Angafoota Oduu
Hojiin oomisha dhaala leemaataan jalqabame bu’aa agarsiisaa jira
Apr 13, 2024 311
Ebla 05/2016(TOI)-Hojiin dhaala leemaataan magaalaa Hawaasaatti keessumaa oomisha buuphaa fi aannaniin hojjetamaa jiru bu’aa agarsiisaa akka jiru ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsi naannoo obbo Gabramasqal Caalaa ibsan. Hojiin dirree dhiibbaa qaala’iinsi jireenyaa magaalaawwan addaddaatti geesise hir’isuun gabaa tasgabbeessuuf hojiilee hojjetamaa jiran qorachuuf taasifamaa jiru ittifufuun hojiin oomisha dhaala leemataa nannoo Sidaamaatti jalqabame bu’aa agarsiisaa akka jiru ibsameera. Naannoo Sidaamaatti hojiin gandoota handaanqoo 869 fi mooraa manneen jireenyaatti guyyaatti buuphaa miiliyoona 4 ta’u oomishuun nannicharra darbee Finfinnee, Dirreedawaa, Bahaardaarii fi Jigjigaatti akka raabsamudaawwannaa Kanaan hubatamuusaa odeeffannoon ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo nimul’isa. Gatiin nyaata lukkuu dabalaa dhufuunii fi walitti hidhamiinsa gabaa amma barbaadamu taasifamuu dhabuun yaaddoo akka itti uume oomishtoonni ibsaniiru. Abbaan jiddugaleessa aannan qoodu dhaala leemataa Tufaa Dooyichaa magaalaa Hawaasaa saawwan aannanii 80’n guyyaatti aannan liitira 400 oomishaa akka jiran eeraniiru. Magaalicha iddoo aannan itti gurguramutti hawaasaaf gurguraa akka jiran ibsaniiru. Xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa damee kanaaf kennetti akka gammadan himaniiru. Obbo Gabramasqal Caalaa daawwannaa Kanaan bu’aan buuphaa fi oomisha aannaniin argame akka isan gammachiise dubbataniiru. Walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuu fi rakkoo nyaata loonii fi handaanqoo furuuf kanneen dandeettii qaban oomisha nyaataarratti akka bobba’an kallattii kaa’uunsaanii beekameera.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 4197
ENA
Siyaasa
Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo qaba
Apr 12, 2024 714
Ebla 04/2016(TOI)- Gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoon hojjecha akka jiru ibse. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Roland Koobiyaa fi gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Jaaveer Peereez guyyaa Awuraappotaa bara faranjootaa Caamsaa 9 kabajamu ilaalchisuun waliin ibsa kennaniiru. Ambaasaaddarri gamtaa Awuooppaa Roolaand Koobiyaa ibsa kennaniin waggoota 74 duraa kaasee gamtaa Awurooppaa hundeessuuf biyyoota Awurooppaa muraasa jidduuttiwaliigalteen tumsaa taasifamuusaa yaadachiisaniiru. Yeroo ammaa gamtaan Awurooppaa qindoomina siyaasaa fi dinagdeetiin biyyoota 27 ofialatti hammateera jedhan. Gamtaan Awurooppaa hojiirra oolmaa deddeebisa paaspoortii bilisaa fi maallaqa waliinii fayyadamuu dabalatee sadarkaa tumsa egeree hundagaleessa biyyoota jidduutti uumerra gaheera jedhan. Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota addaddaa waliin hariiroo tumsaa egeree fi qajeelfamarratti hundaa’e cimsee kan ittifufu ta’uu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota tumsisootaa tarsiimawaa gamtichaa murteessoo ta’an keessaa idhee tokko ta’uushee eeranii, dameewwan siyaasaa fi dinagdeen tumsa cimaa uumuusaanii kaasaniiru. Gama tumsa dinagdee fi daldalaan waliigalteewwan damee dhuunfaa gabbisuuf taasifaman hedduun hojeeffamuusaanii dubbataniiru. Barnoota, fayyaa, eegumsa mirga namoomaa fidhimma godaantotaarratti tumsaan hojjechaa akka jiran eeraniiru. Awurooppaan alergii Itiyoophiyaa harka 20 akkasumas madda oomishoota alaa galan ishee lammaffaa ta’uu kaasaniiru. Gamtaa Awurooppaatti ambaasaaddarri gamtaa Awurooppaa Jaaveer Pereez, gamtaan Awurooppaa fi Afriikaan gama dinagdee, nagaa fi tasgabbii akkasumas hojiiwwan misoomaa namarratti xiyyeeffataniin tumsaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Gama daldalaa fi invastimantiinis kaampaaniiwwan biyyoota miseensota gamtaa Awurooppaarraa invastimantii birrii biiliyoona 241 ol akka qaban eeraniiru. Gama nagaa fi tasgabbii, godaansaa fi dameewwan tumsaa gama hedduu fi kanneen biroorratti waliin hojjechaa akka jiran kaasanii cimee kan ittifufu ta’uu mirkaneesaniiru.
Manni maree ministirootaa walgahii idilee 29ffaa taa’een dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarse 
Apr 11, 2024 445
Ebla 03/2016 (TOI)- Manni maree ministirootaa walgahii idilee 29ffaa taa’een dhimmoota addaddaarratti mari’atee murtee dabarseera. Murteewwan walgahii idilee 29ffaa mana maree ministirootaa, 1. Manni marichaa jalqaba wixinee imaammataa tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaarratti mari’ateera. Seerota, imaammatootaa fi tarsiimoowwan mootummaan baasu raawwachiisuu fi raawwachuu akkasumas adeemsa mootummaa ijaaruu si’achiisuurratti qoonni dhaabbilee tajaajilaa fi bulchiinsaa mootummaa olaanaadha. Haala Kanaan dhimmoota imaammatichi hiikuu fi fuulduraaf irratti hojjetamuu utubaawwan ijoo 7 irratti bu’uureffachuun qophaa’ee dhihaateera. Kanneenis siviil sarviisii bilisaa fi ofdanda’aa ijaaruu, Ijaarsa siviil sarviisii heddumminaa fi hammataa mirkaneesse si’achisuu, sirna gurmaa’insaa fi bulchiinsa mijeessuu, sirna dhiheessii tajaajila mootummaa si’ataa fi qaqqabaa diriirsuu, sirna mirkaneess gahumsa hojjettoota mootummaa ijaaruu fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuu, Siviil sarviisii dijitaalaa ijaaruun tajaajilootaa fi murteewwan fudhatama qabanii si’achiisuu, Ijaarsa hojiirra oolchummaa hooggansa siviil sarviisii fi dhaabbataa si’achiisuudha. Manni marichaa wixinee imaammataa kanarratti mari’atee galtee itti dabaluun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Itti aansuun wixinee imaammataa misooma intarpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi jiddugaleessaa irratti mari’ateera. Imaammatichi hundeeffama, guddinaa fi babalina intarpiraayizoota maayikiroo, xixiqqaa fi jiddugaleessaaf haala mijataa uumuun, deeggarsoonni damee kanaaf kennaman fedhii fi dandeettii kan ilaalcha keessa galchan akka ta’an gochuun, hojiiwwan daldalaa alidilee ta’an deeggaruun misoomni damee kanaa hammataa akka ta’u gochuun gumaacha guddina dinagdeef qabu guddisuuf kan dandeessisu ta’ee dhihaateera. Manni marichaa wixinee imaammataa kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 3. Sadaffaarratti wixinee danbii Gurmaa’insa, aangoo fi hojii abbaa taayitaa eegumsa naannoo murteessuuf dhihaate irratti mari’ateera. Abbaan taayitichaa hojiilee dhaabbanni to’ataa tokko raawwachuu qabu gahumsaan raawwachuu akka qabu, imaammattoonni, seeronnii fi sadarkaaleen eegumsa naannoo hojiirra jiran akkasumas waliigalteewwan eegumsa naannoo idil addunyaa Itiyoophiyaan mallatteessite hojiirra oolchuu fi hojjrra akka oolan gochuuakka dandeessu aangoo fi hojii abbaa taayitichaa akkasumas gurmaa’insa kan murteessu ta’ee mana mareef dhihaateera. Manni marichaas wiximee kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabalee guyyaa gaxexaa magalataarratti bahee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 4. Manni marichaa afraffaarratti wixilee labsii sadarkaalee Itiyoohiyaarratti mari’ate. Wixineen labsii kun oomishoonni, tajaajiloonnii fi adeemsi biyya keessatti oomishamanii, biyya galfamanii fi biyya alaatti ergaman qulqullina kan qabanii fi kan sadarkaan baheef akka ta’an, kun ammoo guutuu biyyaatti akka hojeeffamu, kan dandeessisu, qaamolee to’attootaa jidduutti hojmaanni qindaa’aan akka jiraatu, iftoominnii fiittigaafatamummaan akka jiraatu kan dandeessisu mana mareef dhihaateera. Manni marichaas wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera. 5. Manni marichaa shanaffaarratti wixinee labsii sirna safartuu seerawwaa irratti kan mari’ate yoo ta’u, daldalaa, fayyaa, nageenya fi eegumsa naannoon walqabatee safartuuwwanii fi meeshaaleen safartuu tajaajilarra oolan sirrii ta’uusaanii mirkaneessuun fayyaa fi nageenya namaa fi beelladaa eegsisuu akkasumas faalama naannoo ittisuun badhaadhina waliigalaaf bu’ura waan ta’aniif, seerri seerota safartuu seeraqabeessa idil addunyaa waliin walsime dhihaate baasuun walitti hidhamiinsi daldala idil addunyaa keenyaa gabbisuuf wixineen labsii faayidaa olaanaa qabu mana marichaaf dhihaateera. Manni marichaas wixinee labsichaarratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera. Itti aansuunis wixineewwan labsii 3 irratti mari’atee murtee dabarseera 6. Wixineen labsii Inistiitiyuutii sirna safartuu Itiyoophiyaa hundeessuuf dhihaate damee sirna safartuu, kaaliibireeshinii fi meeshaa saayinsiin tajaajila guddina teeknooloojii addunyaan irra qaqqabe waliin walsimu kennuu akka danda’u, hojiilee qorannoo fi qu’annoo, garsaa fi leenjii raawwachuu kan dandeessisu dhihaateera. 7. Wixineen danbii waajjira akireediiteeshiinii biyyaalessaa Itiyoophiyaa humdeessuuf dhihaate sirna akireediiteeshinii biyyaalessaa fudhatama idil addunyaa qabu ijaaruun daldalli biyya keessaa fi alaa akka si’atu, fayyaa fi fayyadamummaan hawaasaa akkasumas nageenyi naannawaa akka eegamu fi sirni gabaa haqa qabeessi akka jiraatu gochuu karaa dandeessisuun wixineen dambii mana marichaaf dhihaateera. 8. Wixinee danbii dhaabbata madaallii walsimsiisaa Itiyoophiyaa irra deebi’uun hundeessuuf dhihaate oomishaaleen biyya keessatti oomishamanis ta’e biyya alaatii galfaman sadarkaalee idil addunyaa fi ulaagaalee seeraa guutuusaanii karaa inispeekshinii, sartafikeeshinii fi laaboraatooriin sakatta’uun mirkaneessuun fayyaan hawaasa fayyadamaa akka eegamu gochuun akka danda’amu wixineen dambii dhihaateera. Manni marichaas marii taasisuun galtee itti dabalee guyyaa gaaxexaa magalataarratti maxxanfamanii bahanii kaasee hojiirra akka oolan sagalee guutuun murteesseera. 9. Xumurarrattis wixinee danbii gurmaa’insa, aangoo fi hojii tajaajila godaantotaa fi godaansaa deebi’an murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Godaantotaa fi kanneen godaansaa deebi’aniif eegumsa barbaachisu gochuun akka danda’amu, waliigalteewwan idil addunyaa fi Ardii Itiyoophiyaan raggaasifte sirnaan hojiirra oolchuuf godaantonni dahannoo fi deeggarsa akka argatan dhaabbatichi qoodasaa sirnaan akka bahu dandeessisu mana mareef dhihaateera. Manni marees wixinee labsii kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee bahee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
Nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna-jiraattota magaalaa Dasee
Apr 8, 2024 122
Bitootessa 30/2016(TOI)- Nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna jedhan Jiraattonni magaalaa Dasee hiriira deeggarsaa milkaa’inoota waggoota jahan darbaniif beekamtii kennu bahaniin Hiriirri magaalaa Dasee mata duree “nageenya naannoo keenyaaf gamtaan nidhaabanna” jedhuun adeemsifamaa jira. Hiroora deeggarsaa kanaan ergaawwan nu Itiyoophiyaanonni nageenyaa fi badhadhina guutuu biyya keenyaaf qooda keenya nibana, biyyaa fi ummata ilalchaa fi gocha badii finxaaleyyii muraasaan diigamu hinqabnu, hirmaannaan ummataa olaanaan badhaadhina Itiyoophiyaaf, biyya keenya olaantummaatti ceesisuuf hooggansa jijjiiramaa waliin ciminaan nidhaabanna jedhan hiriira deeggarsaa irratti darbaniiru. Jijjiiramni biyyaa Itiyoophiyaa kan baraaree fi jiraachuu keenya kan ittifufsiisedha, hidhi haaromsaa guddichi ibsituu tokkummaa fi cimina keenyaati, shira diinota keenyaa kan turee fi bookkisa ergamtuusaaniitiin imalli keenya badhaadhinaa hingufatu, Itiyoohiyaan injifannoo Adwaa haaromsaa jirti, injifannoo fi milkaa’inni ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa ashaaraa deena qabeessa injifannoo abbootii keenyaa itti daballedha jedhuun ibsaniiru. Ergaawwan Bitootessi 24 guyyaa Itiyoophiyaan mataa olqabatte guyyaa seena qabeessadha, mootummaa kan yaade hojjetu kan jalqabe xumuru qabna, nageenyi keenya mana keenyaa jalqaba, nageenyaa fi tokkummaa biyya keenyaf waan nurraa barbaadamu nibaana, Waraana bakka bu’ummaatiin naannoo keenya diiguun hindanda’amu, nageenya naannoo keenyatti dhufaa jiru yeroo gabaabaatti nageenya waaraatti niceesifna jedhan darbaa jiru. Hawaasni barii jalqabee gandoonni baadiyyaa osoo hinhafiin kallattii hundaan Istaadiyeemii Hooxeetti walgahaa jira.

Hawaasummaa
Hoogganaa fi miseensota Finxaaleyyiirratti tarkaanfiin fudhatame
Apr 12, 2024 273
Ebla 04/2016(TOI) - Hoogganaa fi miseensota Finxaaleyyiirratti tarkaanfiin fudhatamuusaa poolisiin Finfinnee beeksise. Hoogganaa finxaaleyyii fi miseensi garichaa tokko yoo ajjeefamantokko to’annaa jala ooleera. Miseensa garee finxaaleyyi kan ta’an Naahusannaay Andaargee Taarragany, Gaashaawu Abaatee fi Habtaamuu Andaargee Tasamaa jedhaman magaalaa Finfinneetti haleellaa shororkeessaa raawwachuuf ergama fudhataniisocho’aa akka jiran qaamoleen nageenyaa hordoffii taasisaniin akka bira gahame beekameera. Miseensonni poolisii finxaaleyyiin kunneen ergamasaanii osoo hinbahiin to’achuuf hordofaa osoo jiranii Ebla 4 bara 2016 kutaa magaalaa Boolee aanaa 3 bakka naannawa galma miliniyeemii finxaaleyyiin harka akka kennatan gaafatamanis fedhii waan hinargisiifneef konkolaataa ayisuuzuu Diizaayer lakkoofsa gabatee koodii 2C 14373 AA fayyadamuun miseensota poolisiirratti dhukaasa waan bananiif gaggeessaa finxaaleyyii Naahusannaay Andaargee Taarragany madaa’ee waldhaansaaf erga ergamee booda yoo du’u finxaalessaa Habtaamuu Andaargee Tasammaa dhukaasa jidduutti ajjeefamuunsa ibsameera. Miseensi garichaa Abeenezeer Gaashaawu Abbaat jedhamuun beekamu osoo hinmadaa’iin to’atamuusaa poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera. Finxaaleyyoota to’annaa jala oolchuuf sochii taasifameen Saajiin Araarsaa Tashoomee fi konistaabil Maatiyaas Pheexiroos wayita madaa’an namni obbo Indaashaaw Geetinnat jedhaman Finxaaleyyiin konkolaataasaaniitti akka isaan fe’an dirqisiisaniyyuu namoonni kun diduusaaniitiin miseensota finxaalessaan ajjeefamaniiru. Konkolaataan lakkoofsa gabatee koodii 2 AA 80457 kan obbo Indashaawu oofaa turan rasaasaan rukutamtee akka miidhamte poolisiin Finfinnee ibseera. Poolisiin odeeffannoo irra qaqqabe fuuldura akka ibsu beeksiseera.
Diinagdee
Hojiin oomisha dhaala leemaataan jalqabame bu’aa agarsiisaa jira
Apr 13, 2024 311
Ebla 05/2016(TOI)-Hojiin dhaala leemaataan magaalaa Hawaasaatti keessumaa oomisha buuphaa fi aannaniin hojjetamaa jiru bu’aa agarsiisaa akka jiru ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsi naannoo obbo Gabramasqal Caalaa ibsan. Hojiin dirree dhiibbaa qaala’iinsi jireenyaa magaalaawwan addaddaatti geesise hir’isuun gabaa tasgabbeessuuf hojiilee hojjetamaa jiran qorachuuf taasifamaa jiru ittifufuun hojiin oomisha dhaala leemataa nannoo Sidaamaatti jalqabame bu’aa agarsiisaa akka jiru ibsameera. Naannoo Sidaamaatti hojiin gandoota handaanqoo 869 fi mooraa manneen jireenyaatti guyyaatti buuphaa miiliyoona 4 ta’u oomishuun nannicharra darbee Finfinnee, Dirreedawaa, Bahaardaarii fi Jigjigaatti akka raabsamudaawwannaa Kanaan hubatamuusaa odeeffannoon ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo nimul’isa. Gatiin nyaata lukkuu dabalaa dhufuunii fi walitti hidhamiinsa gabaa amma barbaadamu taasifamuu dhabuun yaaddoo akka itti uume oomishtoonni ibsaniiru. Abbaan jiddugaleessa aannan qoodu dhaala leemataa Tufaa Dooyichaa magaalaa Hawaasaa saawwan aannanii 80’n guyyaatti aannan liitira 400 oomishaa akka jiran eeraniiru. Magaalicha iddoo aannan itti gurguramutti hawaasaaf gurguraa akka jiran ibsaniiru. Xiyyeeffannoo mootummaan jijjiiramaa damee kanaaf kennetti akka gammadan himaniiru. Obbo Gabramasqal Caalaa daawwannaa Kanaan bu’aan buuphaa fi oomisha aannaniin argame akka isan gammachiise dubbataniiru. Walitti hidhamiinsi gabaa akka uumamuu fi rakkoo nyaata loonii fi handaanqoo furuuf kanneen dandeettii qaban oomisha nyaataarratti akka bobba’an kallattii kaa’uunsaanii beekameera.
Hojiileen misoomaa qindaa’aa Gullallee namooda hedduu fayyaduun boqonnaa jireenyaa haaraa kan bananidha-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 13, 2024 72
Ebla 05/2016(TOI)- Hojiileen misoomaa qindaa’aa Gullallee namooda hedduu fayyaduun boqonnaa jireenyaa haaraa kan bananidha jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojiilee misoomaa qindaa’aa kutaa magaalaa Gullalleetti ijaaraman eebbisanii hojii jalqabsiisaniiru. Hojiileen misoomaa kunneen mana jireenyaa, warshaa biddeenaa, oomisha aannanii, jiddugaleesa nyaataa akkasumas daandii ofkeessaa qabu. Hojiileen misoomaa qindaa’oon kunneen lammiilee hedduuf keessumaa haadholii sadarkaa jireenyaa gadaanaarra jiran fayyadamoo akka taasisan ibsameera Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee wayita kana, waadaa galle hunda hojiirra oolchuuf ciminaan hojjechaa jirra jedhaniiru. Hojiilee bulchiinsa magaalichaatti nisooma egeree fidan akkasumas rakkoo har’aa furuu danda’an hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Hojiileen jireenya haadholii jijjiiran addaddaa Finfinneetti hojjetamaa akka jiran eeranii, hojiileen misooma qindaa’aa Gullalleetti hojjetamaa jiran kanaaf agarsiiftuudha jedhaniiru. Pirojektoonni kunneen bulchiinsa magaalaa fi deeggarsa dureeyyiirraa argameen kan hojjetamanidha jedhan. Hojiin kun cimee akka ii fufu ibsanii, misoomicha kan egeree taasisuuf tumsi jalqabame cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Hojii gaggeessaan kutaa magaalaa Gullallee Waldee Wageessee gamasaaniin, pirojektoonni kunneen dubartoota, haadholii fi dargaggoota kan fayyadanidha jedhaniiru. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, af-yaa’iin bulchiinsa magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alqaadir, hooggantoota olaanoo bulchiinsa magaalichaa dabalatee keessummootti waamaman sagantaa eebbaa kanarratti argamaniiru.
Ministeerri qonnaa tarsiimoowwan biyyaalessaa sirna nyaataa fooyyessuuf gargaaran sadii ifoomse
Apr 13, 2024 53
Ebla 05/2016(TOI)- Ministeerri qonnaa tarsiimoowwan biyyaalessaa sirna nyaataa fooyyessuuf gargaaran sadii ifoomse. Sagantaan tarsiimoowwan sadarkaa biyyaalessaatti beeksisuuf qophaa’e Finfinneetti taa’amaa jira. Tarsiimoon nageenyii fi qulqullinni nyaataa biyyaalesaa oomishaalee qonnaadursaaf, tarsiimoon kunuunsa oomishaan duraa fi tarsiimoon sirna nyaataa qophaa’anii hojii jalqabuunsaanii ifoomeera. Ministirri qonnaadoktar Girmaa Amantee wayita kanatti akka jedhanitti,guddina waliigalaa biyya tokkoof dhaloota fayyaalessaa fi oomishaa ta’e uumuun dirqama ta’a. Haala Kanaan mootummaan karoorota sirna nyaataa fi qabiyyee nyaataa jiddugaleessa godhatan bocuun damee qonnaan hojiilee wabii nyaataa mirkaneessan hojeessaa jira jedhan. Haata’u malee hanqina wabii sirna nyaataa sirreessuuf qisaasa nyaataa hir’isuu, qulqullinaa fi nageenya oomishaa eeguurratti xiyyeeffachuusaa ibsaniiru. Haala Kanaan akkaataa kunuunsa oomishaan duraa damee qonnaa fooyyessuun, qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa caalaatti fooyyessuun kallattiiwwan dursi kennameef akka ta’an eraniiru. Ministeerri qonnaa qooda fudhattoota waliin ta’uun tarsiimoo oomishaalee qonnaa nageenyaa fi qulqullina nyaataa dursaa, tarsiimoo kunuunsa oomishaan duraa oomishaalee qonnaa fi tarsiimoowwan nyaataa sirna nyaataarratti xiyyeeffatan qopheessuusaa ifoomseera. Tarsiimichi cehumsa sirna nyaataa Itiyoophiyaa mijeessuun gumaacha guddaa akka taasisu eeranii, raawwiisaaniif qaamoleen qooda fudhattootaa qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiin mootummaan Istaarti Appotaaf haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha
Apr 9, 2024 77
Ebla 1/2016 (TOI) - Hojiin mootummaan 'Istaarti Appotaaf' haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha jedhan Istaarti Apparoonnii TOI dubbise. Agarsiisni "Istaarit Appii Itoophiyaa'' kaleessa godahambaa Saayinsiitti bakka hoggantoonni mootummaa argamanitti banamee jira. Agarsiisa kanarratti dhaabbileen Istaart appii ta'an kan sadarkaa tokkoffaa irra jiran, sadarkaa tokkoffaa ce'anii fi gabaatti bahan , teeknooloojii odeeffannoo, qonna, fayyaa, barnoota, anniisaa, indaastirii, faayinaansii fi dameelee biroo irratti kan bobba’an bu’aa kalaqaa isaanii dhiyeessaniiru. Agarsiisa kanarratti appilikeeshinii dijitaalaa "Farm" jedhamu kan dhiyaate Meron Selshi; Appichi qonnaan bultoota galtee qonnaa fi dhiyeessitoota tajaajila makaanaayizeeshinii waliin wal qunnamsiisa. Dhaabbileen Istaari Appii kalaqoota haaraa qabatanii dhufan hawaasa biraan gahuuf yeroo dheeraa isaanitti fudhata. Akka isaan yeroo gabaabatti hawaasa bira gahaniif hojiileen mootummaan yeroo ammaa hojjechaa jiru kun kalaqa isaanii beeksisuuf kan gargaruu fi caalaatti akka hojjetanii yeroo gabaabatti hawaasa bira gahan kan isaan gargaruu ta'uu kanneen agarsiisa kanarratti hirmaatan himaniiru. Walumaa galatti hojiin mootummaan 'Istaarti Appotaaf' haala mijataa uumuuf hojjechaa jiru sosochiin damicha caalaatti akka si'atu kan taasisudha jedhan Istaarti Apparoonnii TOI dubbise kunneen.
Ispoortii
Sagantaan torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 4, 2024 127
Bitootessa 26/2016(TOI)- Taphoonni torbee 20ffaa piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabamu. Tapha baniinsaatiin magaalaan Walqixxee Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan walqixxee taphoota piriimiyeerliigii shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, lama mo’amee sadii walqixa abaheera. Qabxii 12’n sadarkaa 15ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira. Walaayittaa Diichaan taphoota piriimiyeerliigichaa sha walitti aansuun taphateen hinmo’anne, sadiin mo’amee lama qabxii qooddateera, qabxii 24’n sadarkaa 11ffaarra jira. Tapha torbee 20ffaa biraatiin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa Hambaricho duraamee waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’ameera,lama ammoo walqixa baheera. Qabxii 37’n sadarkaa sadaffaarra jira. Morkataansaa Hambarichoo Duraamee taphoota shan walitti aansuun taphateen hinmo’anne, afur mo’amee tokko walqixa baheera, qabxii 7’n sadarkaa 16ffaarra jira. Boru Bunni Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaa magaalaa Dirreedawaawaliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 20ffaa kun amma 29 bara 2016tti nitura. Machaal qabxii 39’n dursaa jira. Taphataan sarara duraa taphataan magaalaa Hawaasaa Alii Suleymaan goolii 11’n yemmuu dursu taphataan sarara duraa magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee goolii 9’n lammaffaarra jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 13, 2024 36
Ebla 05/2016 (TOI)-Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qopheessuusaa biiroon eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaa naannichaa beeksise. Daarektarri hariiroo ummataa biirichaa obbo Yuusuuf Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, biirichi biqiltuuwwan rakkoolee sababa jijjiirama haala qilleensaan uumaman qolachuuf gargaaran baay’isuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan biirichi jiddugaleessota moodelaa Jigjigaa biqiltuun itti baay’ifamu, Godee, Doolloo Addoo fi Dagaahaabuuritti hundeeffamanitti biqiltuu qopheessuusaa ibsaniiru. Naannawoota naannichaa rooba arfaasaa argatanitti Ebla 15 bara 2016 irraa kaasee biqiltuun akka dhaabamu daarektarichi beeksisaniiru. Kana malees ganna dhufu biqiltuuwwan addaddaa naannichatti dhaabaman miiliyoona lama dhaabuuf qophiirra aka jiran ibsaniiru. Hojii gaggeessaan jiddugala biqiltuu moodelaa Jigjigaa obbo Ayyaanlee Hasan, buufanni biqiltuu jiddugaleessicha jalatti hundaa’e biqiltuu baay’isuun kutaalee hawaasaa fi dhaabbileef tolaan akka raabsu beeksisaniiru. Buufanni kun yeroo ammaa akaakuu biqiltuu 32 baay’isaa akka jiru dubbataniiru. Namoota jiddugaleessichatti carraan hojii uumameef keessaa adde Zayinab Ahimad yaada kennaniin kunuunsa biqiltuu jiddugaleessichatti tasisaa jiranitti akka gammadan ibsaniiru. Waggoottan darba naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mukaa miiliyoona 51 ol dhaabaman keesaa harki 71 qabachuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaarraa argame nimul’isa.  
Ji'oota sadan darban lafa heektaara miliyoona 2.5 irratti hojiin misooma sululaa hojjetameera jedhame
Apr 5, 2024 88
Bitootessa 27/2016(TOI) -Ji'oota sadan darban lafa heektaaraa miliyoona 2.5 irratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu Ministeerri Qonnaa beeksise. Amajjii 1/2016 irraa jalqabee ji'oota sadarn darban raawii hojii misooma sululaa hojjetamee fi sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf qophii biqiltuu qopheesuu ilaalchisee waltajjiin magaalaa Adaamaatti geggeeffameera. Waltajjii kanarratti hoggantoonni Biiroo Qonnaan naannolee fi qooda fudhatoonni biroon hirmaataniiru. Ministeera Qonnaatti dursaan raawwii hojii misooma, eegumsaa fi fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonniin ji'oota sadan darban sululaawwaan kuma 6 fi 200 irratti hojiin daagaa tolchuu dabalatee hojiin kununsa qabeenya umamaaf ooluu biroon hojjetamuu himaniiru. Kanaanis lafa heekataara miliyoona 2.5 irratti hojjetamuu eeranii hojii kunusa qabeenya uumamaa hojjetame kanarra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru. Kanaafis biqiltuu biliyoona 9.5 qopheesuuf tattaaffiin taasifamaa jirachuu himanii; ganna dhufu sadarkaa biyyaatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu biliyoona 9.5 dhaabuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru. Keessattu Fuduraalee, nyaata beellaadaa, biqiltuu bosonaa fi miidhagna magaalaaf oolaan irratti xiyyeeffannoon hojjetama jiraachuu himaniiru. Waltajjiin marii har'a qophaa'ee kunis qophii biqiltuu sadarkaa maaliirra akka jiru, bakkaa biqiltuun dhaabbatu adda baasuu, qophii boollaa biltuun keessa dhaabbatuu gamagamuuf kan kaayyeeffatedha jedhaniiru.
Godina Arriitti ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan miiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf qophiin taasifameera
Apr 3, 2024 111
Bitootessa 25/2016(TOI)- Godina Arriitti ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan addaddaa miiliyoona 6 tuqaa 5 ol dhaabuuf qophiin taasifamuu waajjiri eegumsa naannoo fi misooma bosonaa godinichaa beeksise. Waajjirichatti daarektarri misooma fi eegumsa bosonaa obbo Kindee Fissahaa TOI’f akka ibsanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 6 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfameera. Baatii Ebla dhufurraa kaasee biqiltuun kan dhaabamu yoo ta’u kanaafis boolloon biqiltuun keessa dhaabamu qopheeffamuu ibsaniiru. Lafti biqiltuun biyya keessaa irra dhabamu heektaarri kuma 1 fi 899 qophaa’uu dubbataniiru. Waajjirichatti daarektarii eegumsa naannoo obbo Nuuressaa Mekkaanee, barana hirmaannaa ummataatiin aanaalee afur keesa dhaabuuf karoorfameera. Biqiltuuwwan biyya keessaa fi biyya alaa kanneen akka Koosoo, Giraabiiliyaa, Gaattiraa, Waddeessa Shimala, Buna kkf nidhaabamu. Kana malees nyaataaf kan oolanii fi faayidaa dinagdee kan qaban Avokaadoo, Muuzii, Paappaayaa fi muduraawwan bal’inaan nidhaabamu. Keessumaa Shimala bal’inaan oomishuuf karoorfamuu obbo Nuuressaan dubbataniiru. Godinichatti Shimalli hojii ogummaa harkaa, manaa fi meeshaaf akka oolu kaasanii, xaa’ummaa lafaa eeguu fi gadhiisii kaarboonii ittisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan. Bardheengaddaa godinichatti biqiltuun miiliyoona 4 tuqaa 9 dhaabamuu fi kana keessa harkii 89 qabachuun mirkanaa’eera jedhan obbo Nuuressaan. Godinichatti jiraataan magaalaa Jiinkaa dargaggoo Mindaayee Mitikkuu yaada kenneen faayidaa biqiltuu hubachuun wagga waggaatti sagantii biqiltuu dhaabuurratti nihirmaata. Saganta biqiltuu dhabuu Ebla dhufuu kaasee taasifamurratti hirmaachuuf qophii ta’uu ibsee, yeroo ammaa biqiltuu qopheesse kunuunsaa akka jiru ibseera. Biqiltuu maasaasaarratti misoomsaa jiru malees boroosaatti Mooriingaa, Paappaayaa, Gaattiraa, Avokaadoo fi kkf qopheessee gurguraa akka jiru dubbateera. Walitti hidhamiinsi misooma magariisaan qabu cimaa ta’uu kan ibse dargaggoo Mindaayeen, biqiltuuwwan dhaabe kunuunsaa akka jiru dubbateera.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 4667
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 345
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015