Mootummaan Humna Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa cimsuuf xiyyeeffannoo kennee  hojjechaa jira- Dr.Laggasaa Tulluu

Adoolessa  10  /2017(TOI)- Mootummaan Humna Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa cimsuuf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuu Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii  mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu ibsan.

Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii mootummaa Dr.Laggasaa Tulluu, Hoggantootaa fi  Hojjettoota Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf haala  yeroo  biyyaa irratti  ibsaa fi  kallattii hojii fuulduraa  kennaniiru.

Ministirichi Tajaajilli  Oduu Itiyoophiyaa guutuu Itiyoophiyaa Keessatti Odeeffannoo Waytaawaa,  Barbaachisaa, fi amanamaa ta’e  akka dhaqqabamu taassisa jiraachuu  ibsaniiru.

Tajaajilli  Oduu Itiyoophiyaa Jabaachuun Miidiyaan Itiyophiyaa jabaachuudha kan jedhan Ministirichi, kunis Miidiyaaleen Odeeffannoo barbaachisaa, sadarakaa isaa eeggatee fi  guutuu ta’e akka argatan kan taassisu ta’uu ibsaniiru. 

Mootummaan Tajaajila Oduu Cimaa qabaachuu qaba jedhee akka amanuu fi  kanaanis Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa  cimsuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Tajaajilli oduu cimaan jiraachuun guddina damee Miidiyaa Biyya keessaaf qooda murteessaa qaba jedhaniiru.

Kanaaf Tajaajilli oduu Itiyophiyaa humna isaa cimsuuf  hojii eegale cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015