Miidiyaaleen seenessoota biyya ijaaran kan baratti darbanirratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu

Adoolessa 09/2017(TOI)- Miidiyaaleen seenessoota biyya ijaaran kan baratti darbanirratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban pirezidaantiin akkaadaamii ga’oomaa hooggansa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa ibsan.

pirezidaantiin akkaadaamii ga’oomaa hooggansa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa Hoogantootaa fi galaalchota tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf leenjii kennaa jiru.

Miidiyaaleen odeeffannoo dhiheessuun gamatti hojiilee jijjiirama bu’uraa fidan hojjechuu akka qaban ibsan obbo Zaadiig.

Miidiyaaleen hojiiwwan galaalchummaa biyya ijaaruu fi galma biyyaalessaa waloof lammiileen tokkummaan akka dhaabatan godhanirratti xiyyeeffachuu qabu jedhaniiru.

Miidiyaaleen ijaarsa biyyaaf qooda ijoo akka qaban eeranii, hojii kana gama si’oomsuutiin qooda ijaaraa bahuu akka qaban kaasaniiru.

Galaalchonnis oduu guyya guyyaarra darbee hojii dhiibbaa uumuu danda’u hojjedheeraa? Jechuun dhimmoota fulla’insa qabanirratti xiyyeeffachuun akka ofga’oomsan himaniiru.

Miidiyaaleen rakkoolee agarsiisuu qofa osoo hinta’iin furmaata fiduu qabu kan jedhan pirezidaantichi, hojiin ijaaraa galaalchummaa gumaacha akka qabu dubbataniiru.

Gabaasni miidiyaalee abdii kan namatti horanii fi ifa kan agarsiisan ta’uu ta’uu akka qaban dubbataniiru.

Akkuma riqichi walitti nama fidu seenessi sammuu namootaa walitti fida kan jedhan pirezidaantichi, miidiyaaleen seenessa waloorratti xiyyeeffachuun biyyii fi mootummaan walitti dhiheenyaan akka hojjetan haala mijataa uumuu akka qaban kaasaniiru.

Galaalchonni seenessoota baratti darban bocuun, sagalee ummataa ta’uun akkasumas dhaabbilee gama cimsuutiin qooda murteessaa qabu jedhaniiru.

Keessummaa odeeffannoo sirrii fi haqaa lammiilee qabsiisuun akkasumas hubannoosaanii guddisuun faayidaa fi fedhii biyyasaaniif akka dhaabatan gochuuf ittigaafatama guddaa qabu jedhaniiru.

Galaalchaan qormaataa fi rakkoof osoo hinjilbeeffatiin onneerraa hojjechuun hojiilee biyya ijaaranii fi dhaloota qaran hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015