Labsiin filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi Naamusa filannoo Itiyoophiyaa fooyyessi taasifameef mirkanaa’e

Adoolessa 10/2017 (TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii ariifachiisaa lammaffaa har’a taa’een labsii filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi Naamusa filannoo Itiyoophiyaa fooyyessi taasifameef mirkaneesseera.

Labsiin kun keewwata 26 akka qabu kan ibsame yoo ta’u, hirmaannaa siyaasaa dubartootaa fi qaama miidhamtootaa guddisuu akka dandeessisu ibsameera.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii Iwunatee Allenee, gabaasaa fi yaada murtee fooyyessa labsii dhiheessaniiru.

Labsichi filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa hirmaachisaa, demokiraatawaa fi ifaa ta’een gaggeessuuf akka gargaarutti fooyya’uusaa kaasaniiru.

Keewwata fooyyeffaman keessaa hirmaannaa filannoo dubartootaa fi qaama miidhamtootaa, akkaataa komiin itti dhihaatuu fi fayyadamni teeknooloojii keessatti argamu jdhaniiru.

Labsiin fooyya’e dirree siyaasaa bal’isuun dhimma filannoo hoogganuuf haala mijataa ni’uuma jedhn walitti qabaan koree dhaabbataa.

Adeemsa filannoo walxaxaa ta’e teeknooloojiin deeggaruun filannoo ifaa fi kan baasii qusatu adeemsisuu akka dandeessisu kaasaniiru.

Miseensonni mana marees yaada garagaraa labsii fooyya’erratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan kaasuun morii lama, qoqqobbii afur sagalee caalmaan mirkanaa’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015