fi bu’uuraalee misooma dijiitaala ummataa irraa kaasee hanga Magaalota Ismaartii, Daldalaelektirooniksii Daangaa Qaxxaamuraa fi birmadummaa dijiitaalaa hammatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Imaammatichi Teekinooloojii Fayyadamuun carraa hojii uumaman, misooma haqa qabeessaa fi hirmachisaa, akkasumas badhaadhina hunda galeessa kaayyoo godhatee kan diriirfame ta’uu dubbataniiru.
Kaayyoon ijoo tarsiimoo kanaa keessaa Beekumsa Dijiitaalaa babal’isuun humna raawwachiisummaa dhaabbilee fi nama dhuunfaa ijaaruun tokko akka ta’e ibsaniiru.
kaayyoowwan tarsiimoo kanaa keessaa tokko, Guddina Dinagdee Dijiitaalaa Hirmaachisaa ta’e saffisiisuu,dhaqabummaa Dijiitaalaa waliigalaa guddisuun, Itiyoophiyaan Invastimantii Dijiitaalaa Alaaf kallattiin filatamtuu akka taatu ta’uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis, ragaa biyyaa fi haala Teekinooloojii Idil-Addunyaa akkasumas fedhii Misoomaa Biyyoolessaa, odeeffannoo bu’uura godhate walitti qabuu fi xiinxaluun utubaa misooma dijiitaalaa fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo adda kan baase ta’uu ibsaniiru.