Hawaasni Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan Dhaabamn akka qabatan Xiyyeeffannoo Barbaachisu Kennuu Qaba

Adoolessa 08/2017 (TOI)-Hawaasni Ashaaraa Magariisaf hirmaanaa taassisuu cimsuun biqiltuuwwan dhaabaman akka qabatan kunuunsa barbaachisaa akka taassisan sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti, Hojii Gaggeessaa Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee  Injiinar Wandimmuu Seettaa ibsaniiru.

Waajjirri Hojii Gaggeessaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi dhaabbileen biroon mata duree ‘’dhaabuun bayyanachuu‘’ jedhuun sagantaa Ashaaraa Magariisaa Paarkii Inxooxxootti gaggeessaniiru.

Hoggantoonni Hojii Olaanoon Magaalichaa fi kutaan hawaasa adda addaa saganticha irratti hirmaataniiru.

Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti hojii gaggeessa olaanaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee injiinar Wandimmuu Seettaa, qabeenya uumamaa sirnaan eeguu dadhabuu keenyaan balaa umamaa adda addaaf saaxilamoo taanee turreerra jedhaniiru. 

Dhiibbaa Jijiiramni Qilleensaa fidu dandamachuuf mootummaan waggoottan torban darban sagantaa Ashaaraa Magariisaa haala itti fufinsa qabuun hojiirra oolchaa jiraachuu dubbataniiru.

Sagantichi lammmiilee kaayyoo tokkoof dammaqinaan hirmaachisuu dubbatanii, kanaanis milkaa’inoonni hedduun galmaa’uu kaasaniiru.

Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Komishinariin qindeessaa hirmaannaa hawaasaa fi tola ooltummaa Yimar Kabbadaa gamasaaniin, ashaaraan magariisaa kaka’umsa guddaa dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte ittiin ijaarrudha jedhaniiru.

Dhaabbii fi kunuunsa biqiltuuf hundi keenya hirmaannaa taassisnu cimsinee itti fufuu qabna jedhaniiru.

Daarektarri olaanaan Ejensiin galmeessa sivilii fi ragaa bu’uura hawaasummaa Yooseef Nugusee, biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabbtan kunuunsuun firiif akka gahaniif hojjenna jedhaniiru.

Hojii gaggeessaan komishinii Ibiddaa fi soda balaa damee ekkaa Niqoodimoos Buchee gama isaaniin, sababa balaa uumamaan miidhaa qaqqaban ittisuuf Ashaaraa Magariisaa Aadaa godhachuu akka qabnu  ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015