Godinichatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiru

Adoolessa8 /2017 (TOI)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa bahaatti biqiltuuwwan ikooloojii naannawaa eegsisanii fi faayidaa dinagdee qaban sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa  Godinichaa beeksise.

Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waajjirichaa Abinnt Zagayyee akka ibsanitti, Biqiltuuwwan Dhaabbatan keessaa dhibbantaa 35 biqiltuuwwan nyaataaf oolan kanneen akka Avokaadoo, Muuzii,Paappayaa, Burtukaanaa fi kanneen biroo ta’uu ibsaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kana gaggeeffamuun Aanaale Godinichatti argaman 11 keessatti lafti hektaarri kuma 59 ol qophaa’eera jedhaniiru.

Qonnaan Bulaan, Dargaggoonni fi kutaan hawaasa adda addaa  sagantaa dhaabbii biqiltuu irratti akka hirmaatan ibsaniiru.

Biqiltoonni sagantichaan Dhaabaman Sirna Ikkooloojii Naannawaa eeguu fi omishtummaa dabaluuf qofa osoo hin taane faayidaa Dinagdee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Godinichi biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin ta’iin bakkeewwan bosonaa dura turan daangessuun eeguu fi kunuunsuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaa irratti kan hirmaatan Jiraattonni Godinichaa Aanaa Boosat, waggoottan darban biqiltuuuwwan dhaabuurra darbee  kunuunsuu fi eeguun Itti Gaafatamummaa isaanii bahachaa turuu isaanii ibsaniiru.

 Akkasumas, Uwwisa Bosonaa Godina isaanii guddisuuf bakkeewwan biqiltuun dhaabbatan daangessuu dabalatee biqiltuuwwan dhaabbatan akka qabataniif eeguumsa taassisaa jiraachuu beeksisaniiru.  

Bara kana Ashaaraa isaanii kaa’uuf sagantaa dhaabbii biqiltu irratti dammaqinaan  hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015