Angafoota Oduu
Kan mul'ate
Ji'oota jahan daraban Dippilomaasii lammilee irratti xiyyeeffateen Itiyoophiyaanota kuma 32 ol gara biyyaatti deebisuun danda'ameera
Jan 16, 2025 5
Amajji 8/2017(TOI) - Ji'oota jahan daraban Dippilomaasii lammilee irratti xiyyeeffateen Itoophiyaanota biyyoota garaa garaatti haala rakkisaarra turan kuma 32 ol gara biyyaatti deebisuun danda'amuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise. Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo haala waqtaa dippilomaasii fi dhimmoota qunnamtii alaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin raawwii hojii ji'a jahaa ministeerichaa, dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffate, walitti dhufeenya Itiyoo- Somaalee fi dhimmoota biroo kaasaniiru. Ibsa isaaniin ji'oota jahan darbe gama dippilomasiin milkaa'inni guddaan argameera jedhaniiru. Itoophiyaan biyyoota naannawwaa waliin tumsa hundagaleessa uumuuf hojjecha jiraachuu beeksisaniiru. Akka fakeenyaattis waliigaltee ijaarsa daandii Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walqunnamsiisuuf taasifame dabalatee Itiyoophiyaan hanga elektirikii Keeniyaaf ergitu dabaluuf waliigalteerra gahamuu eeraniiru. Waliigalteewwan walitti dhufeenya gamlamee faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa eegsisan baay'een ji'oota jahan darban raawwatamuus ibsaniiru. Daawwannaan Hoggantootaa olaanoo fi mariin adda addaa 128 geggeeffamuus eeraniiru. Dippilomaasii lammileerratti xiyyeeffateenis ji'oota jahan darban lammilee Itoophiyaa biyyoota adda addaatti haala rakkisaa keessa turan kuma 32 fi 918 gara biyya isaaniitti deebisuun danda'amuu himaniiru. Ji'oota jahan darban kana biyyoota ollaa waliin walitti dhufeenya gamlamee fi hawaasa hojiin cimsan raawwatamuus ibsa isaaniin eeraniiru. Waliigaltee Ankaaraa hordofee Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Maahammud daawwannaa isaan Itiyoophiyaatti taasisan walitti dhufeenya biyyoota lamaanii gara duraan turetti kan deebisuuf carraa guddaa kan uumedha jedhaniiru.
Siyaasa

Hidhattoota duraanii waamicha nagaa fudhatanii galan deebisanii dhaabuu cimee itti fufeera
Jan 15, 2025 97
Amajji 7/2017(TOI) - Naannawa adda addaatti waamicha ummataa fi mootummaa fudhachuun hidhatoota galan gara jireenya idilee isaaniitti akka deebi'an deebisanii dhaabuun cimee itti fufuu Komishinarri Komishiinii Haromsaa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun beeksisan. Komishinarichi kana kan jedhan naannoo Amaaraa godina jiddugala Gondor aanaa Cilgaa jiddugala Sarabaatti leenjii deebisanii dhaabuu hidhatoota duraaniif kennamu yeroo jalqabsiisanidha. Daandiin nagaa karaa tasgabbii qabuun waldhabdee furuuf murteessaa ta'uu himanii; hidhatoonni waamicha nageenyaa mootummaa fi ummataa fudhachuun isaanii biyyaaf abdii guddaadha jedhaniiru. Hidhatoonni duraanii gara haaromsaatti galanis uummata miidhaan deebi'anii kiisuuf qophii ta'uu isaanii agarsiisuu himanii; kunis hidhatoota hanga ammmaatti bosona jiraniif barnoota kan ta'udha jedhaniiru. Komishinichi hidhatoonni duraanii gara jireenya idilee isaanitti deebi'anii akka jiraataniif naannoo Tigiraay, Affaar, Oromiyaa fi Amaaraatti hojii garaa garaa hojjecha jira jedhaniiru. Hojiin deeggarsaa fi deebisanii dhaabuu cimee itti fufuu eeraniiru. Hidhatoonni duraanii waldhabdee karaa nagaan furuuf murteesuun isaanii gatii nageenyaa hubachuu isaanii kan mul'isu ta'uu Itti aanaan Komishinara Komishiinii Haaromsa Biyyaalessaa birgaader jeneraal Darribee Makuraa himaniiru. Ijaarsa biyyaa keessatti hirmaachuun carroomuu fi dirqama seenaa ta'uu himanii; hidhatoonni duraanii carraa argatanitti fayyadamuun humana nageenyaa fi misooma akka ta'an hubachiisaniiru. Hidhattoonni duraanii gara leenjii haaromsaatti galanis hawaasa kanaan dura miidhan kan kiisan ta'uu himaniiru.
Manni Maree Ministirootaa dhimmoota garaagaraarratti mari'achuun murtoo dabarse
Jan 14, 2025 96
Amajjii 6/2017 (TOI)-Manni Maree Ministirootaa Walga'ii Idile 41ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari'achuun murtoo dabarseera. Haaluma kanaan: 1. Mootumman Itiyoophiyaa Waldaa Misoomaa Idil Addunyaa waliin raawwii pirojektii fooyyessa tajaajila mootummaaf waliigaltee deeggarsa maallaqaa fi liqii SDR miiliyoonaa 53 fi kuma 300 akkasumaas raawwii pirojektii damee faayinaansii cimsuuf kan ooluu SDR miiliyoona 500 fi miiliyoona 25 fi kuma 700 raggaasisuuf wixineewwan labsii lamarratti mari’ateera. Kanaanis liqiiwwan lameen dhalarraa bilisa, kaffaltii tajaajilaa %0.75 kan itti kaffalamuu ta’ee, yeroo haafura fudhannaa waggoota ja’aa dabalatee waggoota 38 keessatti kaffalamee kan xumuramu ta’uun ibsameera. Manni marichaas imaammataa liqii biyyaattii waliin kan walsimu ta’uu mirkaneessuun wixineewwan labsichaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf akka qajeelfaman sagalee guutuun murteesseera. 2. Dambii onnachiistuu invastimantii fooyyessuuf dambii ba’erratti mari’ateera. Dambii onnachiistuu invastimantii lakkoofsa 517/2014 hojiirra oolaa jiraatus dambichi ba’uun duras ta’e, booda, dhaabbileen dameewwan garaagaraarratti bobba’an rakkoon raawwii mudachaanii jiraachuun eerameera. Tumaawwan dambichaa akka ifa ta’aniif dambii fooyyeffamuun dhiyaate irratti mari’atee gabbisuun, dambichi guyyaa Gaazeexaa Nagaariit irratti maxxanfamee ba’ee eegalee hojiirra akka oolfamu sagalee guutuun murtoo dabarseera. 3. Wixinee dambii qabiyyee fi bulchiinsaa Dhabbilee misooma mootummaa haquuf ba’erratti maria’ateera. Hojiilee ‘piraayveetaayizeeshinii’ bulchiinsaa fi qabiyyee dhaabbilee misoomaa mootummaa gara Koorporeeshinii Bulchiinsaa Qabeenyaa fi Idaatti dabarfamuun akka gaggeeffaman taasisuuf seerrii bulchiinsaa fi qabiyyee dhaabbilee dhuunfaa haqamee, mirgaa fi itti gaafatama jiru koorporeeshinichaaf kennuun barbaachisaa ta’uun dambichi mana marichaaf dhiyaateera. Manni marichaas wixinee dambichaarratti bal’inaan mari’achuun ergaa gabbisee, guyyaa Gaazeexaa Nagaarit irratti maxxanfamee ba’ee eegalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

Hawaasummaa
Diinagdee
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitiin Haramaayyaa sanyii filatamaa Moosee fi midhaan adda addaa qorannoon argate qonnaan bultootaaf rabsuufi
Jan 15, 2025 33
Amajji 7/2017(TOI) - Yuunivarsiitiin Haramaayyaa sanyii filatamaa Moosee fi midhaan adda addaa kan qorannoon argate qonnaan bultootaaf rabsuuf akka jiru beeksise. Sanyiin filataamaa yuunivarsiitichi qorannoon fooyyesee kunneen dhukkuba kan damdamatanii fi oomishinni guddaan kan irraa argamu ta'uun ibsameera. Yuunivarsiitiin Haramaayyaa hojii baruu fi barsiisuu idileen hojjetu cinaatti hojii qorannoo fi qo'annoo hawaasa naannaawwaa fayyadamoo taasisaan hedduu hojjecha jirachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichatti daarektara misooma Intarpiraazii Doktar Katamaa Baqqalaa TOI'tti akka himanitti; Yuunivarsiitichi sanyii filatamaa Moosee fi midhaan gosa adda addaa qorannoon bu'a qabeesummaan isaanii mirkanaa'e baay'iseera. Haaluma kanaan mooraa muummee Yuunivarsiitichaa keessaatti kan argamu lafa heektaara 106 irratti sanyii moosee, boqqoolloo, mishingaa, qamadii fi midhaan gosa adda addaa kan biroo gatii madaalawwaan qonnaan bultootaaf rabsuuf qophaa'eera jedhaniiru. Sanyiiwwan fooyyeeffamaN kanneen ooyiruu qonnaan bultootarratti hojiin madaksuu hojjetamuus himaniiru. Sanyiiwwan filatamoo kanneen keessaa keessattu sanyiin moosee ''Bubu fi Guddannee'' jedhaman dhibee damdamachuun lafa heektaara tokko irraa hanga oomisha kumataala 350 kennuu danda'anidha jedhaniiru. Sanyiin filatamaa boqqoolloo Malkaasaa 3 fi BH-560 jedhamanis lafa heektaara tokko irraa callaa kumataala 55 hanga 60 oomishuun kan ittiin danda'amudha jedhaniru. Dabalataan mooraa yuunivarsiitii Haramaayyaa kan muummee keessaatti kan argamu lafa heektaara 11 irratti hojiin sanyii filatamaa Ataraa baay'isuu hojjetama jirachuu eeraniiru. Sanyiiwwan baay'ifamaa turan kunneen yeroo dhihootti naannoo Hararii, godina Harargee Bahaa fi Lixaatti waldaalee sanyii baay'isuu irratti bobba'anii fi qonnaan bultootaaf rabsuuf hojjetama jira jedhaniiru.
Guyyoota itti aanaan haalli qilleensaa jiidhaa fi duumeessa qabu bal'inaan ni jiraata
Jan 13, 2025 67
Amajji 5/2017(TOI) -Guyyoota itti aanaan naannawwaa adda addaatti haalli qilleensaa jiidhaa fi duumeessa qabu bal'inaan kan jiraatu ta'uu Instiitiyutiin Meetirolojii Itiyoophiyaa beeksise. Insitiitiyutichi ibsa TOI'f ergeen guyyoota kurnan dhufanitti bakkeewwan muraasa jiddugala Baha, Kabaa bahaa,Kaaba lixaa akkasuma Naannaawwaa Kibba Lixa Itiyoophiyaatti haalli qilleensa jiidhaa fi uuwwisni duumessaa bal'inaan kan jiraatu ta'uu beeksiseera. Kunis naannolee biyyatti bakka hedduutti erga midhaan walitti qabameen booda hojii hojjetamuuf mijata ta'uu eerera. Haaluma kanaan Kibbi Oromiyaa, Sidaamaa, Kibbaa lixaa fi Lixinni roobaa salphaa hanga jiddugaleessa kan argatu ta'uu beeksiseera. Haalli qilleensa bonaa gogaa, aduu fi qilleensa qabu guyyoota itti aananis kan itti fufu ta'uu eerera. Keessattu naannaawwaan oomishini Arfaasaa itti oomishamutti ooyiruu irraa haftee oomishaalee adda addaarra hafanii qulqullesuun barbaachisaa ta'uu hubachiiseera. Guyyoota jalqabaa torban kanaa keessatti naannolee kibba Itiyoophiyaa, baha, kaaba bahaa fi giddugaleessa biyyattii tokko tokkotti jiidhinni sadarkaan xiqqaa ta'e ni jiraata jedheera. Kunis naannoo Horisiise bulaa fi gariin horiise bulaatti dhiyeessii nyaata beelladaa fi bishaan dhugaatii fooyyesuu keessatti gahee gaarii ni qabata jedheera. Inistiitiyuutichi ibsa baaseen naannaawwan oomisha ji'a arfaasaa dafanii jalqaban ooyiruu isaanii dafanii akka qopheeffataniif haala mijata kan uumu ta'uus ibseera. Amajji 13 hanga 23/2017'tti haalli qilleensa bonaa gogaa, aduu fi qilleensa qabu naannaawwa biyyatti irra caalaan kan jiraatu ta'uu ibseera.
Leenjii Koodaroota Itiyoophiyaa irratti hirmaachuun keenya hojii keenya haala gaariin akka hojjennu nu gargaaraa jira
Jan 9, 2025 109
Amajji 1/2017 (TOI) - Dargaggoonni naannoo Affaar, Sidaamaa fi Harii irraa leenjii 'Ethio Coders' irratti hirmaachaa jiran leenjicha irratti hirmaachuun keenya hojii keenya haala gaariin akka hojjennu nu gargaaraa jira jedhan. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad sagantaan Kooderota Miliyoona Shanii dargaggootaaf carraa guddaa ta’uu ibsuun isaanii ni yaadatama. Dargaggoonni saganticharratti hirmaachuuf galmaa’uun ragaa gahumsaa sadarkaa idil-addunyaatti beekamtii qabu akka argatan hunduu jajjabeessuu akka qabu waamicha taasisanii turan. Dargaggootaa Leenjiin Koodaroota Itiyoophiyaa (Ethio Coders) irratti hirmaachaa teeknooloojiiwwan ammayyaa haala yeroo ammaa jiranitti dafanii akka madaqaniif leenjichi murteessa ta'uu himaniiru. Dargaggoo Shaambel Mohaammad Naannoo Affaaritti ogeessa tajaajila elektirikii Itiyoophiyaati. Leenjii koodaroota Itiyoophiyaa irratti hirmaachuun isaa hojii isaa haala gaariin akka raawwatu isa dandeessisuu ibseera. Teeknooloojii dijitaalaatiin hojjechuun kan yeroon gaafatuu fi karaa filatamaa ta'uu ibsee; carraa mootummaan mijeesefitti fayyadamuun ogummaa fi dandeettii biyyoota addunyaa adda addaa waliin walqunnamsiisuu horachuu danda'uu himeera. Naannoo Sidaamaatti ogeessa Ejensii Saayinsii fi Teeknooloojii Naannoo Sidaamaa kan ta'e Roobeel Daani'eel gama isaan; Leenjii koodaroota Itiyoophiyaaf kennamu hundaa leenji'uun xumuruu himeera. Dargaggeessi kun adeemsi jijjiirama teeknooloojii addunyaa baayyee saffisaa ta'uu eeree koodariin Itoophiyaa leenjii dhaloonni teeknooloojiiwwan ammayyaa haala jijjiirama yeroo ammaa keessatti mul’achaa jiranitti saffisaan akka madaqsu kan dandeessisu ta’uu himeera. Leenjichi akka biyyaatti hojii diinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojjetamu keessattis gumaacha olaanaa akka qabus ibseera. Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannoo Harariitti leenjisaa koodarsoota Itoophiyaa kan ta'e dargaggoo Idris Sefaa gama isaan yeroo ammaa teeknooloojiin jireenya salphisuu fi hirmaannaa fi fayyadamummaa dabaluu dandeessisaa jira jedheera. Dargaggoota damichaa leenjisuu fi humneessuu akkasuma teeknooloojii waliin wal barsiisuuf karaa Ejensii Innoveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaatiin hojjetamaa akka jirus eeraniiru. Keessumaa teeknooloojiiwwan dijitaalaa fi walxaxaa hubachuu fi itti fayyadamuudhaan leenjiin kun yeroo waliin tarkaanfachuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru. Kunis biyyittiin sadarkaa teeknooloojii dijitaalaatiin addunyaan irra geesse akka geessu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. #Itoophiyaa#Oromiyaa#coders
Kirkira lafaa naannawa Sulula Qinxamaatti mudachaa jiru hordofuun ogummaa Saayinsiin alaa odeeffannoon tamsaafaman burjaajii uumuu hin qaban
Jan 2, 2025 259
Mudde 24/2017(TOI) - Lammileen Kirkira lafaa naannoo Affaar naannnwa Sulula Qinxamaatti mudachaa jiru hordofuun ogummaa Saayinsiin alaa odeeffannoo tamsaafamaniin barjaaja'uu akka hin qabne Yuunivarsiitii Finfinneetti qorataan damichaa Piroofeesar Attaalay Ayyalee beeksisan.   Kirkirri lafaa taatee uumamaa walitti bu'insa dhaagaa lafa jalaanii fi humna lafa jalaa dhiibbaan ol bahuun kan uumamuu ta'uu qoaratoonni damichaa kan himan.   Erga yeroo dhihoo as naannoo Affaar naannawwaa sulula qinxamaatti keessattu gaara Fantaallee fi naannawwaa isaatti darbee darbee kirkirri lafaa uumamaa jirachuun ni beekama.   Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa dhimma kana ilaalchisuun Yuunivarsiitii Finfinneetti qorataa kirkira lafaa fi barsiisaa Inistiitiyuutii Ji'oofiziksii, Saayinsii Hawaa fi Astiroonomii piroofeesar Attaalay Ayyaalee dibbiseera   Akkataa saayinsiitti lafti yeroo hundaa sochiirra kan jirtu waan taateef Voolkaanoo, Sigiginni fi kirkirri lafaa akkasuma taateewwan balaa uumamaa kana fakkatan biroon kan eegamanidha jedhaniiru.   Bara darbe ji'a Fulbaanaa fi Onkoloolessaa keessa naannaawwa Awaash Fantaalee kirikirri lafaa walfakaataan turuu yaadachiisanii; erga yeroo dhihoo as garuu irra deddebiin mudachaa jiraachuu piroofesarichi himaniiru. Itiyoophiyaa naannaawwa sululula qinxamaatti kirkirri lafaa mudatu dhagaa gubataa lafa jala jiruun kan wal qabatu ta'uu eeranii, kirkirri lafaa kanaan mudatu miidhaa guddaa kan uumuu danda'u miti jedhaniiru.   Kirkira lafaa kana waliin walqabatee odeeffannoowwan doggoraa saayinsawwaa hin taanee fi kanneen lammilee jeeqan tamsaafamaa jirachuu eeranii; odeeffannoo sirrii madda sirrii irraa qofa argachuun barbaachisaadha jedhaniiru.   Kirkirri lafaa irra deddeebiin Awaash Fantaallee fi naannawaa isaatti mudachaa jiru miidhaa cimaa kan geessisu akka hin taane hawaasni hubachuu qaba jedhaniiru.   Damee kanarratti hubannoo uumuu akkasumas mootummaan ogeeyyii leenjisuu fi humna dinagdee biyyaa ilaalcha keessa karaa galcheen meeshaalee hojii qorannoof barbaachisan bituu akka qabu himaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Dhiibbaa jijiirama qilleensaa sababa manca'uu qabeenya uumamaan mudachaa jiru xiqqeessuuf hirmaannaa qooda fudhattootaa cimsuun murteessaa.
Dec 27, 2024 281
Mudde 18/2017(TOI)- Dhiibbaa jijiirama qilleensaa sababa manca'uu qabeenya uumamaan mudachaa jiru xiqqeessuuf hirmaannaan qooda fudhattootaa cimsuun murteessaa ta'u Abbaan Taayitaa Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa beeksise. Hubannoon Labsii Misooma, Bulchiinsaafi ittifayyadama bosona naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakkoofsa 257/2016rratti qooda fudhattootaafi Baalee Roobeetti kenname. Daarektarri ol'aanaan Abbaa Taayitaa Egumsa Naannoofi Jijjiirama Qilleensaa Oromiyaa Obbo Seeyfaddiin Mahdii akka jedhanitti tarsiimoo diinagdee magariisaa sadarkaa biyyaatti hojiirra oolaa jiru karaa giddugaleessa godhateen misooma ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qabeenyi bosonaa gahee olaanaa qaba. Naannichatti misoomni bosona ittifufiinsa qabu akka jiraatu hojjachuun cinaatti sababa mancaatii bosonan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa mudachaa jiru xiqqeessuufis qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhaniiru. Itti aanaan daarekatara olaanaa Dhaabbata Bosonaafii Bineensa Bosonaa Oromiyaa Obbo Kadiir Niinoo naannichatti iddoolee hirmaannaa hawaasaatiin bosona kunuunsuun eegalametti mancaatiin bosonarra gahaa jiru xiqqaachaa jira jedhaniiru. Hawaasni naannawwaa bosonaa jiraatu bosona kunuunsuun waggoottan dabran gurgurtaa daldala kaarboonirraa qarshii miliyoona 450 ol arggachuusaanii eeraniiru. Ittigaafatamaan abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoofi Jijjiirama qilleensaa Godina Baalee Obbo Assagid Fallaqaa gamasaaniitiin mancaatii hafteelee bosona uumamaa godinichaarra gahu hambisuuf qooda fudhattoota gara garaa wajjiin qindoominaan hojjetama jirachuu himaniiru. Dhaabbata Farm Afrikatti qindeessaan pirojektii FSDP Obbo Tilmoo Jamaa gamasaaniitiin carraaqqii mootummaan kunuunsa qabeenya umamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf taasisaa jiru milkeessuuf tumsaa jiraachuu eeraniiru.
Itoophiyaan ragaa bulchiinsa misooma bosona yeroo argachuu Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa beeksise
Dec 2, 2024 551
Sadaasa 23/2017(TOI) - Itoophiyaan ragaa bulchiinsa misooma bosona yeroo argachuu Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa beeksise Manni Maree Bulchiinsa Bosonaa, bulchiinsa misooma bosonaa cimsuun omishitummaa fi Addunyaa mijattuu uumuuf bara Faranjootaa 1993 kan hundeeffamee Dhaabbata Idil Addunyaati. Haaluma kanaan Addunyaa irratti lafa bosona waraqaan ragaa kennameef lafa hektaara miiliyoona irra jiru 150 ol bulcha jira. Sadarkaan Bulchiinsaa Bosonaa har’a ifoomse kunis damee bosonaan Itoophiyaa cimsuun qulqullinaa fi barbaadamummaa oomishaalee bosonaa gabaa Addunyaaf dhiyaatan kan guddisuudha jedhameera. Keessattuu dhiibbaa sirna ikoorra gahu hir'isuun qabeenyawwan akka bishaanii, kaarboonii, heddummina lubbu qabeeyyii fi kanneen biroo eeguuf ni gargara jedhameera. Itoophiyaan karoora biyyoota galii giddu galeessaa qaban keessaa tokko ta’uuf qabdu dhugoomsuuf bara 2025tti lafa bosonni irraa cirame dhume hektaara miiliyoona 15 deebistee bosonaan uwwisuuf hojjechaa jirti. Daarektarri Olaanaa Misooma Bosonaa Itoophiyaa obbo Kabbadaa Yimaam uwisnni bosona Itoophiyaa dhibbeentaa 23.6 gahuu ibsaniiru. Sadarkaan bulchiinsa misooma bosonaa kun sirni bulchiinsa bosonaa cimaa diriirsuun cirama bosonaa hi'isuuf kan dandeesisudha jedhaniiru. Itoophiyaatti sirna bulchiinsaa fi to’annoo bosonaa cimaa uumuun omishaafi oomishtummaa akka dabalu himaniiru. Itoophiyaan eegumsa bosonaa cimsuu bira darbee qulqullinaa fi baay’inaan gabaa addunyaaf dhiyeessuun akka danda’amu kan taasisudha jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 8605
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015