Hojiileen akka biyyaatti fakkeenya ta’an naannichatti hojjetamaa jiru-Obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen akka biyyaatti fakkeenya ta’an naannichatti hojjetamaa jiru-Obbo Adam Faaraah

Adoolessa 10/2017(TOI)- Hojiileen akka biyyaatti fakkeenya ta’an naannoo Harariitti hojjetamaa jiru jedhan itti aanaan pirezidaantii paartrii badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii Obbo Adam Faaraah.
Obbo Adam Faaraah waajjiraalee paartii naannoo Hararii aanaalee salganuu keessatti ijaaraman eebbisanii bananiiru.
Naannoo Harariitti Jijjiiramaan asitti guddinni olaanaan galmaa’uu arguusaanii dubbatan obbo Adam Faaraah.
Yeroo ammaa naannichatti hojiileen akka biyyaatti fakkeenya ta’uu danda’an hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanaaf ammoo tokkummaan hooggansaa fi ummataa qooda guddaa bahaa akka jiru himaniiru.
Gamoowwan aanaa salganuu keessatti karaa baasii qusatuun ijaaraman sirna hooggansa pirojektii paartichaa qabatamaatti kan mul’ise ta’uu eeraniiru.
Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii gamasaaniin, injifannoowwan gurguddoon akka biyyaatti argaman imaammattoonni paartii badhaadhinaa sirrii ta’uusaanii fi fudhatamni ummata biratti qaban agarsiiftuu ta’uu kaasaniiru.
Hambaan idil addunyaa Jagol balaarra ture kan yaadama ida’amuu fi tokkummaa fi xiiqii hooggansaan hojjetame eeraniiru.
Gaaffii misoomaa ummanni gaafatu deebisuun oomishtummaa guddisuun hojiileen bu’a qabeessi hojjetamuusaanii fi misoomni kooriidariis jajjabeessoo ta’uu kaasaniiru.
Itti aantuun bulchaa naannichaa Roozaa Umar dabalatee hooggantoonni federaalaa fi naannoo biroon sagantaa eebbaa kanarratti argamaniiru.