Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Magaalaan Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha – Doktar Tashoomaa Addunyaa
Oct 17, 2026 125
Onkoloolessa 7/2019 (ENA) – Shaggar Magaalaa ammayyaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha jedhan kantiibaan magaalattii Doktar Tashoomaa Addunyaa. Koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa Wiirtuu tajaajila tokkoo Masoob fi sochii hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa daawwachaa jiru. Haaluma kanaan koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa fi sochiiwwan hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaman daawwachaa jiru. Sagantaa kana irrattis Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa doktar Abdullaaziiz Daawud, hogganaa Biiroo karooraa fi misoomaa Oromiyaa doktar A‎bdii Yuuyyaa, akkasumas itti Aanaa mana hojii odiitara muummichaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Abboomaa argamaniiru. Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa; Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaadaa fi Pilaanii haaraa qindaa'aan hundoofte ta'uu ta’uu dubbataniiru. Magaalaa Shaggar dorgomtuu fi giddugala dinagdee taasisuuf carraawwan dameelee hundaa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjetameen bu'aawwan gama hawaas-dinagdeen argaman olaanaa ta'uu himaniiru. Hojii waggoottan darbanitti hojjetameen gama Qonnaan Oomishaa fi Oomishtummaa sadarkaa olaanaatti kan guddate yoo ta'u, sochiiwwan babal'ina Investimentii tarkaanfachiisuun kan danda'ame ta'uu kaasaniiru. Kana malees sirna bulchiinsa qabeenya lafaa ammayyeessuun al-seerummaa fi saamicha lafaa hambisuun kan danda'amee fi mirga ragaa abbaa qabiyyummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuun danda'amuu ibsaniiru. . Dorgomtummaa fi ammayyummaa Magaalichaa dhugoomsuufis hojiin misooma Kooridarii qabiyyeewwan guutuun kiilomeetira 135 hojjetamuu eeraniiru. Waggoottan afran darbanitti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii hojjetameen Piroojeektiiwwan misoomaa garagaraa kuma 1 fi 363 tajaajilaaf qopheessuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.
Kan mul'ate
Bulchiinsi imaanaa nageenyaa fi misooma ummata naannichaa fulla’insaan eegsisuuf faayidaa guddaa qaba
Oct 16, 2026 503
Onkoloolessa 6/2019 (ENA)-Bulchiinsi imaanaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraayi nageenyaa fi misooma ummata naannichaa fulla’insaan eegsisuuf faayidaa guddaa qaba jedhan dura taa’aan paartii demokiraatawaa Tigraayi Dr. Aragaawii Barhee beeksisan. Manni maree federeeshinii FDRI akkaataa heera mootummaa keewwata 62990 fi lakkoofsa labsii 359/1995 keewwata 14/2/B irratti kaa’ameen bulchiinsi yeroo naannoo Tigraayi akka hundeeffamu murtoo dabarsee fi akkaanaa aangoo mana maree ministirootaaf kennameen, mootummaan FDRI murtoo naannoo Tigraayi cimsu murteesseera. Haala Kanaan bulchiinsi imaanaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraayi kun baatiiwwan jahan dhufaniif Tigraayiin ni bulcha. Bulchiinsi imaanaa kun hojii hojjetuun faayidaalee biyyaalessaa Itiyoophiyaa, tokkummaa bulchiinsa biyyaalessaa, faayidaalee bu’uraa ummata Tigraayi irratti hundaa’uu qaba. Mootummaan ummataan filatame amma hundeeffamutti tajaajiloota naannichaa guyya guyyaa, dhiheessuun filannoo itti aanuuf haala mijeessuurra darbee dhimmoota tarsiimawaa yeroo dheeraa irratti akka hin hojjenne ibsameera. Bulchiinsi imaanaa kun kallattii fi qajeelfama mootummaa federaalaarraa kennamu irratti hundaa’uun raawwata. Kanaan wal qabatee dura taa’aan paartii demokiraatawaa Tigraayi Dr. Aragaawii Barhee ENA’f akka ibsanitti, mootummaan federaalaa qama naannoo Tigraayi baatii jahaaf bulchu hundeessuunsaa barbaachisaa fi tarkaanfii gaariidha. Naannichatti jijjiiramni hunda galeessi akka galmaa’u xiyyeeffannoo mootummaan federaalaa kenneef dinqisiifatanii, bulchiinsi imaanaa kun nageenyaa fi misooma ummata naannoo Tigraayi fulla’insaan eegsisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Miseensonni bulchiinsichaasnageenyaa fi misooma ummata tigraayi fulla’insaan eegsisuuf karaa dandeessisuun cimanii hojjechuun itti gaafatama kennameef sirnaan akka bahangaafatanii, fayyadama misoomaa ummataa mirkaneessuuf to’annaan cimaan taasifamuu akka qabu ibsaniiru. Itti gaafatamni ijoo bulchiinsa imaanaaf kennaman filannoof qophii taasisuu, nageenya mirkaneessuu, caasaalee mootummaa deebisuun diriirsuu, bu’uraalee misoomaa suphuu fi buqqaatota deebisuun dabalatee milkaa’inaan xumuruuf naamisii fi iftoominni cimaan jiraachuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Paartiinsaanii nageenyi, misoomnii fi sirni heera mootummaa naannoo Tigraayitti akka mirkanaa’u ummata cinaa dhaabachuun deeggarsa barbaachisu hunda gochuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Dargaggoonni Godinichaa mootummaa Ida'amuu cinaa dhaabbachuun karoora nageenyaa fi misooma waaraa milkeessuuf gahee isaanii bahachuuf qophii ta'uu ibsan
Oct 16, 2026 302
Onkoloolessa 6/2019(ENA)- Dargaggoonni Godina Kibbaa Oromiyaa mootummaa Ida'amuu cinaa dhaabbachuun karoora nageenyaa fi misooma waaraa milkeessuuf gahee isaanii bahachuuf qophii ta'uu ibsaniiru. Dargaggoonni magaalaa Adoolaa fi Nageellee Booranaa Hasan Umar, Rabbirraa Gammadaa fi Abduubaa Boruu yaada ENA’f kennaniin akka himanitti, godinichatti hojiiwwan misoomaa waggoota darban mootummaa Ida’amuun hojjetaman carraa hojii uumuu fi fayyadamummaa hawaasaa guddisaniiru. Keessumaa Ashaaraa Magariisaa, Maaddii Guutuu, misooma jallisii bonaa fi babal'inni bu'uuraalee misoomaa dargaggootaf carraa hojii uumuun cinaatti ka’umsa hojii akka qabaatan gaheee olaanaa bahachuu himaniiru. Dargaggoonni godinichaa waggoota darban waltajjiiwwan misoomaa fi ijaarsa nageenyaa garaagaraa irratti hirmaannaa cimaa taasisaa turuus eeraniiru. Yeroo ammaas karoora mootummaan Ida'amuu sadarkaa biyyaa fi naannootti qabate milkeessuuf, akkasumas nageenyaa fi misooma naannoo isaanii mirkaneessuuf sochii isaanii cimsanii akka itti fufan ibsaniiru. Duudhaalee waliin jireenyaa, nageenyaa fi misoomaa cimsuuf mootummaa Ida'amuu cinaa dhaabbachuun kan hojjetan ta’uus eeraniiru. Ulaa galaanaa argachuun; birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu, akkasumas jireenya hawaasummaa lammiilee fooyyessuu keessatti murteessaa ta'uu eeruun, hojii mootummaa Itoophiyaan Ulaa galaanaa akka argattuuf hojjettu kan deeggaran ta’uu himaniiru. Dargaggoonni kunneen karoora misoomaa waggoota shanii mootummaan Ida'amuu qabate milkeessuuf, nageenya naannoo isaanii eeguu, hojii uumuu fi misooma keessatti hirmaannaa isaanii cimsanii kan itti fufan ta'uu ibsaniiru.
Murtii Mana Maree Federeeshinii R.D.F.I.
Oct 16, 2026 384
Murtii Mana Maree Federeeshinii R.D.F.I. Akkaataa Heera Mootummaa Keeyyata 62 (9) fi labsii Lakkoobsa 359/1995 Keeyyata 14/2/b/ irratti hundaa'uudhaan bulchiinsi Yeroo Naannoo Tigraay akka hundaa’uuf murtee dabarsee fi Aangoo Mana Maree Ministeerotaaf kenneen, Mootummaan FDRI murtii Naannoo Tigraay raggaasisu dabrseera. Akkumabeekamu, walitti bu'insa Naannoo Tigraayitti uumamee ture Waliigaltee Piriitooriyaa irratti hundaa'uudhaan furuuf yaaliin taasifamaa ture garee TPLF tiin gufachuun osoo hin milkaa’iin hafeera. Gareen Hoggansa TPLF nagaa hin feene yeroo 4ffaaf waraana eegalee garichi injifatamuun xumurameera. Ummanni Tigraay nagaa isa irraa fagaate akka gonfatu, mirga ofiin of bulchuu isaa akka mirkanaa'u, akkasumas bu'aawwan misoomaa waggoota hedduudhaaf hin argatiin ture dhandhamachuu akka danda'uuf maraammartoo waraanaa keessaa ba'uu qaba. kanaafis Federeeshinii keessatti bakki isaaniif malu kennameefii nagaa isaanii eegsisuu, xiyyeeffannoo isaanii misoomarra taasisuu fi ummatoota Itoophiyaa biroo waliin tokkummaa sabdaneessaa keessatti cimanii jiraachuu qabu. Haalota kana yeroo gabaabaa keessatti mijeessuudhaaf akka danda'amuuf Bulchiinsa Imaanaa Mootummaa Federaalaa Naannoo Tigraay Dambii Mana Maree Ministeerotaatiin hundaa'eera.   Itti Gaafatamummaa fi Hojii Bulchiinsa Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay Bulchiinsi Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay Dambii Mana Maree Ministirootaa irratti hundaa’uun hundaa’eera. Haaluma kanaan, Bulchiinsi Imaanaa Federaalaa Naannoo Tigraay ji’oota jahan dhufaniif naannicha akka bulchu kan muudaman yoo ta’u, itti gaafatamummaa fi hojiiwwan isaanii kanneen armaan gadiiti. 1. Naannoo Tigraay keessatti rakkoo nageenyaa fi tasgabbii uumame saffisaan furuun haala tasgabbaa’aa uumuu. 2. Caasaalee mootummaa diigaman deebisanii ijaaruun uummanni tajaajila mootummaa idilee akka argatu haala mijeessuu. 3. Bu’uuraalee misoomaa waraanaan miidhaman suphuun saffisaan gara hojiitti akka deebi’an taasisuu; akkasumas bu’aaleen misoomaa sadarkaa biyyaatti galmaa’an naannoo Tigraay keessattis akka babal’atan haala mijeessuu. 4. Hawaasa qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’e gara iddoowwan jireenyaa duraaniitti deebisuu. 5. Tajaajiloonni hawaasummaa naannichatti addaan citanii turan akka itti fufan taasisuu. 6. Haala siyaasaa tasgabbaa’aa uumuu fi yeroo ji’a jaha keessatti filannoon bilisaa fi iftoomina qabu akka gaggeeffamu taasisuun, Tigraay qaama idilee Federaalichaa akka taatu haala mijeessuu. 7. Dhaabbilee Ittisa Biyyaa, poolisii fi nageenyaa Federaalaa, akkasumas humnoota nageenyaa Tigraay waliin qindoominaan hojjechuun, caasaa bulchiinsaa sadarkaa naannoo irraa kaasee hanga gandaatti nageenyi fi tasgabbiin akka mirkanaa’u taasisuu. Kana malees, namoonni hidhatan meeshaalee waraanaa isaanii akka hiikkatan, gara jireenya nagaa akka deebi’anii fi adeemsa haaromsa hawaasummaa keessa akka darbaniif haala mijeessuu; akkasumas caasaa nageenyaa naannichaa haala haaraan deebisanii ijaaruu irratti itti gaafatamummaa qabaachuu. 8. Nageenyi akka cimu, miirri fi ilaalchi uummataa akka sirreeffamu, akkasumas uummanni hojii misoomaa fi deebisanii ijaaruu keessatti hirmaachuuf qophii gahaa akka qabaatu taasisuu. 9. Hojiiwwan miidiyaa qindeessuu fi waltajjiiwwan marii uummataa sadarkaa garaagaraatti gaggeeffaman qopheessuu. 10. Filannoon itti aanu nagaa, bilisummaa fi hirmaachisummaa qabu akka ta’uuf hojiiwwan barbaachisoo ta’an raawwachuu. Bulchiinsi Imaanaa hojiiwwan hunda raawwatu keessatti faayidaalee biyyaalessaa Itoophiyaa, tokkummaa daangaa biyyattii fi faayidaalee bu’uuraa uummata Tigraay bu’uura godhachuu qaba. Mootummaan uummataan filatame hanga hundeeffamutti, Bulchiinsi Imaanaa tajaajiloota idilee naannichaa dhiyeessuu fi haala filannoo itti aanuuf mijataa ta’e uumuu bira darbee, dhimmoota dhiibbaa tarsiima’aa yeroo dheeraa qaban irratti sochii hin taasifatu. Bulchiinsi kunis hojii isaa kallattii fi qajeelfama Mootummaa Federaalaa irraa kennamu irratti hundaa’uun raawwata.  
Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuufi itti fayyadamuuf mirga guutuu qabdi — Xiinxalaa Siyaasaa Gibtsii Maagdii Kaaliil
Oct 16, 2026 367
Onkololeessa 6/2019 (ENA):-Itoophiyaan Galaana Diimaatti bahuu fi itti fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu xiinxalaan siyaasaa lammii Gibtsii Maagdii Kaaliil ibsan. Xiinxalaan siyaasaa kun ENA waliin turtii taasisaniin, hoggantoonni Gibtsii tattaaffii Itoophiyaan Galaana Diimaatti deebitu mormuu fi gufachiisuuf imaammata isaan hordofaa jiraan cimsanii qeeqaniiru. Gibtsii hoggantoota fagoo yaadan, hubannoo siyaasaa fi ogummaa qaban utuu qabaattee, Itoophiyaan Galaana Diimaa akka itti fayyadamtu gufachiisuu fi mormuu mannaa deeggarsa ni taasisti turte jechuun ibsaniiru. Itoophiyaan bal’ina lafaa fi baay’ina ummataatiin biyyoota gurguddoo keessaa tokko ta’uu fi biyya galaana hin qabne ta’uu ishee kaasuun, Galaana Diimaatti dhiyaachuu fi itti fayyadamuuf mirga guutuu akka qabdu dubbataniiru. Itoophiyaan seenaa keessatti hulaa galaanaa qabattullee biyyoota ollaa isheetiif madda sodaa yookaan miidhaa taatee akka hin beekne yaadachiisaniiru. Biyyoonni naannoo Galaana Diimaatti argaman fedhii waliinii isaanii irratti mariyachuun waliigaltee naannawaa uumuuf marii akka gaggeessan xiinxalaan kun waamicha dhiyeessaniiru. Dorgommii fayyaa hin qabne hambisuun, tumsa irratti hundaa’anii hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan ibsan xiinxalaan kun, waliigalteewwan nagaa Itoophiyaan fedhii hulaa galaanaa qabaachuu ishee qabatamaan akka milkeessituuf karaa kan banan ta’uu ibsaniiru. Biyyoonni tokko tokko waliigaltee Itoophiyaaf hulaa galaanaa argamsiisu mallatteessuuf qophii ta’uu isaanii kan kaasan Maagdii Kaaliiliin, waliigalteewwan yeroo dheeraa taasifaman gaanfa Afrikaa fi naannoo Galaana Diimaa keessatti nagaa waaraa fi tumsa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qaban dubbataniiru. Imaammata Kaayiroon dhimma Eertiraa irratti hordoftu kan qeeqan xiinxalaan kun, Gibtsii fi biyyoonni Arabaa biroon A.L.A, bara 1960tti Kaayirootti hundeeffameefii ture Dhaabbata Bilisummaa Eertiraa deeggaruu isaanii yaadachiisaniiru. A.L.A, Bara 1991tti Eertiraan bilisummaa argachuu fi Itoophiyaan balbala galaanaa dhabuu ishee hordofee, murtoo kanaaf bu’uura kan ta’an imaammattoota naannawaa irra deebi’anii qorachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Xiinxalaan kun, Gibtsii Dhaabbata Bilisummaa Eertiraa deeggaruun hariiroo obbolummaa fi tumsa biyyoota lamaan gidduu jiraachuu qabu kan miidhe, dogoggora seenaa ta’uu isaa hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota
Oct 16, 2026 225
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) - Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera jedhan jiraattonni godina lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii. Jiraattota magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa obbo Koorsaan akka ibsanitti, Kanaan dura dhimmasaanii raawwachiifachuuf waajjiraalee mootummaa garagaraa deemuun yeroo fi maallaqa qisaasaa turaniiru. Har’a garuu wiirtuun kun magaalaa Gimbiitti waan banameef dhimmasaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurachuu waan danda’aniif gammaduusaanii ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa bakka tokkotti akka argannu taasisuudhaan bu’aa bayii fi baasii hin malle Kanaan dura baasaa turre nurraa hambiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Gimbii obbo Girmaa Biraasaati. Wiirtuun kun hojiirra ooluunsaa namoonni tajaajila fooyya’aa wal qixxummaan akka argatan kan gargaaru waan ta’eef hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Eyyama daldalaa haaromsuuf gara wiirtuu kanaa kan dhufan obbo Waaqjiraa Taammiruu gamasaaniin, baasiin hin mallee fi deddeebiin Kanaan dura ture hafee tajaajila barbaadan argachuu akka danda’an dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo kun guutuu fi hawaasaaf tajaajila kennuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Gimbii obbo Waaqtolee Malkaa ENA’f akka ibsanitti, hawaasni bakka tokkotti tajaajila si’ataa akka argatu taasiseera. Wiirtuun kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuudhaan tajaajilamtoonni bu’aa bayii malee tajaajila akka argatan taasiseera jedhaniiru.
Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha'' Obbo Agenyew Fiqiruu
Oct 16, 2026 203
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu ibsan. Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu Mootummaan jijjiiramaa komii, gaaffii fi yaada ummanni rakkoo tajaajilaa irratti qabu hundeerraa furuuf gurmaa'insaa fi qajeelfama haaraa gadi buusuu ibsaniiru. kaayyoon gurmaa’insa kanaa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqaabamaa hawaasni akka argatu taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha jedhaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 irratti bakka hooggantootnii, Manajimantii sektarootaafi dhimmamtootni argamaniitti mariin gaggeeffame. Mootummaan jijjiiramaa tajaajila si'ataa, dhaqaabamaafi amanamaa hawaasni haala mijataa ta'een akka argatu akkasumas amantaa ummanni mootummaa irratti qabu guddisuuf gurmaa'insaafi qajeelfama ramaddii hojjetoota mootummaan manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa haaraa gadi buusee jira.   Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti qajeelfamaafi gurmaa'insaa haaraa kana karaa iftoomina qabu, loogii irraa bilisa ta'eefi bu'uura qajeelfamaan akka raawwatuuf mariin hooggantoota, manajimantii manneen hojii fi dhimmamtoota waliin gaggeeffameera. Itti gaafatamaan Waajjira Paabliik Sarviisiifi misooma Qabeenya namaa magaalichaa Dr .Cammaraa Shibbiruu kaayyoon gurmaa'insa haaraa fi qajeelfama ramaddii haaraa hojjetoota mootummaa loogii fi ogii malee gahumsaa fi dandeettiin hojjettootaa fi hojii walsimsiisuun tajaajila si'ataa, amanaafi bu'aqabeessa hawaasni akka argatu taasisuun itti quufinsa maamilaa guddisuu akka ta'e himaniiru. Mariichi Koreewwan Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 raawwachiisan filachuun xumurameera jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Magaalichaa gabaaseera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo fi maallaqaa hambisuun nu fayyadaa jira-jiraattota
Oct 15, 2026 285
Onkoloolessa 05/2019 (ENA)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo hambisuun alatti baasii hin malleef akka hin saaxilamne akka isaan gargaare magaalaa Shaggaritti jiraattonni kutaa magaalaa Buraayyuu ibsan. Dhimmoota mootummaan akka ijootti qabate keessaa kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu, bulchiinsa gaarii buusuu fi hudhaalee birokiraasii dhabamsiisuundha. Tajaajilamtoonni Kanaan dura dhimma tokkoof biirolee fi dhaabbilee garagaraa jidduu deddeebi’uun, yeroo dheeraa eeguun, akkasumas baasii hin malleef saaxilamuun bu’aa bayiin irra gahaa tureera. Hojmaanni haaraa kun qisaasama yeroo fi baasii uumuun gamatti, malaammaltummaa fi hojmaata badaaf ulaa banuun itti quufinsa ummata tajaajila barbaaduu gadi buusuun hariiroo ummataa fi mootummaa jidduutti dhiibbaa uumaa tureera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo kana furuuf hojmaattota addaan faffaca’an bakka tokkotti qindeessuun teeknooloojiin deeggaramee tajaajila kennaa jira. Hojmaanni kun bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hir’isuun, iftoominaa fi si’aayina kenniinsa tajaajilaa guddisuun akkasumas itti quufinsa mirkaneessuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti fayyadamtoota tajaajilichaa keessaa obbo Tamasgeen Ballaxaa akka dubbatanitti, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa akka gaafatu ibsanii, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti tajaajila si’ataa argachaa jiru. Tajaajilli kun hawaasa kan fayyadee fi mootummaa fi hawaasa jidduutti wal amantaa uumuuf qooda olaanaa akka qabu eeraniiru. Tajaajilichi bakka tokkotti argamuunsaa deddeebii fi harkifannaa hambisuun, yeroo gabaabaa keessatti tajaajila gahaa argachuuf akka isa gargaare dargaggoo Baacaa Baqqaanaa ibseera. Adde Abarraash Makuraa gamasaaniin, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifdachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu tajaajila wiirtuu tokkoo Masooniin tajaajila si’ataa fi qulqulluu battalatti argachuu akka danda’an ibsaniiru. Hojii gaggeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob kutaa magaalaa Burraayyuu Injiinar Isaayyaas Mokonnon akka ibsanitti, tajaajilichi deddeebii tajaajilamtootaa hambiseera. Hawaasni malaammaltummaaf akka hin saaxilamne gochuun mootummaa fi ummata jidduutti iftoomina kan guddise ta’uu dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Kanaan dura waajjiraalee garagaraa keessatti faffaca’ee ture bakka tokkotti fiduun hawaasa kan bayyanachiise ta’uu eeraniiru.
Diinagdee
Magaalaan Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha – Doktar Tashoomaa Addunyaa
Oct 17, 2026 125
Onkoloolessa 7/2019 (ENA) – Shaggar Magaalaa ammayyaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaada haaraan ijaaramuun dorgomaa ta'aa jirtudha jedhan kantiibaan magaalattii Doktar Tashoomaa Addunyaa. Koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa Wiirtuu tajaajila tokkoo Masoob fi sochii hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa daawwachaa jiru. Haaluma kanaan koreen Dinagdee Gooroo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti hojiiwwan kenna tajaajilaa fi sochiiwwan hojii Pirojeektiiwwan misoomaa garagaraa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojjetaman daawwachaa jiru. Sagantaa kana irrattis Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa doktar Abdullaaziiz Daawud, hogganaa Biiroo karooraa fi misoomaa Oromiyaa doktar A‎bdii Yuuyyaa, akkasumas itti Aanaa mana hojii odiitara muummichaa Oromiyaa Obbo Tolasaa Abboomaa argamaniiru. Sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar doktar Tashoomaa Addunyaa; Shaggar Magaalaa bu'aa Mootummaa ida’amuun yaadaa fi Pilaanii haaraa qindaa'aan hundoofte ta'uu ta’uu dubbataniiru. Magaalaa Shaggar dorgomtuu fi giddugala dinagdee taasisuuf carraawwan dameelee hundaa irratti xiyyeeffachuun hojii hojjetameen bu'aawwan gama hawaas-dinagdeen argaman olaanaa ta'uu himaniiru. Hojii waggoottan darbanitti hojjetameen gama Qonnaan Oomishaa fi Oomishtummaa sadarkaa olaanaatti kan guddate yoo ta'u, sochiiwwan babal'ina Investimentii tarkaanfachiisuun kan danda'ame ta'uu kaasaniiru. Kana malees sirna bulchiinsa qabeenya lafaa ammayyeessuun al-seerummaa fi saamicha lafaa hambisuun kan danda'amee fi mirga ragaa abbaa qabiyyummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuun danda'amuu ibsaniiru. . Dorgomtummaa fi ammayyummaa Magaalichaa dhugoomsuufis hojiin misooma Kooridarii qabiyyeewwan guutuun kiilomeetira 135 hojjetamuu eeraniiru. Waggoottan afran darbanitti fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf hojii hojjetameen Piroojeektiiwwan misoomaa garagaraa kuma 1 fi 363 tajaajilaaf qopheessuun kan danda'ame ta'uu ibsaniiru.
Pirojeektoota Mootummaa Idaa'amuu: Abdi dhaloota egere
Oct 16, 2026 307
Mootummaan Ida'amuu jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojiiwwan misoomaa ariifachiisoo, teeknooloojii ammayyaa fi tajaajila hawaasummaa walitti hidhuun, badhaadhina dhugoomsuuf kutannoon hojjechaa jira. Yaad-rimeen kun guddina dinagdee gabaa hawaasummaa hordofuun hiyyummaa balleessuu fi qabeenya haqa qabeessaan qooduu irratti xiyyeeffata. Milkaa'inni Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ijaarame milkaa'ina seenaa qabeessa biyyattii fi guutummaa Afrikaa ta'uun isaa ni beekama. Pirojektii guddicha kanaan milkaa’inni argame abdii imala guddina dinagdee biyyaa fi tokkummaan hawaasaa kan itti mirkanaa’edha. Lammiileen Itoophiyaa hundi bittaa boondii, gumaacha maallaqaa, akkasumas humnaafi beekumsa isaaniitiin qooda guddaan gumaachaniiru. Pirojektiin kun liqii fi gargaarsa alaa malee, guutummaatti humna, beekumsaa fi qabeenya Itoophiyaanotaa fi diyaasporaatiin xumurame. kunis Itoophiyaan hirmaanna tokkummaa uumatasheen karoorsitee raawwachuu akka dandeessu kan itti mul’istedha.   Naannoo Hidhichaatti Haroon Nigaat uumamee misooma jallisii, horsiisa qurxummii, geejjiba bishaan irraa ykn doonii fi turizimiitiif carraa haaraa uumeera. Hidhichi dhiyeessii humna elektirikii amansiisaa biyya keessaaf kennuu cinaatti, humna ibsaa biyyoota ollaaf dhiyeessuun Itoophiyaa giddugala Humna Elektirikii Afrikaa Bahaa taasiseera. Hidhi haaromsaa mallattoo tokkummaa, obsa qabaachuu, jabinaa fi injifannoo ummata Itoophiyaa ta'uun mirkanaa'eera. Hidha Abbayyaa marsaa xumuraaf guutamuu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad beeksisanii pirojektoota meeggaa fayyadamummaa Uummataa mirkaneessan ifoomsaniiru. Itoophiyaan waggoota dhiyoo keessa pirojektoota misoomaa gurguddoo hedduu hojjechuun guddina dinagdee, hojii uumuu fi jireenya uummataa fooyyessuuf hojjechaa jirti. Pirojektootni kunneen guddina yeroo dheeraa biyyaaf bu'uura ta'uu isaanii irratti kan xiyyeeffatanidha.kanneen keessaa mmuraasni : Ijaarsa Warshaa Xaa'oo Godee Waarshaan xaa’oo Godee pirojektoota gurguddoo fayyadamummaa uummataa mirkneessan keessaa tokko yoo ta’u, ijaarsa Warshaa yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf xiyyeefatamee hojjetamaa jira. waarshaan kun yeroo xumuramu rakkoo dhiyeessii xaa'oo biyyattiin qabdu waliigalaan furuuf hojjetamaa jira. Damee qonnaaf galteewwan ammayyaa dhiyeessuun nyaataan of danda'uu kan mirkaneessuudha. Piroojektiin kun bajata guddaa doolaara biiliyoona 2.5 oliinii fi tumsa dhaabbilee gurguddoo akka Daangootee Giruuppii waliin jalqabameera. pirojektiin kun yeroo xumuramu Omishaa fi Omishtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuun fayyadamummaa uumataa dhugoomsa.   Ijaarsa Pirojektii Buufata Xiyyaaraa Bishooftuu Pirojektii buufata Xiyyaaraa Bishooftuu boqonnaa milkaa’inaa Itiyoophiyaa haaraa keessaa tokkodha. Waggoottan darban fayyadama walii galaa lammiilee mirkaneessuudhaan akkasumas dhaabbilee cimaa gama ijaaruutiin hojiileen ijoon biyyattii ol kaasan raawwatamanii jiru. Dhaabbilee milkaa’inni keessatti galmaa’an keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa isa tokkodha. Dhaabbatichi dameewan hundaan humnasaa guddifachaa jira. Kanaaf ammo ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu ragaadha. Mootummaan Ida’amuu Pirojektoota Meeggaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan bocuun hojiitti galeera.Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu yeroo jalqabsiisan dooniiwwan samiirra balali’aniif akka buufataatti tajaajila, Kunis cabinsa sirna loojistiksii Itoophiyaa bara dheeraaf deebii kan ta’udha jechuunsaanii ni yaadatama. Ijaarsi buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu agarsiiftuu guddina Aviyeeshinii Afriikaa fi fakkeenya guddaa akka ta’u ni abdatama. Pirojektiin kun Itiyoophiyaa Aviyeeshinii addunyaa adda duree ta’an keessaa tokko kan isa taasisuu fi dandeettii dorgommii Idil-Addunyaa daandii qilleensaa Itiyoophiyaa baay’ee guddisa.   Seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misooma Aviyeeshinii isa guddaa waan ta’eef Itiyoophiyaan dandeettii damee geejjiba qilleensaatiin qabdu caalaatti beeksisa. Faayidaa Hawaas dinagdeef qabu Buufatni Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Bishooftuu faayidaawwan tarsiimawaa fi dinagdee gurguddoo dhiheessu qaba Misooma Magaala Haaraa: Dameewwan daldalaa, industirii fi turizimiitiin guddina naannawaichaaf gumaacha guddaa gochuun sochii dinagdee dabalataa ni uuma. Invastimantii Alaa: Sababa guddinaa fi faayidaa tarsiimawaa isaatiin invastimantii kallattii alaa gara Itiyoophiyaatti hawwata. Carraa Hojii Uumuu: Yeroo ijaarsaasaas ta'e erga xumuramee tajaajila kennuu egaleen booda lammiilee biyyattii kumaan lakkaa'amaniif carraa hojii kallattii fi al-kallattii ni uuma. Dandeettii Pirojektoota Gurguddoo Mirkaneessuu: Aadaa hojii haaraa Itoophiyaan pirojektoota meeggaa qulqullinaanii fi yeroo qabameef keessatti xumuruuf qabdusadarkaa idil-addunyaatti irra deebi'ee kan mirkaneessudha. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 565
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 912
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 1142
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha.   Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 1561
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera ‎‎Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 406
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera.   Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2565
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1929
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 32819
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 22181
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19163
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015