Itiyoophiyaan guyyaa baniinsa Shaampiyoonaa Atileetiksii dargaggoota guddattoota Afriikaa Meedaaliyaa afur harkatti galfatte - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan guyyaa baniinsa Shaampiyoonaa Atileetiksii dargaggoota guddattoota Afriikaa Meedaaliyaa afur harkatti galfatte

Adoolessa 10/2017 (TOI)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18 gadii sadaffaa eda Naayijeeriyaa Abukataatti jalqabameera.
Atileetonni Itiyoophiyaa baniinsarratti dorgommiiwwan xumuraa shan irratti hirmaatteetti.
Dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 18 gadiin meetira 1500niin Elsaabeex Amaaree meedaaliyaa Meetii, Dastaa Taaddasaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfataniiru.
Atileet Tirhaas Gabrahiywoot dorgommii xumuraa dubartootaa waggaa 20 gadii meetira 3000’n meedaaliyaa Meetii harkatti galfatteetti.
Akasumas dorgommii dhiiraa waggaa 18 gadii meetira 1500’n Saamu’eel Gabrahawaariyaa meedaaliyaa Naasaa harkatti galfachuu federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera.
Dorgommii xumuraa utaalchoo kuruphisaa dubartootaa waggaa 20 gdiin
Nyachook Chool, Atileet Nibrat Kindee dorgommii xumuraa dhiiraa meetira 10000 waggaa 20 gadiin sadarkaa keessa hingalle.
Itiyoophiyaan baniinsa shaampiyoonichaan Meetii lamaa fi Naasa lama walumaa gala Meedaaliyaa afur harkatti galfatteetti.
Itiyoophiyaan dorgommii Kanaan dhiira 30 fi dubartoota 27 walumaa gala Atileetonni 57 nihirmaachifti.
Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa waggaa 20 fi 18gadii sadaffaan amma Adoolessa 13 bara 2017tti nigaggeeffama.