Angafoota Oduu
Chaayinaan hariiroo daldala bunaarratti Itoophiyaa waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuu barbaaddi
Dec 2, 2023 186
Sadaasa 22/2016 (TOI) - Chaayinaan walitti dhufeenya daldala bunaa Itoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu akka barbaaddu Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Paartii Kongireesii Biyyaalessaa Chaayinaa Du Jihaa’oo ibsan. Miseensonni koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa paartii kongireesii biyyoolessaa Chaayinaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa FDRI aadde Loomii Badhoo fi miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa biroon dhaabbata al-ergii bunaa AMG Gaalaanitti argamu daawwataniiru. Miseensonni paartichaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Doktar Adunyaa Dabalaa waliin marii taasisaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa Paartii Kongireesii Biyyoolessaa Chaayinaa Du Jihaa’oon daawwannaa kanaan akka jedhanitti; Bunni Itoophiyaa gabaa Chaayinaa keessatti bal’inaan beekamtii akka qabu ibsaniiru. Invastaroota Chaayinaa damee buna qopheessuurratti bobba’uuf fedha qabaniif haalli mijaa’aan Itoophiyaa keessa jiraachuu hubachuus himaniiru. Invastaroonni Chaayinaa Itoophiyaatti hojii invastimantii akka hojjetan kan deeggaran ta’uu fi buna Itoophiyaa baay’inaafi qulqullinaan oomishanii gabaa addunyaaf bal’inaan akka dhiheessaan ni jajjabeeffama jedhaniiru. Itoophiyaan buna galtee itti dabaluun qulqullinaa fi baay’inaan dhiyeessuu yoo dandeesse carraan gabaa Chaayinaa keessa bal'inaan akka jiru himaniiru. Chaayinaatti dargaggoonni aadaa shaayee dhuguu xiqqeessuun bal'inaan buna fayyadama jiraachuu himaniiru. Dhaabbileen Chaayinaa kana hubachuun buna Itoophiyaa baay'inaan gabaa Chaayinaaf dhiheessuun walitti dhufeenya daldalaa jiru caalaatti cimsuu qabu jedhaniiru. Kana cimsuuf jecha abbaa taayitaa bunaa fi shaayii Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dr. Addunyaa Dabalaa; Biyyoota Itoophiyaan buna qulqullinaa fi baay’inaan dhamdhama addaa qabu itti oomishtu keessaa Chaayinaan tokko ta’uu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 2941
ENA
Siyaasa
Guyyaan sabaa fi sablammootaa kabajamuunsaa sablammoonni caalaatti akka walbeekanii fi walitti hidhamiinsasaanii akka cimsan carraa uuma
Dec 1, 2023 53
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Guyyaan saba sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa sablammoonni caalaatti akka walbeekanii fi walitti hidhamiinsasaanii cimsan carraa uumuusaa ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa dubbatan. Waltajjiin marii Gumii Balan 35ffaa mata duree “Sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun har’a waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaatti taa’ameera. Mariin qindeessummaa waajjira pirezidaantii fi biiroo komunikeeshinii naannichaan qophaa’u guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa barana naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajamu sababeeffachuuni Waltajjicharratti kan argaman ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa akka jedhanitti, sirni federaalaa bu’aa qabsoo ummattootaa waloo ta’e tokkummaa ummataa cimsaa akka jiru yaadachiisaniiru. Heerri mootummaa sanada waadaa waloo ummattootaa ta’e kan itti ragga’e Sadaasa 29 bu’uureffachuun kan kabajamu guyyaan saboota, sablammootaa fi ummattootaa waggaa waggaan kabajamuunsaa waliti hidhamiinsa ummataa cimsaa jira jedhaniiru. Guyyaan kun kabajamuunsaa sablammoonni akka walbeekan taasisuun olitti tokko kan biraa akka beekuu fi walitti hidhamiinsa isaanii akka cimsatan carraa uumuusaa ibsaniiru. “Ayyaanicha kabajuun olitti waliif yaaduun, walkabajuu fi walooma cimsuun misoomatti cimnee dhaloota dhufuuf biyya badhaate ceesisuurratti xiyyeeffachuu qabna” jedhan. Barreeffama mariif ka’umsaa ta’u kan dhiheessan barsiisaa federaalizimii univarsiitii Finfinnee doktar Tasfaayee Jimaa gamasaaniin, biyyootaakka Itiyoophiyaa afaan, aadaa, amandaa addaddaa qabaniif federaalizimii sabdaneessummaarratti hundaa’e akka wayyuuf kaasaniiru. Ittidabaluunis hanqinoonni sirna federaalizimiirratti mul’atan guutuu taasisuun fi biyyoota guddatanirraa muuxannoo fudhachuun hojeessuun biyya cimtuu fi badhaate ijaaruu akka dandeessisu himaniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin federaalizimii sabdaneessummaa keessummeesse ijaaruun hojii yeroo tokkoo osoo hinta’iin walirraa baruu fi waliif yaaduun yoo deemnedha jedhan. Hooggantoonni federaalaa fi naannolee, hayyuuleen federaalizimii fi seeraa fi qorattoonni damee kanaa waltajjii kanarratti argamaniiru.
Mariiwwan nageenya waaraa buusuuf dandeessisan iddoowwan addaddaatti taasifamaniiru
Dec 1, 2023 85
Sadaasa 21/2016 (TOI)–Kurmaana waggaatti mariiwwan nageenya waaraa buusuuf dandeessisanii fi hayyoonni hedduun itti hirmaatan biyyattii iddoowwan addaddaatti taasifamuusaanii ministeerri nageenyaa beeksise. Ministeerichi rawwii kurmaana waggaa bara 2016 koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiheesseera. Ministeera nageenyaatti hojii raawwachiisaan dhimmoota tarsiimoo obbo Addunyaa Baqqalaa gabaasa wayita dhiheessanitti akka jedhanitti, ministeerichi hojiiwwan addaddaa nageenya waaraa buusuuf dandeessisan hojjechaa jira. Keessumaa dhimmoota ijoo torbrratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Kanneen keesa qaqqabiinsa odeeffannoo bal’isuu, duudhaalee nageenyaa gabbisuu, dhimmoota nageenya biyyaarratti qorannoo taassuu, mariiwwan nageenya waaraaffurmaata agarsiisan adeemsisuun kanneen ijooti. Haala Kanaan kurmaata waggaatti mariiwwan nageenya waaraa buusuu dandeessisanii fi furmaata agarsiisan biyyattii iddoowwan addaddaatti adeemsifamaniiru. Hayyoonnii fi qooda fudhattoonni 389 damee kanarratti qorannoo addaddaa taasisan waltajjiiwwan kanneenirratti hirmaatanii akka ture kaasaniiru. Kana malees dhimmoota duudhaa nageenyaa ta’an keessaa tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa irrattis kurmaana waggaatti tola ooltota kuma 3 ol marsaa lamaan leenjisuun nannawoota biyyattii addaddaatti bobbaafamuusaanii dabalanii himaniiru. Hojiilee teeknooloojiitti fayyadamuun walitti bu’iinsa dursanii ittisyuuf hojjetamaniin odeeffannoowwan 32 qaqqabanii deebiin ittikennamuu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Naannoo Amaaraatti dhibee busaa ittisuuf keemikaalli biifamaa jira
Dec 1, 2023 28
Sadaasa 21 / 2016(TOI) - Naannoo Amaaraatti dhibee busaa ittisuuf keemikaalli farra bookee busaa biifamaa akka jiru inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa naannichaa beeksise. Baatii Adoolessaa 2016 irraa kaasee qorannoo dhaabbilee fayyaa naannichaatti taasifameen namoonni miiliyoona walakkaa ol busaan qabamanii yaala argachuunsaanii eerameera. Inistiitiyuutichatti qindeessaan sagantaa busaa dhabamsiisuu obbo Daamxoo Laankir TOI’f akka ibsanitti, namooni busaan qabaman keessaa harki 75 godinoota jiddugaleessaa, lixaa fi Gondor kaabaa akkasumas aanaalee 30 Bahaardaarii fi naannawasheetti argamanittidha. Dhibee kana ittisuu fi to’achuuf aanaalee 43 keessatti hubannoo uumuun cinaatti keemikaala farra bookee busaa biifuuf karoorfamee gandoota 190 aanaalee 27 keessatti argamanitti raawwatamuu ibsaniiru. Iddoowwan bookeen busaa itti horanitti keemikaalli liitiroo kuma 3 fi 675 ol biifamuu himan. Hawaasni agoobara fayyadamuun,iddoowwan bookeen busaa itti horan qulqulleessuun fi dhukkubni wayita itti dhagahamu dafee gara dhaabbilee fayyaa akka dhaqu dhaamaniiru. Bahaardaaritti jiraataan kutaa magaalaa ganda Zanzalimmaa obbo Ayyaaloo Mokonnin torbee darbe dhukkubsatanii dhaabbata fayyaa dhaquun qoratamanii busaa ta’uunsaa baramee yaalamuun fayyuusaanii dubbataniiru. Dhibee busaa ittisuuf iddoowwan bishaan kuusan namoota biroo waliin ta’uun qulqulleessaa akka jiran dubbataniiru. Jiraattuun ganda kanaa kan biraan adde Iteenash Fantaawu gamasaaniin torbee dura mucaan jalaa dhukkubsatee mana yaalaa geessanii busaan qabamuun isaa itti himamuu dubbataniiru. Qoricha ajajameef sirnaan akka fudhatu hordofanii barumsatti deebi’uusaa eeranii, achii booda agoobara sirnaan fayyadamaa fayyadamaa akka jiran himaniiru.
Diinagdee
Chaayinaan hariiroo daldala bunaarratti Itoophiyaa waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuu barbaaddi
Dec 2, 2023 186
Sadaasa 22/2016 (TOI) - Chaayinaan walitti dhufeenya daldala bunaa Itoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu akka barbaaddu Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Paartii Kongireesii Biyyaalessaa Chaayinaa Du Jihaa’oo ibsan. Miseensonni koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa paartii kongireesii biyyoolessaa Chaayinaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa FDRI aadde Loomii Badhoo fi miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa biroon dhaabbata al-ergii bunaa AMG Gaalaanitti argamu daawwataniiru. Miseensonni paartichaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Doktar Adunyaa Dabalaa waliin marii taasisaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa Paartii Kongireesii Biyyoolessaa Chaayinaa Du Jihaa’oon daawwannaa kanaan akka jedhanitti; Bunni Itoophiyaa gabaa Chaayinaa keessatti bal’inaan beekamtii akka qabu ibsaniiru. Invastaroota Chaayinaa damee buna qopheessuurratti bobba’uuf fedha qabaniif haalli mijaa’aan Itoophiyaa keessa jiraachuu hubachuus himaniiru. Invastaroonni Chaayinaa Itoophiyaatti hojii invastimantii akka hojjetan kan deeggaran ta’uu fi buna Itoophiyaa baay’inaafi qulqullinaan oomishanii gabaa addunyaaf bal’inaan akka dhiheessaan ni jajjabeeffama jedhaniiru. Itoophiyaan buna galtee itti dabaluun qulqullinaa fi baay’inaan dhiyeessuu yoo dandeesse carraan gabaa Chaayinaa keessa bal'inaan akka jiru himaniiru. Chaayinaatti dargaggoonni aadaa shaayee dhuguu xiqqeessuun bal'inaan buna fayyadama jiraachuu himaniiru. Dhaabbileen Chaayinaa kana hubachuun buna Itoophiyaa baay'inaan gabaa Chaayinaaf dhiheessuun walitti dhufeenya daldalaa jiru caalaatti cimsuu qabu jedhaniiru. Kana cimsuuf jecha abbaa taayitaa bunaa fi shaayii Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dr. Addunyaa Dabalaa; Biyyoota Itoophiyaan buna qulqullinaa fi baay’inaan dhamdhama addaa qabu itti oomishtu keessaa Chaayinaan tokko ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti karoora misooma Qamadii baranaa milkeessuuf hojjetamaa akkajiru ibsame
Dec 1, 2023 61
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti karoora misooma Qamadii baranaa milkeessuuf humna guutuun hojjetamaa akka jiru biiroo qonnaa naannichaatti qindeessaan inisheetiivii qamadii jallisii bonaa ibsan. Naannoo Oromiyaatti amma ammaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 ol jallisii bonaatiin qamadiin facaafamuunsaa ibsameera. Biiroo qonnaa naannichaatti qindeessaan inisheetiivii qamadii jallisii bonaa obbo Mahaammad Muummee TOI’f akka ibsanitti, barana akka naannootti lafa heektaara miiliyoona 2 tuqaa 6 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Misoomni qamadii jallisii bonaa godinoota naannichaa 21 fi magaalaawwan 23tti hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Amma ammaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 9 ol qotamee heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 irra sanyiin faca’uusaa dubbataniiru. Qamadii jallisii bonaatiin oomishamurraa waliigala kuntaala miiliyoona 100 ol argachuuf karoorfamuu himaniiru. Godina Shawaa bahaatti lafa heektaara kuma 350 irra qamadiin faca’ee kuntaala miiliyoona 14 ruqaa 4 argachuuf hojjetamaa akka jiru itti aanaa ittigaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa obbo Abinnat Zagayyee ibsuusaanii jidduu darbe gabaasuun keenya niyaadatama. Amma ammatti lafti heektaara kuma 121 qophaa’ee heektaarri kuma 71 facaafamaa jira jedhan. Misooma qamadii jallisii bonaaf sanyii filatamaa fi xaa’oon kuntaala kuma 350 dhihaachuusaa obbo Abinnat ibsanii ture. Sadarkaa biyyaatti naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Itiyoophiya Kibbaa, Itiyoophiyaa jiddugaleessaa, Itiyoophiyaa kibba Lixaa,Affaar, Gaambeellaa, Somaalee fi Beeniishaangul Gumuzitti sochiin taasifamaa akka jiru odeeffannoon ministeera qonnaa nimul’isa.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan qorattoota sadii badhaase
Dec 1, 2023 33
Sadaasa 21/2016 (Toi) - Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan yeroo 21ffaaf qorattoota sadiif badhaasa Toree Godaal kenneera. Badhaasni Toree Godaal sagantaa badhaasaa damee fayyaatiin agarsiiftuu dhiibbaa idil addunyaa doktr Godaal ta’ee kan tajaajilu ta’uun himameera. Doktar Toree Godaal waggaa 50 darbe daarektara lammaffaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan ta’uun wayita tajaajilanitti dargaggoonni qorattoonni Itiyoophiyaa rakkoo isaan mudatu furuuf fi onnachiisuuf kan jalqaban badhaasa maallaqaa ta’uun ibsameera. Saganticharratti kan argaman de’eetaan ministira fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee kalaqa guddisuu rakkoolee wal xaxaa ilaalcha haaraan sakatta’uu fi furaatota haaraa fiduuf daandiiwwan misooma egeree fidan argachuuf nigargaara jedhaniiru. Badhaafni Toree Godaal dargaggoota qorattoota qorannoo caaluuf kakaasuu fi gumaachi qabxii tokkoon tokkoosaanii kanneen biroof karaa kan banu waan ta’eef jajjabaachuu fi muuxannoo kanneen biroof qooduu qabu jechuusaanii odeeffannoon ministeera fayya ni’eera. “Duudhaa fi qajeelfamni doktar Godal onnachiiftuu nuuf ta’uun bara tajaajila keenyaa hunda itti fayyadamna” kan jedhan ammoo daarektara olaanaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan piroofeesar Afawarq Kaasuudha. Badhaasichi barsiisaa inistiitiyuutii teeknooloojii Yuunivarsiitii jimmaa doktar Yaadannoo Yaazaachoo Taayyee, ogeessa olaanaa laaboraatoorii Yuunivarsiitii Arsii doktar Shimallis Tashoomee Ayyaalneh fi gargaartuu barsiiftuu Yuunivarsiitii Finfinnee adde Saaroon Fiqaaduuf kennameera. Bakka bu’oonni embaasii Noorweey fi Swiidiin, hooggantoonni olaanoo ministeera fayyaa, inistiitiyuutiin qorannoo Armaweer Hansan, hoogansii fi hojjettoonni hoospitaala komrihensiiv Alart, barattoonni waldhaansaa fi keessummoonni waamaman sagantaa badhaasaa kanarratti argamaniiru.
Qorattoonni Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii ibsan
Nov 30, 2023 218
Sadaasa 20/2016 (TOI)- Qorattoonni Ameerikaa Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii beeksisan. Pilaanetoonni argaman jedhaman sochiin ofiisaaniirra fi marsaa sirna biiftuutti taasisan sirna kan eegee fi toftaa muuziqaa kan qabu ta’uusaa qorattoonni suuraa ifa taasisaniin ibsaniiru. Pilaanetoonni ‘HD’ 110067 jedhamuun moggaasfaman kuusaa urjii Koomaa Beereeniisis jedhanurraa waggaa ifaa 100 nifagaatu jedhamuusaa kitaabee qorannoo Neecheer jedhamu eeruun ‘UPI’ fuula marsariitiisaarratti gabaaseera. Pilaanetoonni argamuunsaanii akkaataa uumama pilaanetootaa fi jijjiiramni suutaa ilaalcha haaraa uumuu nidanda’a kan jedhan dursaan garee qorattootaa Raafaa’eel Liiyuuk, “argannoowwan akkasii qaamoleen naannawa pilaanetii Neppitiyuun jiran akka beekaman carraa uuma” jechuusaanii gabaasichi yaadachiiseera. “Akaataa uumama pilaanetoota biroo sirna biiftuu ardiin irra jirtuu ala jiranii, turtii, waanti irraa hojjetaman bishaan qabachuusaanii fi dhimmoonni biroon ka’umsa qoranichaa akka ta’u dandeessiseera” jedhaniiru qorattoonni. Saatalaayitootae Ejensiin qorannoo biyyaalessaa samii Ameerikaa Naasaan dhaabbata qorannoo samii Awurooppaa waliin ta’uun erganiin amma ifaa urjichaa, walittihidhamiinsa urjiilee biroo waliin qaban ilaaluun akka danda’ames ibsameera. Akka ibsa qorattoota kanneeniitti pilaanetoonni fageenya walii ittiin eegsisan sirna Reezoonaansi jedhamu kan qaban waan ta’eef urjiiwwan naannawa biiftuu jiran marsaa taasisaniin walitti bu’iinsi uumamuu danda’u xiqqaa ta’uu gabaasa Kanaan ibsameera.
Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jira.
Nov 22, 2023 101
Sadaasa 12/2016 (TOI) - Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jiraachuu Ministirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan. Gamaggamni raawwii hojii mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2016 bakka ministirri Muummee argamanitti geggeeffama jira. Raawwii hojii ministeera magaalaa fi bu'uuralee misoomaas waltajjii kanarratti gamagamameera. Minstirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii akka ibsanitti; kurmaana jalqabaa kanatti kennisa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf hojiin baay'een hojjetameera. Magaaloonni jaha sadarkaa tajaajila isaanii mana qopheessaan akka hojiirra oolchan karoorfamee gara hojiitti galamuu himaniiru Hojii kanaanis tajaajila mana qalmaa, misooma magariisaa fi miidhagina magaalaa, balfa gatuu, hayyama ijaarsaa fi dameewwan birootiin tajaajila isaanii akka haaromsan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kenniinsa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuun gara dijiitaalaatti ceesisuuf magaalota Qabridaar, Jijjigaa, Debrabiraan fi Bishooftuurratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Muuxannoo magaalota kanneen keessatti argamu gara birootti babal’isuuf karoorri akka jiru hubachiisaniiru. L Sirna bulchiinsa lafa magaalotaa ammayyeessuuf sirna kaadastaraan galmeen eegalamuusaa ministirri kun eeraniiru. Kunis tajaajila gahumsa qabu kennuu fi gochaalee malaammaltummaa ittisuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Kurmaana kana keessa tajaajila mana qopheessaa magaalota irraa birriin biiliyoona 6.8 walitti qabamuu eeraniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa  jijjiirama haala qilleensaaf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galte
Dec 1, 2023 34
Sadaasa 21/2016 (TOI)- Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf yaalii taasifamuuf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galteetti. Pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii sheeh Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan yaa’ii koop28 wayita banan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti qolachuu fi rakkinicha furuuf biyyisaanii yaalii taasifamu deeggaruuf doolaara biiliyoona 30 akka gumaachitu waadaa galaniiru. Maallaqni kun yaalii dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuu fi to’achuuf taasifamu keessatti hanqina faayinaansii mudatuuf oolchuu fi cimsuuf akka oolu dubbataniiru. Sheek Mahaammad Biin Zaayid damee anniisaa qulqulluurratti invast gochuu fi cehumsa anniisaa qulqulluu taasisuuf dhiheessiin faayinaansii gahaa gufuu ta’uu ibsaniiru. Koop28 furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf biyyoonni akka tumsan, akka mari’atanii fi murtiilee akka dabarsan yaaduun kan qophaa’edha jedhaniiru. Dhiibbaalee jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf biyyisaanii hojii hedduu hojjechuushee eeranii, keessumaa baay’ina gadhiisii kaarboonii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030tti harka 40 hir’isuu fi bara 2050tti ammoo zeerootti gadi buusuun waliigaltee irra gahame milkeessuuf damee anniisaa qulqulluurratti invast gochaa akka jirtu ibsaniiru. Yaa’iin waggaa haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Dubaayitti taa’amaa kan jiru yemmuu ta’u, hooggantoonni biyyootaa jijjiiramni haala qilleensaa keessumaa dhiibbaa geessisu qolachuuf fandii irraa eegamu ramaduuf waadaa nigalu jedhameetu eegamaa.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 3439
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015