Bu’aan misooma bunaan naannoo Oromiyaarraa argame ittifufsiisuun fayyadama qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf nihojjetama - ENA Afaan Oromoo
Bu’aan misooma bunaan naannoo Oromiyaarraa argame ittifufsiisuun fayyadama qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf nihojjetama

Adoolessa 09/2017 (TOI)- Bu’aan misooma bunaan naannoo Oromiyaarraa argame bal’isuun fayyadama qonnaan bulaa caalaatti guddisuuf akka hojjetamu pirezidaantiin naannichaa Shimallis Abdiisaa beeksisan.
Waltajjiin qorannoo raawwii fi milkaa’inoota omishaa fi omishtummaa Bunaa guddisuuf hojiilee bara bajataa 2017 hojjetamaniin argamanii fi karoora bara bajataa 2018 qoratu har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.
Waltajjicharratti Pirezidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa, imalli badhaadhinaa biyyattii akka milkaa’u Bunni gumaacha olaanaa taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Ommishaa fi omishtummaa Bunaa dabaluun fi qulqullinasaa fooyyessuun addunyaarratti dorgomaa akka ta’u cehumsa caasaa dinagdee dhugoomsuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechuu ibsaniiru.
Mootummaan, qonnaan bulaa fi alergitoonni Bunaa qindoomina uumaniin oomishtummaa fi galiin bu’aan fooyya’aan argameera jedhan.
Haala Kanaan alergitoonni qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’u deeggarsa cimsuun alatti buna misoomsuurratti akka hirmaatan gaafatanii, mootummaan naannichaas deeggarsa malu akka taasisu himaniiru.
Daarektarri olaanaa abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa gamasaaniin akka biyyaatti waggoota muraasaan asitti misooma Bunaan bu’aan olaanaan argamaa jira.
Misooma Bunaa babal’isuun gamatti argannoo alergiinis bu’aan olaanaan galmaa’aa jiraachuu eeranii, bu’aan kun naannolee fi qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjetamuusaatiin akka ta’e himaniiru.
Alergiin Bunaa barootaaf to’annoo alergitoota muraasa harka kan ture jijjiiruun qonnaan bulaa dabalatee alergitoonni haaraas akka keessa galan hojmaanni kaa’ameera jedhan.
Bara bajataa xumurame buna toonii kuma 469 irraa doolaariin biiliyoona 2 tuqaa 65 argamuu yaadachiisanii, bara bajataa 2018 buna toonii kuma 600 gabaa addunyaaf dhiheessuun galii doolaara biiliyoona 3 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu,oomishtummaa fi qulqullina bunaa naannichaa guddisuuf inisheetiivonni garagaraa bocamanii tumsa taasifameen bu’aan quubsaan argameera jedhaniiru.
Naannihatti buna babal’isuuf waggoottan shanan darban hojii hojjetameen baayina bunni waggaa waggaan dhaabamu harka 23 guddisuun akka danda’ame beeksisaniiru.
Oomisha bunaa waggaatti naannichatti oomishamu kuntaala miiliyoona 4 irraa gara kuntaala miiliyoona 15 tuqaa 15tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.
Kana malees naannichatti lafti heektaara miiliyoona 3 tuqaa 3 irra Bunni misoomaa akka jiru eeranii, omishtummaa misooma Bunaa naannichaa heektaararraa kuntaala 6 tuqaa 5 irraa gara kuntaala 9tti guddisuun akka danda’ame himaniiru.