Angafoota Oduu
Kan mul'ate
Beeksisa
ENA
Feb 7, 2023 3726
ENA
Siyaasa
Adwaan nu Afriikaanota kan boonsudha- doktar Dilaamiinii Zuumaa
Mar 1, 2024 78
Guraandhala 22/2016(TOI)- Adwaan Afriikaanonni boonanii akka dhaabatan kan dandeessise injifannoo guddaa ta’uusaa dura teessuun komishinii gamtaa Afriikaa duraanii doktar Dilaamiinii Zuumaa dubbatan. Doktar Dilaamiinii Zuumaa TOItti akka himanitti, injifannoon Adwaa Afriikaanonni itti boonanii fi ummattoonni ardichaa mataa olqabatanii akka deeman kan taasisedha jedhan. Itiyoophiyaan gita bitamuu dhabuunshee Afriikaanota nuboonseera, haala Kanaan Itiyoophiyaan jiddugaleessa ardii Afriikaa akka taatu dandeessiseera jedhan. Itiyoophiyaan duudhaa Adwaa ittifufsiisuuf ittigaafatama akka qabdu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan Afriikaa keessatti misoomaan nageenya eegsisuu fi dhimmoota biroon adda durummaan kan eeramtu ta’uu ibsanii, kana fufsiisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Abbootiin Afriikaa duraanii qofummaarra tokkummaan humna akka ta’u guddaa akka hubatan dubbatanii, kana cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Yaad rime paan Afriikaanizimii hubachiisuuf Afriikaanonni obboleeyyi ta’uusasanii beekuu akka qaban eeraniiru. Ummattoonni ardichaa tokkummaan yoo ka’an Afriikaa sadarkaa guddaarraan gahuun nidanda’ama jedhaniiru. Biyyoonni Afriikaa yaad rime Paan Afriikaanizimii caalaatti cimsuuf manneen barnootaatti seenaa Afriikaa sirnaan barsiisuu akka qaban hubachiisaniiru. Sirni barnootaa Afriikaa amma jiru seenessa gita bittaa jalaa akka hinbaane kaasanii, kun bu’urarraa jijjiiramuu akka qabu ibsaniiru. Ayyaanni yaadannoo injifannoo Adwaa 128ffaan boru sagantaawwan addaddaatiin nikabajama.
Injifannoon Adwaa guddina Itiyophiyaa eegsisuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu’ura guddaadha-hayyoota
Mar 1, 2024 85
Guraandhala 22/2016(TOI)- Injifannoon Adwaa gama hundaanuu guddina Itiyophiyaa eegsisuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu’ura guddaa ta’uusaa hayyoonni TOI’n haasofsiise ibsan. Akkaataa waliigaltee biyyoonni Awurooppaa konfaransii Barliinirratti Afriikaa qooddachuuf waliigalaniin humni weeraraa Xaaliyaanii Itiyoophiyaa gita bittaa jala galchuun saamuuf kaayyeffatee eure. Waraanni Weeraraa Xaaliyaanii galaana qaxxaamuree dhufe Itiyoophiyaanota waa’ee kabaja namoomaa fi birmadummaa qoratamanii darban irratti waraana banan. Itiyoophiyaanonni onnee guutuun kaka’an waraana weerartuu meeshaa ammayyaa hidhate gaarreen Soloodaa jalatti hamileessaa cabsuun kabajaa fi bilisummaa biyyasaanii cimsan. Mana maree bakka bu’oota ummataatti ittaanaa walitti qabaa koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaavdoktar Fathii Maahiddii akka jedhanitti, injifannoon Adwaa ilaalcha madaallii humna addunyaa kan jijjiiredha. Injifannichi tokkummaa, ciminaa fi gootummaa Itiyoophiyaanotaan kan argame ta’uurra darbee fakkeenya walabummaa Afriikaanotaati jedhan. Yuunivarsiitii Samaraatti barsiisaan saayinsii siyaasaa Abrahaam Arrafayinee gamasaaniin, iccitiin injifannoo Adwaa jaalala biyyaa fi tokkummaa sabdaneessummaa ta’uu dubbatan. Injifannichi onnee Itiyoophiyaanotaa fi miira mo’attummaa qabatamaan kan itti mul’ate guddummaa addunyaarratti kan mul’isedha jedha. Yuunivarsiitichatti barsiisaan kutaa barnootaa lammummaa fi naamusaA Girmaayee Alamaayyoo, weerartoonni Itiyoophiyaa yaalanis altokkollee hinjilbeeffanne jedhan. Injifannoon Adwaa kabaja harqoota gita bittootaa Awurooppaa kan mulqee fi mo’attummaa gurraachotaa boqonnaa haaraatti kan barreesse ta’uu kaasaniiru. Injifannichi Itiyoophiyaa badhaate arguuf hawwinu dhugoomsuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu’ura guddaa akka ta’e eeraniiru. Kanaaf seenessa walooijaaruun, siyaasaa fi olaantummaa yaadaa guddisuun, tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruun Adwaa bara kanaa bu’uura cimaan barreessuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Sagantaan xumuraa sosochii nageenyaa biyyaalessaa “Adwaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa cimaa” taasifamaa jira
Mar 1, 2024 84
Guraandhala 22/2016(TOI)- Sagantaan xumuraa sosochii nageenyaa biyyaalessaa “Adwaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa cimaa” taasifamaa jira Waltajjiinn maree Sagantaan xumuraa sosochii nageenyaa biyyaalessaa “Adwaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa cimaa” yaadannoo injifannoo Adwaatti taasifamaa jira. Ministeerri nageenyaa sadarkaa biyyaalessaatti dhaabbilee barnootaa keessatti mata duree “Adwaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa cimaa” jedhuun sosochii nageenyaa taasisaa tureera. Sagantaan xumura sosochii kanaa har’a taasifamaa jira. Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa, ministirri nageenyaa Binnaalf Andu’alam, ministirri barnootaa piroofeesar Biraanuu Naggaa, ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee dabalatee hooggantoonno olaanoo federaalaa fi naannoo, abbootiin amantaa, arbanyoonnii fi qaamoleen dhaabbilee addaddaa bakka bu’an argamaniiru. Waltajjiin sosochiinageenyaa Adwaa nageenya waaraa fi ijaarsa mootummaa cimaa ministeerri nageenyaa ministeera dubartootaa fi dhimma hawaasummaan tumsaan kan qophaa’e ta’uun ibsameera. Ayyaanni yaadannoo injifannoo Adwaa 128ffaa baranaa hooggantoonni mootummaa olaanoo, arbanyoonnii fi Itiyoophiyaanonni biroon bakka argamanitti boru yaadannoo injifannoo Adwaatti boru qophiilee addaddaan nikabajama. Yaadannoon injifannii Adwaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad fi pirezidaant Saahilawarq Zawudee dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo fi dippilomaatonni bakka argamanitti,Guraandhala 3/2016 eebbifamuunsaa niyaadatama.
Gamtaan Awurooppaa sagantaa dimobilaayizeeshinii fi debisanii dhaabuu biyyaalessaa raawwachiisuuf Yuuroo miiliyoona 16 gumaache
Mar 1, 2024 62
Guraandhala 22/2016(TOI)- Gamtaan Awurooppaa sagantaa dimobilaayizeeshinii fi debisanii dhaabuu biyyaalessaa raawwachiisuuf Yuuroo miiliyoona 16 gumaache. Sirna mallattoo ministeera maallaqaatti taasifameen Ambaasaaddar Tashomaa Toogaa komishinarii haaromsaa biyyaalessaa dabalatee de’eetaan ministira maallaqaa Samariittaa Sawaasawu, ambaasaaddara gamtaa Awurooppaa mister Roonaald Koobii, mootummoota gamtoomaniitti waamamaan Itiyoophiyaa doktar Raamiiz Alaabbaraab fi sagantaa misoomaa mootummoota gamtoomaniitti waamamaan Itiyoophiyaa doktar Raamiiz Alaabbaraab fi sagantaa misoomaa mootummoota gamtoomaniitti waamamaan Itiyoophiyaa doktar Saamu’eel Doo argamaniiru. Deeggarsi kun komidhiniin haromsaa biyyaaleessaa kan gaggeessuu fi akkaataa waliigaltee nageenyaatiin loltoota duraanii hidhannoo hiikkatanii karaa nagaatti jiraachuuf fedhan dimobilaayiz gochuu fi egereef deebisanii dhaabuuf kan oolu ta’uun ibsameera. Deeggarsi kun marsaa jalqabaa sagantichaaf karaa kan banu ta’uu ambaasaaddar Tashoomee Toogaa galateeffatanii, deeggarsi akkasii gamtichaa fi biyyoota miseensotaan cimee akka itti fufu gaafataniiru. Milkaa’inni sagantaa dimobilaayizeeshinii fi deebisanii dhaabuu ijaarsa nageenyaa Itiyoophiyaafis ta’e biyyoota qaxanichaatti qooda ijoo waan qabaatuuf tumsitoonni misoomaa fi nagaa jaalattoonni hundi daandii gamtaa awurooppaa hordofuun deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.
Dhaloonni har’aa ashaaraa injifannoo Adwaa misoomaan dabaluu qaba
Feb 29, 2024 86
Guraandhala 21/2016(TOI)-Dhaloonni har’aa ashaaraa injifannoo Adwaa misoomaan dabaluu akka qabu mana maree bakka bu’oota ummataatti de’eetaan ministiraa gargaaraa itti waamamaa mootummaa gargaaraa piroofeesaraa Mihiratuu Shaanqoo ibsan. Mariin paanaalii tajaajilli oduu Itiyoophiyaa qopheesse mataduree “Adwaan mallattoo fakkeenya ida’amuu” jedhuun taa’ameera. Waltajjii kanarratti mana maree bakka bu’oota ummataatti de’eetaan ministiraa gargaaraa itti waamamaa mootummaa gargaaraa piroofeesaraa Mihiratuu Shaanqoo mata duree “ibsituuwwan Adwaa dhalootaa fi dhaala injifannooAdwaa” jedhuun barreeffama ka’umsaa dhiheessaniiru. Barreeffama Kanaan seenaa barachuu qofa osoo hinta’iin seenaarraa barachuun barbaachisaadha jedhan. Biyyoonni Afriikaa hedduun gita bittaa jala wayita turanitti injifannoon Itiyoophiyaan weerartuu Xaaliyaaniirratti argatte ashaaraa seenaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Injifannoon kun kan ga;maa’e ummannii fi mootummaan waan waldhaggeeffatanii fi duudhaan biyyaa olaanaan uumamuusaatiini jedhan. Seenaan injifannoo Itiyoophiyaan galmeessifte injifannoodhaa oli kan jedhan gargaaraa piroofeesaraa Mihiratuu, seenaan injifannoo abbootiin kaleessaa galmeessisanis kabaja ijoolleesaanii uffachiisanidha jedhaniiru. Seenaan injifannoo akaakileen keenya Adwaarratti gaslmeessisan injifannoon kun akka galmeeffamu kallattii biyyaa ka’umsaa fi xumuraa waan kaa’aniif ta’uu ibsaniiru. Dhaloonni har’aas qabeenya Itiyoophiyaan qabdu beekuun guddina biyyaa dhugoomsuun ashaaraa injifannoo Adwaa misoomaan dabaluu akka qabu hubachiisaniiru. Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaaf barnoota tokkummaati jedhaniiru. Kanaaf dhaloonni har’aa dhimmoota xixiqqoo keessaa bahuun dhimma biyyaa isa guddaa yaaduun tokkummaa fi kabaja Itiyoophiyaaf tumsaan hojjechuu akka qabu dubbataniiru.

Hawaasummaa
Diinagdee
Itiyoophiyaatti to’annaan qulqullinaa fi tajaajilaa staandaardii idil addunyaa guute taasifamaa jira
Feb 29, 2024 215
Guraandhala 21/2016(TOI)- Itiyoophiyaatti to’annaan qulqullinaa fi tajaajilaa staandaardii idil addunyaa guute taasifamaa akka jiru dhaabbanni madaallii walsimsiisaa ibse. Baatiiwwan jaahan bara bajataa kanatti laaboraatoorii sakatta’iinsa qulqullina oomishaa, inispeekshinii fi sartafikeeshinii oomisha alaa galchii fi alergiif mirkaneessa qulqullinaa kennuunsaa ibsameera. Dhaabbata madaallii walsimsiisaa Itiyoophiyaatti daarektarri komunikeeshinii fi maarkeetiingii Takki’ee Biraanee, Itiyoophiyaatti sakatta’iinsi, to’annoo fi mirkeneessi beekamtii idil addunyaa qabu kennamaa akka jiru Ibsaniiru. Akkaataa hojmaata kanaatiin dhaabbatichatti Jibutii dabalatee Finfinnee fi dameelee naannolee sagalitti qaamolee addaddaa waliin tumsuun tajaajila qulqullina qabu kennaa jira jedhaniiru. Dhaabbatichi daatiiwwan jahan bara bajataa kanatti qulqullina oomishaa fi tajaajila ilaalchisee dhaabbilee mootummaa 12 waliin hojjechuuf waliigaltee yoo taasisu dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaatiin leenjii kennuusaa eeraniiru. Gama qulqullina oomishaa fi tajaajilaan, madaallii walsimsiisaa, teeknooloojii fidameelee birootiin waltajjii mijeessuun hubannoo uumuusaanii ibsaniiru. Baatiiwwan jahan bara bajataa 2016 laaboraatoorii qulqullina oomishaa fi sakatta’iinsa kuma 13, inispeekshinii fi sartafikeeshinii oomisha alergii fi alaa galchiitiin mirkaneessi qulqullinaa kennameera jedhaniiru. Dhaabbanni madaallii walsimsiisaa Itiyoophiyaa sakatta’iinsa laaboraatoorii, inispeekshinii fi sartafikeeshinii, sirnoota hojmaataa hojeessuun alergitoota,oomishtoota,tajaajila kennitoota, qaamolee danbii raawwachiisan, shamattootaa fi walumaa gala hawaasaaf tajaajila kennaa jira.
Naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaatti birrii miiliyoona 165 saamicharraa oolchuun danda’ameera-komishinicha
Feb 29, 2024 66
Guraandhala 21/2016(TOI)- Naannoo Itiyoophiyaa jiddugaleessaatti malaammaltummaa ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya ummataa fi mootummaa saamamuuf ture birrii miiliyoona 165 oolchuun akka danda’ame komishiniin naamusaa fi farra malaammaltummaa naannichaa beeksise. Naannichatti malaammaltummaa fi hojmaata badaa qindoominaan ittisuuf hojjetamaa akka jiru ibsameera. Ittaanaan Komishinarii komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa naannichaa Faasikaa Geetaachoo TOI’f akka himanitti, miidhaa malaammaltummaan geessisu dursuun ittisuuf hojiin hawaasa hirmaachise hojjetamaa jira. Qondaaltonni naamusaa hojii kana gargaaran 900 caaraa hundarraa filachuun leenjiin kennamuu ibsaniiru. Kana malees hubannoo hawaasni malaammaltummaarratti qabu cimsuuf bakka bu’oota hawaasaa kuma 700f leenjiin kennamuu dubbataniiru. Leenjii kennameen baatii jaahan darban dhaabbilee tajaajila kennan keessatti hojmaata cabsuun,hir’ina odiitii fi weerara lafaa seeraan alaa dabalatee hawaasarraa eeruuwwan hedduun dhufuusaanii beeksisaniiru. Kanarraa ka’uun hojii hojjetameen mindaan seeraan ala kafalamuuf turerraa, hir’ina odiitiirraa, lafaa fi sababoota biroon walqabatee saamamuuf kan ture birrii miiliyoona 165 oolchuun akka danda’ame ibsaniiru. Hojii malaammaltummaa ittisuu hirmaannaa hawaasaan taasifamu cimsuun naannicha malaammaltummaarraa qulqulleessuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru. Jiraataan magaalaa Hoosaa’inaa ganda Heexoo obbo Abrahaam Sugaatoo malaammaltummaan gocha ummataa fi misooma miidhu waan ta’eef tokkummaan ittisuu barbaachisa jedhan. Naannichi haaraa waan ta’eef deeggarsa misoomaa dhuunfaan taasisaa jiraniin alatti nalaammaltummaa fi hojmaata badaa saaxiluun qoodasaanii bahuuf qophaa’uusaanii mirkaneessaniiru. Lammii malaammaltummaa hadheeffatuu fi hawaasaaf tajaajila barbaachisaa kennu horachuurratti xiyyeeffatamuu qaba kan jedhan ammoo magaalichatti jiraataa ganda Heexoo obbo Abbosaxxi Ayyalaati. Kanaafis qoodasaanii akka bahan eeranii, hawaasni dhaabbilee addaddaa keessatti matta’aa malee dhimmasaa raawwachiisuu akka qabu dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni teessoo dijitaalaa magaalaa Bishooftuutti hojeeffame
Feb 22, 2024 120
Guraandhala 14/2016(TOI)-Sirni teessoo dijitaalaa saayinsii ispeesiitiyoophiyaa fiinistiitiyuutii Ji’-spaashaaliin hojjetame har’a magaalaa Bishooftuutti eebbifamee hojii jlqabeera. Ministirri innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa dabalatee daarektarri olaanaa inistiitiyuutii saayinsii speesii fi ji’oo–spaashaalii Abdiisaa Yilmaa, kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa, keessummoonni afeeramansagantaa jalqabsiisaa kanarratti argamaniiru. Sirni teessoo dijitaalaa har’a eebbifamee jalqabame dhaabbilee fi manneen jireenyaa magaalattiitti argaman eessatti akka argaman beekuuf akka gargaaru eerameera. Bulchiinsa lafaa fi odeeffannoowwan magaalattii biroo ammayyeessuuf akka dandeessisuu fi walitti dhufeenya dhaabbilee tajaajila kennanii fi tajaajilamtootaa mijataa akka taasisu akka ta’e himameera. Sirni teessoo dijitaalaa tajaajiloota bulchiinsaa, dinagdee fi hawaasummaa karaa si’ataa ta’een hunda biraan gahuuf kan dandeessisudha jedhan. Sochii jiraattonni iddoorraa iddootti taasisdan hir’isuuf, si’ataa gochuu fi bittaa fi gurgurtaa elektirooniksii dhugoomsuuf qooda olaanaa akka gumaachu eerameera. Sirni kun kenniinsa tajaajilaa magaalotaa si’achiisuu dabalatee sochii hawaasummaa fi dinagdee ammayyeessuuf akka gargaaru ibsameera. Ijaarsa sirna dinagdee dijitaalaa qulqullinaa fi si’aayina barbaachisuun hojeessuuf akka dandeessisus beekamera. Walumaa gala nageenya waa hundaa lammiilee eeguun guddina hawaasummaa fi dinagdee biyya tokkoof gumaacha guddaa akka qabaatu ibsameera.
Yunivarsiitiin Madda Walaabuu Simpooziyeemii biyyoolessaa oomishtummaa Qamadii fooyyessuu irratti xiyyeeffate qopheesse.
Feb 19, 2024 116
Guraandhala 11/2016(TOI) - Simpooziyeemiin biyyoolessaa oomishtummaa qamadii fooyyessuu irratti xiyyeeffate qopheessummaa Yunivarsiitii Madda Walaabuutiin gaggeeffamaa jira. Yuunivarsiitichi hojii baruufi barsiisuun alatti damee qonnaa, eegumsa qabeenya uumamaa, fayyaa fi misooma turizimii irratti qorannoo bal’aa gaggeessaa jiraachuu beeksise. Pireezdaantiin Yunivarsiitii Madda Walaabuu Doktar Ahimad Kaliil, yuunivarsiitichi baruu fi barsiisuun cinaatti rakkoo hawaasichaa irratti hundaa’uun qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan. Keessattuu qonna, kunuunsa qabeenya uumamaa, fayyaa fi misooma tuurizimii irratti hojiiwwan qorannoo bal'aa kan gaggeessu ta’uus ibsaniiru. Waggoota lamaan darbanitti oomishtummaa qamadii guddisuuf qonnaan bultoota godina Baalee lamaanii fi Arsii Lixaatiif deeggarsa sanyii filatamaa fi galteewwan qonnaa biroo taasisaa turuu akka fakkenyaatti hojii Yuunivastichaa keessaa eeraniiru. Itti aanaan Pireezidaantii Dhimma Akaadaamii fi Qorannoo Yuunivarsiitichaa Doktar Bazzaabbih Wandimmuu gama isaaniin akka jedhanitti, simpooziyeemii kana irratti qorattoonni fi qooda fudhattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo fi dhaabbilee qorannoo biyyattii adda addaa irraa affeeraman bu’aawwan qorannoo 12 ol ni dhiyeessu jedhaniiru. Simpooziyeemiin kun gama qorannoo Qamadii irratti qormaataa fi filannoowwan jiran adda baasuuf carraa kan uumu ta’uus eeran. Hirmaattonni simpooziyeemichaa yaada kennaniin, waltajjiin marii hayyoota walitti fide kun hudhaalee oomishaafi oomishtummaa mudachaa jiran adda baasuun fala kaa’uuf kan tumsu waan ta'eef yunivarsitichi sagantaa kana qopheessuu isaatti galateeffataniiru. Waltajjii guyyoota lamaaf gaggeeffamu kanarratti qorattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo adda addaa fi dhaabbilee qorannoo qonnaa biroo irraa affeeraman, abbootii gadaa fi haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayibarii raawwatame keessaa %98.56 qolatameera
Jan 31, 2024 281
Amajjii 22/2016 (TOI) - Ji'oota jahaan daraban haleellaa saayibarii 4623 raawwatame keessaa %98.56 qolatamuu Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo (INSA) beeksiseera. Hojii kanaanis birrii biliyoona 10.5 badiirraa baraaruun danda'amuu beeksiseera. Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo (INSA) raawwii hojii 2016 kan ji’oota jahan darbanii ilaalchisuun miidiyaaleef kenneera. Ibsa kana kan kennan Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa obbo Solomoon Sookaa ji’oota jahan darban gama haleellaa saayibarii qolachuutiin hojiiwwan dinqisiisoon hojjetamuu ibsaniiru. Haaluma bara bajataa kana ji’oota jahan darban yaaliin haleellaa saayibarii kuma 4 fi 623 taasifamuu ibsaniiru. Yaalii haleellaa kuma 4 fi 493 raawwataman keessaa dhibbeentaan 98.56 qolatamuus himaniiru. Yaaliin haleellaa raawwatame; yaalii bu’uuraalee misoomaa jeequu, hojii tajaajilaa fi galii jeequu, daataa hatuu fi balleesuu, mala kaffaltii sobaa fayyadamuun burjaajesuu yaaluufa ta'uu himaniiru. Dhaabbilee haleellaa saayibarii kanaan xiyyeeffataman keessaa Baankotaa,dhaabbileen faayinaansii, miidiyaalee fi dhaabbileen mootummaa kan adda dureen eeraman ta'uu himaniiru. Gosoota haleellaa saayibarii raawwataman keessaa haleellaa marsariitii, malware, sakatta’iinsa bu’uuraalee misoomaa fi bu’uuraalee misoomaa addaan kutuuu ta'uu himaniiru. Obbo Solomoon Sookaa ibsa isaaniin; ji’oota jahan darban qorannoon saaxilamummaa nageenya saayibarii dhaabbilee 149 irratti gaggeeffamuu eeraniiru. Akkasumas gosoota teeknooloojii kuma 2 fi 999 bulchiinsi karaa to’annoo teeknooloojii odeeffannoo fi komunikeeshinii gara biyyaatti galchuuf hayyama gaafate keessaa 338 yaaddoo nageenyaatiin gara biyyaatti akka hin seenne dhorkamuu eeraniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Hojiileen misooma fi eegumsa qabenya uumamaa naannoo Oromiyaatti jijjiirama idaniiru- Biiroo qonnaa
Feb 21, 2024 103
Guraandhala 13/2016 (TOI) - Hojiileen misooma fi eegumsa qabenya uumamaa naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannaan hojjetamuusaatiin fayyadama dinagdee ummataa mirkaneessaa dhufuusaa ittigaafatamaan waajjira qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu dubbatan. Ittigaafatamaan waajjira qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu hojiilee misooma sululaa godina Harargee Bahaa aanaa Guraawwaatti hojjetamaa jiran ilaalaniiru. Obbo Geetuun ayita kanatti akka jedhanitti, hojiileen misooma sulula naannichaa bal’ina lafaa fi baay’ina ummata hirmaatuun wggaa wggaatti guddachaa dhufeera. Ummanni wayitii bodaa lafa qullaatti hafe misoomsuun oomishaa fi oomishtummaan dabalaa dhufeera, itti fayyadamnisaas guddachaa dhufuu ibsaniiru. Dargaggoonni sululoota misoomanirratti carraa hojii argachuun misooma dammaa, kuduraa fi muduraa misoomsuu, loon gabbisuu fi hojiilee birootiin fayyadamaa ta’uusaanii himaniiru. Wayitii bonaa baranaatiin naannichatti hojiin egumsa biyyoo fi bishaanii kiiloomeetira miiliyoona 1 tuqaa 2f gargaaran hojiileen hidhaa fi istiraakcharii hojjetamaa akka jiran obbo Geetuun eeraniiru, amma ammaattis kiiloomeetirri kuma 500 ol raawwatamuu dubbataniiru. Ministeera qonnaatti gaggeessaa hojii raawwachiisaan ittifayyadama eegumsaa fi kunuunsaqabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnin akka jedhanitti, mootummaan naannichaa boqonnqq qophiirraa amma hojmaataatti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii godina Harargee Bahaa aanaa Guraawwaatti hojjetaman xiyyeeffannoo kennmee kan agarsiisu ta’uu dubbataniiru. Bara kana Godinichatti gandoota godinichaa 583 keessatti sululoonni 477 misooma jiru jedhan bulchaan itti aanaa goinichaa obbo Ayyaaloo Takkalaa. Hojiileen misooma sululaa waggoota darban godinichatti hojjetaman misooma naannichaa fi bishaan lafa keessaf gumaacha taasisuusaa ibsaniiru. Jiraataan aanaa Guraawwaa ganda Laaftoo Sommooloo obbo Lewaadiin Shariif akka jedhanitti, hojii Kanaan madden bishaanii deebi’uusaaniitiin oomishnii fi oomishtummaansaanii guddateera. Baranas hojii kana cimsanii hojii qindoominaa hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Bakka bu’oonni ministeera qonnaa, ittigaafatamaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu fi miseensonni hooggansaa biirichaa addaddaa, hooggantoonni godinaa fi aanaa misooma sululaa aanaa Guraawwaa gaara Alqaasilirratti hojjetame daawwataniiru
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 4242
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015