Raayyaan Ittisaa Ashaaraa Magariisaa Aadaa Hojii godhachuun cimsee itti fufa – Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa

Adoolessa 09 /2017(TOI)-Raayyan Ittisaa Bakka Kaampii Jireenyaa fi bakka dirqama irra Jirutti Ashaaraa  Magariisaa Aadaa hojii  godhachuun  cimsee akka itti fufu Etaamaajoor Shuumiin Walii galaa humnoota Waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan. 

Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa Mataduree ‘’Dhaabuun Bayyanachuu’’ jedhuun Waxabajjii 20/2017faatti eegalchiisuun isaanii ni yaadatama.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Sagantaa Jalqabbii Ashaaraa Magariisaa Bara Kanaa  qajeelcha Mooraa muummee Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti Gaggeeffameera.

Etaamajor Shuumiin humnoota waraanaa Waliigala Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Dee’eetaan Ministira Raayyaa Ittisa, Qondaaltonni Olaanoo fi Attaashonni Waraanaa Biyyoota adda addaa irraa dhufan sagantaa jalqabbii Kana Irratti argamaniiru. 

Etaamaajoor Shuumiin humnoota waraanaa Walii Gala Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Raayyichi Waggoottan darban Sagantaawwan Ashaaraa Magariisaa Raawwatamaniin Hirmaannaa Olaanaa Taassiseera. 

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti yeroo eegalamee eegalanii Uwwisa Bosonaa Guddisuun, Wabii nyaataa Mirkaneessuu fi Jijjiirama Qilleensaa Ittisuun Bu’aa fidaa jira jedhaniiru.

 Raayyan Ittisa Biyyaas Qooda Mataasaa Bahuun Ashaaraasaa kaa’aa akka jiru dubbataniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa raayyichi guyyaa hara’aa eegalee qaxanaa dirqama irra jirutti   fi kaampii jireenyaa dabalatee biqiltuu dhaabuuun Hojii Ashaaraa Magariisaa Aadaa Godhachuu cimsee akka ittin fufu mirkaneessaniiru.

De’eetaan Ministira Raayaa Ittisa Baiyyaa Toomaas Tuut gama isaaniin, raayyaan Ittisa Biyyaa Dirqama itti kenname cinaatti eegumsa nannoo irratti dammaqinaan hirmaachaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015