Barri bajataa haaraan bara tarkaanfiiwwan haaraa imala bayyanannaa keenya cimsan galmeessisuuf waloomaan itti hojjennudha-itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Adoolessa 11/2017(TOI)-Barri bajataa 2018 bara tarkaanfiiwwan haaraa imala bayyanannaa keenya cimsan galmeessisuuf waloomaan itti hojjennudha jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa.

Itti aanaan ministira muummee ergaa fuula marsariitiirratti dabarsaniin karoora bara 2018 raawwii bara bajataa 2017 ka’umsa godhachuun qophaa’e irratti hooggantoota dhabbilee federaalaa waliin mari’atamaa akka jiru ibsaniiru.

Barri bajataa 2017 gama hedduun dacha seenaa badhaadhinaati kan jedhan itti aanaan ministira muummee, barri kun dhugumayyuu ka’umsa bara bayyanannaa Itiyoophiyaa ture jedhaniiru.

Karoorri bara 2018 raawwii gaarii kanneen ka’umsa kan godhatu ta’uu ibsaniiru.

Bara bajatichaatti riifoormii dinagdee Goroo guutuu gochuun cabiinsa turan suphineerra jechuun dubbatan.

Hidha haromsaa xumurreerra kan jedhan itti aanaan ministira muummee Pirejektii keenya gaaziis xumurraa jirra jedhan.

Misoomni kooriidarii magaalota keenyatti  jalqabne bu’aa fiduu jalqabaniiru kaan jedhan iti aanaan ministira muummee  Tamasgeen Xurunaa,kooriidarii baadiyyaas eegalleerra jechuun ibsaniiru.

Galmoonni keenya bara bajataa 2018 raawwii gaarii kanneen ka’umsa kan godhatan, kan dabre caalaa hojjechuu gaafata jechuun  hubachiisan
iiru.

Qofaa fiiguu qofa osoo hinta’iin qindoomina cimaa barbaadu jedhaniiru.

Har’a Itiyoophiyaan nuharka jirti kan jedhan itti aanaan ministira muummee bara bajataa haaraa injifannoowwan caalan galmeessisuun qaama dhaloota bayyanachuu Itiyoophiyaa labsuu akka taane amannee milkaa’ina caaluuf cimnee hojjehuu qabna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015