Raayyaa ittisaa daangaa biyyaa tiksuuf dhiiga arjoomuun tumsa agarsiisuu keenyatti niboonna-hooggantoota mootummaa olaanoo - ENA Afaan Oromoo
Raayyaa ittisaa daangaa biyyaa tiksuuf dhiiga arjoomuun tumsa agarsiisuu keenyatti niboonna-hooggantoota mootummaa olaanoo

Adoolessa 10/2017(TOI)- Raayyaa ittisaa daangaa Itiyoophiyaa tiksuuf dhiiga arjoomuun tumsa agarsiisuu keenyatti niboonna jedhan hooggantoonni mootummaa olaanoon.
Hooggantoonnii fi hojjettoonni ministeera ittisaa, haqaa, nageenyaa fi dhaabbileen ittiwaamamtootaamooraa muummee qajeelcha waliigalaa ministeera ittisaa qaama tajaajila tola ooltummaa kan ta’e sagantaa dhiiga arjoomuu gaggeessaniiru.
Hoggantoonni kunneen dhiiga arjoomuun gamatti biqiltuu dhaabaniiru.
Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, sagantaan tajaajila tola ooltummaa kun kan qophaa’e tumsa raayyaa ittisaaf qabnu ibsuufi jedhaniiru.
Ministirri haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee gamasaaniin, sagantaan dhiiga arjoomuu kun raayyaa ittisa biyyaa daangaa biyyaa kabachiisuuf tumsa agarsiisuuf kan gaggeeffamedha jedhaniiru.
Hawaasni hundi dhooga arjoomuun gocha gaarii kanarratti hirmaachuu akka qabu dubbataniiru.
De’eetaan ministira Haqaa Balaayihun Yirgaa,raayyaa ittisaa aarsaa lubbuu kaffaluuf dhiiga arjoomuun koo nanboonseera jedhan.
De’eetaan ministira ittisaa Maartaa Luwiij akka ibsanitti, raayyaa daangaa, tasgabbii fi nageenya biyyaaf aarsaa kaffalaa jiruuf dhiiga arjoomuun sirriidha jedhan.
De’eetaan ministira haqaa Dr. Ermiyaas Yemaanebiraan gamasaaniin, dhiiga kanin arjoome tumsan raayyaa ittisaaf qabu agarsiisuufi jedhan.
Raayyaa ittisa biyyaa birmadummaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf dhiiga arjoomuun koo naboonseera kan jedhan daarektara olaanaa abbaa taayitaa dhabbilee hawaasa siviilii Saamsoon Birraatuudha.
Hooggantoonni dhiiga arjoomuutti aansuun mooraa muummee qajeelcha waliigalaa ninisteera ittisaa keessa ashaaraa magariisaa kaa’aniiru.