Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob lammiileef  hojmaata  si’ataa, baasii kan qusatuu fi  hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumudha – Buchlituu Alamituu Umood
Oct 22, 2025 49
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood ibsan. Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo naannoo Gambeellaa qoddaltonni olaanoon federalaa fi nannoo bakka argamanitti har’a eegaleera. Wayita kana bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood akka dubbatanitti , misoomaa fi guddina naanichatti karoorfame saffisiisuun tajaajila hawaasaaf kennamu si’ataa fi ammayyaa’aa taassisuun barbaachisaadha. Tajaajila dhaabbilee gidduugala tokkotti kennuuf kan dandeessisu Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo immoo deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatu diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Imala dijiitaala Itiyoophiyaaf qooda olaanaa akka qabaatu ibsuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa hanbisuurratti faayidaa guddaa waan qabuuf milkaa’inasaaf xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Saganticharrtti kan argaman Komishineerri Komishinii Sivilsarbvisii Dr.Makuriyaa Haayilee milkaa’inni misoomaa akka biyyaatti argame caalmaatti cimsuun itti fufsiisuuf dandeettii keenya tajaajiloota namarratti xiyyeefatan guddisuu qabna jedhaniiru. Ijaarsi Hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddicha, gidduugalaawwan hawwata Turiizimii, Misoomni koriidaraa magaalotaa, sagantaa Maaddii guutuu fi milka’inoonni misoomaa biroon ibsituuwwan Bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Dhiheessii Kenna tajaajila gaariitiin jijiirama bu’uuraa galmeesisuun qormaata ta’ee turuu kaasuun, masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuun dandeetti tajaajiloota hawasarratti xiyyeefatanii hojjechuun lammiileef tajaajila si’ataa fi ammayyaa kennuun eegalameera. Kanaaf Imala badhaadhimaa akka biyyaatti qabame dhugaamsuuf tajaajila lammiileef kennamu ammayeessuun dhimma yeroon gaafatu ta’uu komishinarichi dubbataniiru. Naannichatti tajaajilli hawaasaaf kennamu hojiin Ammayyeessuu cimee itti fufa kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Biiroo Pabilik sarvisii fi misoona namaa naannichaa Laakider laakiibaak dha. Sadarkaa naannootti masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo eegalame bulchiinsa magaalaa gambeellaattii fi caasaalee godinaattis hojiin babal’isuu cimee itti fufa jedhaniiru. Sadarkaa naannootti har’a kan eegale Masoob tajaajila wiirtuu tokko dhaabbileen 8 dameelee 29n ta’uu saganticharraa hubatamuun danda’ameera
Ayyaanni Sabaa fi Sab-lammootaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun  ni Kabajama. – Mana Maree Federeeshinii
Oct 22, 2025 53
Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa fi sab-lammootaa 20ffaan bara kanaa tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti haala cimsuun akka Kabajamu Manni Maree Federeshinii ibse. Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sab-lammoota Itiyoophiyaa 20ffaa ilaalchisuun hoggantoonni dhaabbilee Barnootaa Ayyaanicharratti hubannaa akka argataniif waltajjiin marii Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Itti Aanaan waajjira Mana Maree Federeeshinii Obbo Balaayi Wuddishaa wayita kana akka ibsanitti, biyya ijaaruu fi guddisuuf hedduumina sirnaan qabachuu fi keessummeessuun qabna jedhaniiru. Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammootaa fi taatteewwan biroon tokkummaa cimsan keessummeessuun hedduumminaa fi tokkummaa sabdaneessummaa Sirnaan Idileessuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Ayyaanicha waggaa waggaan kabajuu qofa osoo hin ta’iin Lammiileen Barsiisa Heeraarratti hubannaa seera qabeessa akka argataniif hojiiwwan adda addaa raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan darban barsiisa Federaalisimii fi HeeraMootummaarratti xiyyeefatamanii hojiiwwanhojjetamaniin ittifufiinsa misoomaa fi guddina biyyaarratti, tokkummaa sab-daneeessummaa fi tokkummaa biyyaa cimsuurratti hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu eraniiru.Ayyaanni Sabaa fi sablammoota yeroo 20ffaa bara kana kabajamu tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf bal’inaan kan hojjetamu ta’uu ibsanaiiru. Akkasumas Barsiifata Federaalizimii fi Heera Mootummaarratti lammiileef hubannaa fooyya’aa uumuuf haala dandeessisuun akka kabajamu dubbataniiru. Ayaanicha haala karoorfameen kabajuun akka danda’amuuf hayyoonni, hoggantoonni sadarkaa sadarkaan jiran fi qoda fudhattoonni qooda isaan irraa eegamu akka bahan hubachiisaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Ministeera Barnoota Obbo Geetaachoo Tafarraa gamasaaniin, dhaabbilee olaanoorraa eegalee hoggantoonnii fi ogeeyyiin sadarkaa sadarkaan jiran adeemsa ayyaanicha kabajuuf taassifamu keessatti hubannaan akka guddatu taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis Lammiileen dhaabbilee barnootaa keessatti argaman Federaalizimii fi barsiifata Heera Mootummaarratti hubannaa gahaa qabatanii tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf akka tattaafataniif ni gargaara jedhaniiru. Guyyaan Ayyaana sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa 20ffaan qopheessummaa Naannoo Gidduugaleeessa Itiyoophiyaan akka kabajamu ibsamuun ni yaadatama.
Buna qulqullinasaa eeggate misoomsuuf bal’inaan hojjetamaa jira
Oct 22, 2025 38
Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Buna Qulqullina qabu oomishuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf bal’inaan hojjetamaa akka jiru naannoleen Oromiyaa fi kibba Lixa Itiyoophiyaa ibsan. Oomishoota damee qonnaatiin guddina dinagdee biyyaaf qooda olaanaa bahaa jiran keessaa Bunni isa tokkodha. Itiyoophiyaan Buna biyya alaatti erguun sharafa biyya alaa guddaa akka argattu dandeettii uumaa akka jiru ni beekama. Itti aanaan biiroo qonnaa Oromiyaa fi hoogganaan damee bunaa fi muduraa Mahaammad Saanii naannichatti hojiin misooma bunaa bal’inaan gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru. Gumaacha bunni misooma Bunaaf qabu sirnaan itti fayyadamuuf oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Biqiltuu Bunaa dulloome haaraan bakka buusuun, teeknooloojiiwwan oomishtummaa Bunaaf gargaaran faayidaarra oolchuun, biqiltuuwwan Bunaa filataman qoddaan bulaaf raabsuu dabalatee hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Abbaa Taayitaa bunaa fi Shaayee naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti ogeessi olaanaa misooma Bunaa fi Shaayee Kaasaahun Taayyee, hojiilee damee bunaa naannichatti hojjetaman bu’a qabeessa gochuuf adeemsa oomisha bunaaf kunuunsi barbaachisu taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiilee hojjetamaa jiran keessaa biqiltuuwwan Bunaa firii kennuu dhaaban kan biraan bakka buusuu, sanyii Bunaa filatamoo dhaabbilee qorannoo waliin qindaa’uun qonnaan bulaa akka qaqqabu gochuun akka keessatti argamu ibsaniiru. Dabalataanis biqiltuun Bunaa bal’inaan akka qophaa’u gochuun fayyadamtootaaf dhihaachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru.
Naannoo Beniishaangul Gumuzitti baatiiwwan sadan darban Hojiin Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii bu’aa qabeessi raawatameera-Bulchaa Ashaadlii Hasan
Oct 22, 2025 32
Onkoloolessa12/2018(TOI)-Naannoo Beniishaangul Gumuzitti baara baajatichaatti baatiiwwan sadan darbanitti hojiiwwan misoomaa fi Bulchiinsa gaarii bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii Bulchaan Naaannichaa Ashaadlii Hasan beeksisan. Naannichatti raawwii karoora bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaa bakka hoggantoonni olaannoon naannichaa argmanitti gamaggamaa jira. Waltajjii gamaggamaa kanarratti Bulchaan Naaannichaa Ashaadlii Hasan akka dubbatanitti, kurmaana jalqabaan sosochiin Barnootaa bal’inaan kan hojjetame, tajaajilli tola ooltummaa gannaa fi hojiin Qonnaa bal’inaan kan hojjetameedha jedhaniiru. Gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii hawaasni kaasu furuuf Tajaaajila Wiirtuu tokkoo Masoob yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti akka galamuu taassifamuu fi tajaajila Dijiitaalaan deeggarame kennaa jira jedhaniiru. Kurmaana jalqabaatti damee Albuudaa misoomsuuf hojii qindoominaa hojjetamaa jiruun warqiin kiiloo giraama kuma 1 fi 709 Baankii biyyoolessaatti galuu ibsaniiru. Bara baajatichaa kurmaana jalqabaatti hojiiwwan hojjetamaniin hojmaatni Qindoominaa bu’aa qabeessi waan raawwatameef ta’uu dubbataniiru. Bara baajatichaatti gabaasni raawwiin karoora kurmaana tokkoffaa itti gaafatamaa karooraa fi Misoomaa naannichaa Qaasim Ibiraahimiin kan dhihaate yoo ta’u, gabaasicharratti gaaffii fi mariin ni gaggeeffama jedhamee eeggama.
Kan mul'ate
Godina Harargee Lixaatti ijaarsi Hidha gidduu galeessi tajaajila Qonnaa fi Bishaan dhugaatii horiif oolu eegalame
Oct 22, 2025 37
Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuutti birrii miiliyoona 140n ijaarsi Hidha gidduu galeessaa tajaajila Qonnaa fi Bishaan dhugaatii horiif oolu eegalamuu Waajjirri Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godinichaa beeksise. Godinichatti hanga ammaatti pirojektoonni jallisii ijaarsisaanii xumuramee hojii eegalan maatiiwwan kuma 4 ol ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Waajjirichatti dursaan garee to’annoo Bulchiinsa Ijaarsaa kontiraataa Obbo Abdii Mahaammad akka jedhanitti, bara kana Aanaa Daaroo Labuutti pirojektoota jallisii giddu galeessa ijaarsisaanii eegalame tajaajila Qonnaa fi bishaan dhugaatii horiif kan ooludha.   Pirojekticha turtii yeroo waggaa tokko keesstti xumuruun tajaajila akka kennuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuun, pirojektichi tajaajila yeroo eegalu Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee Buloota Aanichaaf tajaajila kennuu akka danda’u ibsameera. Dabalataanis lafa hektaara 160 ol Jallisiin misoomsuun babal’ina Misooma Qonnaaf qooda akka gumaachu hubachiisaniiru. Godinichatti Aanaa Gumbii Bordoddee fi Burqaa Diimtuutti waggoottan shanan darbanii asitti pirojektoota jallisii 4 eegalaman keessaa sadii xumuramanii tajaajila kennuu eegaluusaanii dubbataniiru. Pirojektoonni jallisii kun namoota kuma 4 ol aanicha keessa jiraatan fayyadamoo taassisuu ibsaniiru.   Pirojektiin Gololchaa fi kenteerii Aanaa Gumbii bordoddeetti ijaarame lafa hektaara kuma 2 fi 300 ol irratti jallisii misoomsuu kan dandeessisu ta’uu ibsuun kanaanis horsiisee bultoonni hojii Qonnaarratti bal’inaan bobba’uu eegaluusaanii ibsaniru. Aanaa Gumbii bordoddeetti jiraataan ganda Gololchaa horsiisee bulaa Mahaammad Muussaa yaada kennaniin, Hidhi Jallisii Gololchaa horiinsaanii dhiheenyatti bishaan akka argatan isaan dandeessisuu dubbaataniiru.   “Ammaan dura bishaan dhugaatii horiif barbaacha karaa fagoo deemaa turre” kan jedhan horsiisee bulaan kun, mootummaan rakkoo dhiheessii bishaanii ammaan dura ture furuusaaf gammachuun itti dhagahamuu ibsaniirui. Ijaarsichi nyaata beeyladaa dabalatee hojiin Qonnaa akka babal’atuuf carraa akka isaaniif uume kan dubbatan immoo horsiisee bulaa biroo kadir sayidi. Hojii Qonnaarratti bobba’anii jireenyasaanii fooyyessuuf gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru  
Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf  dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa  
Oct 22, 2025 44
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise. Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti har’aa eegalee ni gaggeeffama. Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota dursitoota Innooveeshinii Ardii gochuu ”jedhuun gaggeeffamaa jira. Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau. Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera. Sammuun Afrikaa Qaroome dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi carraawwan waliin walquunnamsiisuun hojii Innooveeshinii guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera. Gamtaan Afriikaa furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera. Gamtichatti karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera. Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa hundeessuun humna innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf fayyadamaa jiraachuu beeksiseera. Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti hirmaannaa qaban furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira. Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota shamarranii Umriinsaanii waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira. Kunis hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate kalqni teekinooloojii akka guddataniif kan dandeessisu ta’uu Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa. Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063 milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kallatti mul’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Festivaalli Innooveeshinii hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni tura.
Buufataalee boba’aa gocha seeraana alaa raawwatanii argamanirratti tarkaanfiin fudhatame
Oct 22, 2025 53
Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 gurgurtaa fi raabsaa boba’aan wal qabatee buufataalee boba’aa gocha seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamuuabbaan taayitaa boba’aa fi inarjii beeksise. Haala Kanaan, buufataalee boba’aa gurgurtaan dijitaalaan raawwatan dhibbantaa 50 gadi ta’e 354 irratti akkaataa labsichaatiin tarkaanfiin fudhatamuusaa hojii raawwachiiftuun hariiroo ummataa fi komunikeeshinii abbaa taayitichaa Baqqalech Kumaa TOI’f ibsaniiru. Akkasumas kaampaaniiwwan boba’aa raabsan kan gurgurtaan dijitaalaan raawwatan xiqqaa ta’e jaha irratti akkaataa labsichaatiin baatii lamaaf boba’aan akka hin kennamneef taasifamuu eeraniiru. Gama biraatiin kaammpaaniiwwan gurgurtaan dijitaalaan raawwatan xiqqaa ta’e toorba irratti akkaataa labsichaatiin dinniinni xumuraa kennamuufii eeraniiru. Naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti buufanni boba’aa tokko boba’aa Barmeeliin waraabuun seeraan ala gurguruuf osoo jedhuu qabamee baatii jahaaf boba’aan akka hinbuuneef dhorkamuu ibsaniiru. Gama biraan Awutoo Botteen Finfinnee Aqaaqii Qaallitti maaddayaa tokko dhaquun osoo irra jiruu kallattii jijjiiree gara magaalaa biraa deemuusaatiin baatii jahaaf boba’aan akka hin arganne dhorkamuu dubbataniiru. Karaa wal fakkaatuun Buufanni Boba’aa magaalaa diillaa tokko gatii mootummaan baaseen olitti waan gurgureef boba’aa akka hin arganne siistamaan bilook godhamuu mirkaneessaniiru. Abbaan taayitaa boba’aa fi Inarjii sirni dhiheessii, raabsii fi to’annoon gurgurtaa boba’aa Si’ataa, amansiisaa fi qulqullina kan qabu akka ta’u hojmaattota teeknooloojiin deeggaraman cimsuusaa beeksiseera. Kanneen boba’aa raabsanii fi buufattoonni hundi seera kabajuun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Hirmaannaan ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu fi rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamudha-Komishinar Bileen Gabramadin
Oct 21, 2025 268
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Hirmaannaa fi tumsi ummataa marii biyyaalessaa irratti mul’achaa jiruu akkasumas rakkoolee mariin fufuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Bileen Gabramadin ibsan. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa mana mareen hundeeffamee boqonnaa qophiirraa kaasee boqonnaa marii ajandaa walitti qabuurratti argama. Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa Bileen Gabramadin, hojiin marii ajandaa walitti qabuu amma ammaatti bu’a qabeessummaan raawwatamuu fi galteewwan rakkoolee biyyaalessaa furuu dandeessisan hedduun argamuu ibsaniiru. Kutaalee Hawaasaa garagaraa mariisisuun milkaa’ina marichaaf qoodasaanii akka bahan gochuun fi ajandaansaanii ka’anii akka irratti mari’atamu akka galteetti fudhatamuu isaanii yaadachiisaniiru. Deeggarsi qaamolee garagaraa adeemsa mariirratti mul’achaa jiru hirmaannaa fi tumsi ummataa akkasumas rakkoolee mariin furuuf fedhiin jiru kan jajamu ta’uu komishinar Bileen dubbataniiru. Hojii hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuurratti hirmaannaan dubartootaa, dargaggootaa, paartilee siyaasaa fi waldaalee siviikii garagaraa hedduu nugargaareera jedhaniiru. Komishinichi mata duree “qooda dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa marii biyyaalesaa bu’a qabeessaaf” jedhuun naannolee garagaraatti waltajjiiwwan maree gaggeessaa akka jiru nibeekama.
Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuu qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu qaba
Oct 20, 2025 221
Onkoloolessa 10/2018 (TOI)-Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuuf qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah ibsan. Waltajjiin gamaaggama raawwii kurmaana waggaa paartii badhaadhinaa bara bajataa 2018 har’as itti fufeera. Waltajjii Kanaan raawwii hojiilee mootummaa irratti mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u galmoonni carraa hojii uumuuf, qaala’insa jireenyaa hir’isuuf hojjetamanii fi bu’aaleen argaman akkasumas irkattummaa jalaa bahuuf qabaman ajandaa marii dhihaatanidha. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah akka jedhanitti, ajandaawwan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi carraa hojii uumuun xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadanidha.   Irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa guutuu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsanii, Bifa qindaa’een dhimmicharratti hojjechuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Galmoota biyyaalessaa sadan karaa guutuu ta’een milkeessuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu hubachiisaniiru.   Akka biyyaatti raawwiin jiru bu’aan argamuu eeranii, garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuuf hojechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Damee Kanaan bu’a qabeessummaa guddisuuf waloomaan karoorsuu fi raawwii ammoo waloomaa gamaaggamaa deemuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.
Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman godheera-Obbo Adam Faaraah
Oct 19, 2025 427
Onkoloolessa 9/2018(TOI)- Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen milkaa’oon fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman gochuusaa sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Paartiin badhaadhinaa waltajjii gamaaggamaa hojiilee paartii fi sosochii ummataa kurmaana wagga bara bajataa 2018 irratti xiyyeeffate gaggeessaa jira. Hooggantoonni paartichaa waltajjicharratti hiraachaa kan jiran yoo ta’u raawwiin dame dameen dhihaatee mari’atamaa jira.   Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, gaggeessummaan bu’a qabeessi paartichi taasise hojiileen bu’a qabeessi ummata fayyadan akka hojjetaman godheera. Pirojektoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa qaba eebbifamuusaanii eeranii gama hundaanuu bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii kaasaniiru. Paartiin, ummannii fi dameen dhuunfaa qindaa’anii ida’amuu jiddugaleessa gochuun qabeenyi biyyi qabdu hojiirra akka oolan godhamuunsaa sababoota milkaa’inni akka argamu taasisan keessa ta’uu ibsaniiru.   Adeemsa hojiirra oolmaa hordofuun hojiileen dilbii fi qabeenya bakka garagaraa jiran irratti hundaa’an hojjetamaniiru kan jedhan obbo Adam Faaraah, aadaan qormaata gara carraatti jijjiiru guddachaa dhufuu dubbataniiru. Bara bajataa kanas milkaa’inoota argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru.   Waltajjiin gamaaggamaa har’aas raawwii dhimmoota waliin karoorfaman gamaaggamuu fi hojiilee itti aanan dhimmoota tumsa gaafatan adda baasuun kallattii kaa’uuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin gamaaggamaa kun naannolee jidduu muuxannoo qooduun akka jiraatu gochuun raawwiin walfakkaatu akka jiraatu gochuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa keenyaa nibaana
Oct 17, 2025 429
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa ga’umsaan akka bahatan hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila duu Itiyoophiyaa waadaa galuun mirkaneessan. Hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa mata duree “faayidaa biyyaalessaa fi dhaabbii Ji’oostiraateejii” jedhurratti mari’ataniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seyifee Darribee akka jedhanitti, gaazexessoonni mata dureewwan faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf dandeessisanirratti hojjechuu qabu. Hojiiwwan seenessa waloo ijaaruu fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf gargaaran hojjechuun ittigaafatama ogummaa bahuun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa seenesa duraanii jijjiiruu akka dandeessise kaasanii, pirojektoonni toora Itiyoophiyaa boruu jijjiiran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan ummata hedduu fi dinagdee guddaa qabaattus Ulaa galaanaa akka hinqabne kaasanii, ogeeyyonni sabquunnamtii Tattaaffii Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf ittigaafatama ogummaasaanii gahumsaan akka bahan ibsaniiru.   Hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa dhageettii fi dandeettii dhiibbaa geessisuu Itiyoophiyaan qabdu mirkaneessuuf lammummaan gamatti ittigaafatama ogummaa akka qaban ibsaniiru. Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa Nagaasii Ambaayee, barreeffama maree wayita dhiheessan akka ibsanitti, bara dhugaan boodaatti badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf sadarkaa yeroo madaaluun itti gaafatama ogummaa sirriitti bahachuun nibarbaachisa. Faayidaan biyyaalessaa dhimma jiraachuu biyyaa, nageenyaa fibadhaadhinaa ta’uu eeranii, dhaabbiin faayidaa biyyaalessaa fi ji’oostiraatejikaawii ajandaa ummataa fi dhalootaa gochuuf qooda keenya bahuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaan boqonnaa bayyanachuurra kan jirtuu fi pirojektoota gurguddoo raawwachaa jiraachuushee kan kaasan ammoo itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Tafarraa Baqqalaati. Hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan hojjechuun miidiyaaleerraa kan eegamu ta’uus kaasaniiru. Hojjettoon TOI gamasaaniin, hojiileen misoomaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran akka milkaa’anii fi seenessa waloo ijaaruuf qoodasaanii cimsanii akka itti fufan dubbataniiru. Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti itti gaafatama ogummaasaanii cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob lammiileef  hojmaata  si’ataa, baasii kan qusatuu fi  hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumudha – Buchlituu Alamituu Umood
Oct 22, 2025 49
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatuu fi hojmaata haqa qabeessa diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood ibsan. Masoob tajaajilli Wiirtuu tokkoo naannoo Gambeellaa qoddaltonni olaanoon federalaa fi nannoo bakka argamanitti har’a eegaleera. Wayita kana bulchituun naannoo Gambeellaa Alamituu Umood akka dubbatanitti , misoomaa fi guddina naanichatti karoorfame saffisiisuun tajaajila hawaasaaf kennamu si’ataa fi ammayyaa’aa taassisuun barbaachisaadha. Tajaajila dhaabbilee gidduugala tokkotti kennuuf kan dandeessisu Masoob Tajaajila wiirtuu tokkoo immoo deddeebbii hanbisuun lammiileef hojmaata si’ataa, baasii kan qusatu diriirsuun haala mijataa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Imala dijiitaala Itiyoophiyaaf qooda olaanaa akka qabaatu ibsuun malaammaltummaa fi hojmaata badaa hanbisuurratti faayidaa guddaa waan qabuuf milkaa’inasaaf xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Saganticharrtti kan argaman Komishineerri Komishinii Sivilsarbvisii Dr.Makuriyaa Haayilee milkaa’inni misoomaa akka biyyaatti argame caalmaatti cimsuun itti fufsiisuuf dandeettii keenya tajaajiloota namarratti xiyyeefatan guddisuu qabna jedhaniiru. Ijaarsi Hidha haaromsa Itiyoophiyaa guddicha, gidduugalaawwan hawwata Turiizimii, Misoomni koriidaraa magaalotaa, sagantaa Maaddii guutuu fi milka’inoonni misoomaa biroon ibsituuwwan Bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Dhiheessii Kenna tajaajila gaariitiin jijiirama bu’uuraa galmeesisuun qormaata ta’ee turuu kaasuun, masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo hojiirra oolchuun dandeetti tajaajiloota hawasarratti xiyyeefatanii hojjechuun lammiileef tajaajila si’ataa fi ammayyaa kennuun eegalameera. Kanaaf Imala badhaadhimaa akka biyyaatti qabame dhugaamsuuf tajaajila lammiileef kennamu ammayeessuun dhimma yeroon gaafatu ta’uu komishinarichi dubbataniiru. Naannichatti tajaajilli hawaasaaf kennamu hojiin Ammayyeessuu cimee itti fufa kan jedhan immoo Itti Gaafatamaa Biiroo Pabilik sarvisii fi misoona namaa naannichaa Laakider laakiibaak dha. Sadarkaa naannootti masoob tajaajila Wiirtuu tokkoo eegalame bulchiinsa magaalaa gambeellaattii fi caasaalee godinaattis hojiin babal’isuu cimee itti fufa jedhaniiru. Sadarkaa naannootti har’a kan eegale Masoob tajaajila wiirtuu tokko dhaabbileen 8 dameelee 29n ta’uu saganticharraa hubatamuun danda’ameera
Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’ameera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Oct 21, 2025 146
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Tajaajiloota garagaraa tola ooltummaan kennamaniin dhiibbaa jireenyaa harka qalleeyyii hir’isuun danda’amuusaa Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeeibsan. Sagantaan beekamtii tola ooltotaa bara 2017 gaggeeffamaa jira. Kantiibaa Adaanech Abeebee saganticharratti akka ibsanitti, mootummaan fayyadama lammiilee haqa qabeessa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjeteera. Keesumaa hojiileen misoomaa haala jireenyaa harka qalleeyyii fooyyessan bal’inaan hojjetamuu ibsanii, kana keessatti hirmaannaan hawaasaa olaanaa akka ture ibsaniiru. Guddina biyyaa fi gaaffii hawaasaa garagaraa hojii mootummaan hojjetuun qofa deebisuun hin danda’amu kan jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee sagantaa namarratti xiyyeeffatu kan mootummaan jijjiiramaa boceen hojiileen hammatoo fi hirmaachisaan hojjetamuusaanii dubbataniiru. Keessumaa yaadama tola ooltummaa ummata qabsiisuun hojiinn hojjetaman faayidaa guddaa akka qaban kaasaniiru. Tajaajiloota tola ooltummaa dargaggoota tola ooltotaan, ogeeyyota dameelee hojii garagaraa irratti bobba’anii fi dureeyyiin raawwatamaniin lammiilee hedduu fayyadamoo taasisuun danda’ameera jedhan. Yeroo ammaa tola ooltummaan aadaa ta’aa dhufuurra darbee tokkummaan, waloomnii fi waldeeggaruun hawaasa biratti akka baratamu carraa uumuusaa ibsaniiru. Lammiileen harka qalleeyyiin tajaajila tola ooltummaan fayyadamaa akka jiran eeraniiru. Dargaggootaa fi dureeyyii tajaajila tola ooltummaa raawwatan kan galateeffatan yoo ta’u beekamtiin kun hojii fuuldura hojjetaniif kaka’umsa uumuuf kan akeekamedha jedhaniiru.  
Diinagdee
Buna qulqullinasaa eeggate misoomsuuf bal’inaan hojjetamaa jira
Oct 22, 2025 38
Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Buna Qulqullina qabu oomishuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf bal’inaan hojjetamaa akka jiru naannoleen Oromiyaa fi kibba Lixa Itiyoophiyaa ibsan. Oomishoota damee qonnaatiin guddina dinagdee biyyaaf qooda olaanaa bahaa jiran keessaa Bunni isa tokkodha. Itiyoophiyaan Buna biyya alaatti erguun sharafa biyya alaa guddaa akka argattu dandeettii uumaa akka jiru ni beekama. Itti aanaan biiroo qonnaa Oromiyaa fi hoogganaan damee bunaa fi muduraa Mahaammad Saanii naannichatti hojiin misooma bunaa bal’inaan gaggeeffamaa akka jiru dubbataniiru. Gumaacha bunni misooma Bunaaf qabu sirnaan itti fayyadamuuf oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Biqiltuu Bunaa dulloome haaraan bakka buusuun, teeknooloojiiwwan oomishtummaa Bunaaf gargaaran faayidaarra oolchuun, biqiltuuwwan Bunaa filataman qoddaan bulaaf raabsuu dabalatee hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Abbaa Taayitaa bunaa fi Shaayee naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti ogeessi olaanaa misooma Bunaa fi Shaayee Kaasaahun Taayyee, hojiilee damee bunaa naannichatti hojjetaman bu’a qabeessa gochuuf adeemsa oomisha bunaaf kunuunsi barbaachisu taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiilee hojjetamaa jiran keessaa biqiltuuwwan Bunaa firii kennuu dhaaban kan biraan bakka buusuu, sanyii Bunaa filatamoo dhaabbilee qorannoo waliin qindaa’uun qonnaan bulaa akka qaqqabu gochuun akka keessatti argamu ibsaniiru. Dabalataanis biqiltuun Bunaa bal’inaan akka qophaa’u gochuun fayyadamtootaaf dhihaachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru.
Naannoo Beniishaangul Gumuzitti baatiiwwan sadan darban Hojiin Misoomaa fi Bulchiinsa Gaarii bu’aa qabeessi raawatameera-Bulchaa Ashaadlii Hasan
Oct 22, 2025 32
Onkoloolessa12/2018(TOI)-Naannoo Beniishaangul Gumuzitti baara baajatichaatti baatiiwwan sadan darbanitti hojiiwwan misoomaa fi Bulchiinsa gaarii bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii Bulchaan Naaannichaa Ashaadlii Hasan beeksisan. Naannichatti raawwii karoora bara baajataa 2018 kurmaana jalqabaa bakka hoggantoonni olaannoon naannichaa argmanitti gamaggamaa jira. Waltajjii gamaggamaa kanarratti Bulchaan Naaannichaa Ashaadlii Hasan akka dubbatanitti, kurmaana jalqabaan sosochiin Barnootaa bal’inaan kan hojjetame, tajaajilli tola ooltummaa gannaa fi hojiin Qonnaa bal’inaan kan hojjetameedha jedhaniiru. Gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii hawaasni kaasu furuuf Tajaaajila Wiirtuu tokkoo Masoob yeroo gabaabaa keessatti gara hojiitti akka galamuu taassifamuu fi tajaajila Dijiitaalaan deeggarame kennaa jira jedhaniiru. Kurmaana jalqabaatti damee Albuudaa misoomsuuf hojii qindoominaa hojjetamaa jiruun warqiin kiiloo giraama kuma 1 fi 709 Baankii biyyoolessaatti galuu ibsaniiru. Bara baajatichaa kurmaana jalqabaatti hojiiwwan hojjetamaniin hojmaatni Qindoominaa bu’aa qabeessi waan raawwatameef ta’uu dubbataniiru. Bara baajatichaatti gabaasni raawwiin karoora kurmaana tokkoffaa itti gaafatamaa karooraa fi Misoomaa naannichaa Qaasim Ibiraahimiin kan dhihaate yoo ta’u, gabaasicharratti gaaffii fi mariin ni gaggeeffama jedhamee eeggama.
Godina Harargee Lixaatti ijaarsi Hidha gidduu galeessi tajaajila Qonnaa fi Bishaan dhugaatii horiif oolu eegalame
Oct 22, 2025 37
Onkoloolessa 12/2018(TOI)-Godina Harargee Lixaa Aanaa Daaroo Labuutti birrii miiliyoona 140n ijaarsi Hidha gidduu galeessaa tajaajila Qonnaa fi Bishaan dhugaatii horiif oolu eegalamuu Waajjirri Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godinichaa beeksise. Godinichatti hanga ammaatti pirojektoonni jallisii ijaarsisaanii xumuramee hojii eegalan maatiiwwan kuma 4 ol ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Waajjirichatti dursaan garee to’annoo Bulchiinsa Ijaarsaa kontiraataa Obbo Abdii Mahaammad akka jedhanitti, bara kana Aanaa Daaroo Labuutti pirojektoota jallisii giddu galeessa ijaarsisaanii eegalame tajaajila Qonnaa fi bishaan dhugaatii horiif kan ooludha.   Pirojekticha turtii yeroo waggaa tokko keesstti xumuruun tajaajila akka kennuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsuun, pirojektichi tajaajila yeroo eegalu Qonnaan Bultootaa fi Horsiisee Buloota Aanichaaf tajaajila kennuu akka danda’u ibsameera. Dabalataanis lafa hektaara 160 ol Jallisiin misoomsuun babal’ina Misooma Qonnaaf qooda akka gumaachu hubachiisaniiru. Godinichatti Aanaa Gumbii Bordoddee fi Burqaa Diimtuutti waggoottan shanan darbanii asitti pirojektoota jallisii 4 eegalaman keessaa sadii xumuramanii tajaajila kennuu eegaluusaanii dubbataniiru. Pirojektoonni jallisii kun namoota kuma 4 ol aanicha keessa jiraatan fayyadamoo taassisuu ibsaniiru.   Pirojektiin Gololchaa fi kenteerii Aanaa Gumbii bordoddeetti ijaarame lafa hektaara kuma 2 fi 300 ol irratti jallisii misoomsuu kan dandeessisu ta’uu ibsuun kanaanis horsiisee bultoonni hojii Qonnaarratti bal’inaan bobba’uu eegaluusaanii ibsaniru. Aanaa Gumbii bordoddeetti jiraataan ganda Gololchaa horsiisee bulaa Mahaammad Muussaa yaada kennaniin, Hidhi Jallisii Gololchaa horiinsaanii dhiheenyatti bishaan akka argatan isaan dandeessisuu dubbaataniiru.   “Ammaan dura bishaan dhugaatii horiif barbaacha karaa fagoo deemaa turre” kan jedhan horsiisee bulaan kun, mootummaan rakkoo dhiheessii bishaanii ammaan dura ture furuusaaf gammachuun itti dhagahamuu ibsaniirui. Ijaarsichi nyaata beeyladaa dabalatee hojiin Qonnaa akka babal’atuuf carraa akka isaaniif uume kan dubbatan immoo horsiisee bulaa biroo kadir sayidi. Hojii Qonnaarratti bobba’anii jireenyasaanii fooyyessuuf gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru  
Buufataalee boba’aa gocha seeraana alaa raawwatanii argamanirratti tarkaanfiin fudhatame
Oct 22, 2025 53
Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 gurgurtaa fi raabsaa boba’aan wal qabatee buufataalee boba’aa gocha seeraan alaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamuuabbaan taayitaa boba’aa fi inarjii beeksise. Haala Kanaan, buufataalee boba’aa gurgurtaan dijitaalaan raawwatan dhibbantaa 50 gadi ta’e 354 irratti akkaataa labsichaatiin tarkaanfiin fudhatamuusaa hojii raawwachiiftuun hariiroo ummataa fi komunikeeshinii abbaa taayitichaa Baqqalech Kumaa TOI’f ibsaniiru. Akkasumas kaampaaniiwwan boba’aa raabsan kan gurgurtaan dijitaalaan raawwatan xiqqaa ta’e jaha irratti akkaataa labsichaatiin baatii lamaaf boba’aan akka hin kennamneef taasifamuu eeraniiru. Gama biraatiin kaammpaaniiwwan gurgurtaan dijitaalaan raawwatan xiqqaa ta’e toorba irratti akkaataa labsichaatiin dinniinni xumuraa kennamuufii eeraniiru. Naannoo Kibba Lixaa Itiyoophiyaatti buufanni boba’aa tokko boba’aa Barmeeliin waraabuun seeraan ala gurguruuf osoo jedhuu qabamee baatii jahaaf boba’aan akka hinbuuneef dhorkamuu ibsaniiru. Gama biraan Awutoo Botteen Finfinnee Aqaaqii Qaallitti maaddayaa tokko dhaquun osoo irra jiruu kallattii jijjiiree gara magaalaa biraa deemuusaatiin baatii jahaaf boba’aan akka hin arganne dhorkamuu dubbataniiru. Karaa wal fakkaatuun Buufanni Boba’aa magaalaa diillaa tokko gatii mootummaan baaseen olitti waan gurgureef boba’aa akka hin arganne siistamaan bilook godhamuu mirkaneessaniiru. Abbaan taayitaa boba’aa fi Inarjii sirni dhiheessii, raabsii fi to’annoon gurgurtaa boba’aa Si’ataa, amansiisaa fi qulqullina kan qabu akka ta’u hojmaattota teeknooloojiin deeggaraman cimsuusaa beeksiseera. Kanneen boba’aa raabsanii fi buufattoonni hundi seera kabajuun hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf  dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa  
Oct 22, 2025 44
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise. Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti har’aa eegalee ni gaggeeffama. Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota dursitoota Innooveeshinii Ardii gochuu ”jedhuun gaggeeffamaa jira. Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau. Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera. Sammuun Afrikaa Qaroome dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi carraawwan waliin walquunnamsiisuun hojii Innooveeshinii guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera. Gamtaan Afriikaa furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera. Gamtichatti karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera. Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa hundeessuun humna innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf fayyadamaa jiraachuu beeksiseera. Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti hirmaannaa qaban furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira. Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota shamarranii Umriinsaanii waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira. Kunis hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate kalqni teekinooloojii akka guddataniif kan dandeessisu ta’uu Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa. Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063 milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kallatti mul’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Festivaalli Innooveeshinii hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni tura.
Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifameera-Itiyoo Telekoom
Oct 17, 2025 280
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifamuu hojii raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom waliin gahiinsa intarneetii Itiyoophiyaatti caalaa guddisuuf tajaajila Ze Nekses jedhu ifatti eegalchiiseera.   Hojii raawwachiiftuun dhaabbatichaa Fireehiywoot Taammiruu, Itiyoo-Telekoom ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf telekoomii fi bu’ura misoomaa dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuusaa dubbataniiru. Waggoottan jahan darban tajaajila neetwoorkii dhaloota afraffaa fi shanaffaa, Kilaawudii, teelee birrii fi Zaman gabayaa dabalatee bu’uraaleen misoomaa hojiirra oolan humna guddaa ta’aa akka jiran eeraniiru. Baay’ina maamilootaa miiliyoona 100’n gahuuf garoorfamuu ibsanii, kana keessaa maamiloonni miiliyoona 69 fayyadamtoota moobaayilii fi Birood band Intarneetii gochuuf tarsiimoon bahee hojiin eegalamuu ibsaniiru.   Maamiloonni Itiyoo telekoom miiliyoona 85 tuqaa 9 Itiyoophiyaa kessa akka jiran eeranii, kanneen keessaa miiliyoonni 47 qofti Intarneetii akka fayyadaman beeksisaniiru. Kanaaf ammoo sababoonni garagaraa kan jiran yoo ta’u gatiin meeshaalee Ismaart kana fayyadamuuf oolan mi’aa ta’uu sababa ijoo ta’uu eeraniiru. Itiyoo Telekoom kana yaada keessa galchuun tajaajila Ze Nekses jedhu ifoomsuuibsaniiru. Tajaajila kana qaqqabaa gochuuf bilbiloota moobaayilii teeknooloojii Kilaawud fayyadaman, Laaptooppota, Taableetotaa fi Woorkisteeshinoota gatii madaalawaan gabaaf dhiheessuusaa dubbataniiru.   Maamiloonni meeshichatti fayyadaman Kilaawudii Itiyoo Telekoom kallattiin fayyadamuun tajaajila tajaajila akka argatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu dhiheessuuf qophiin taasifamuu eeranii, qaqqabummaa Intarneetii kana guddaa fooyyessa jedhan. Yeroo ammaa qonna, tajaajila dijitaal faayinaansii barumsa dabalatee tajaajiloonni mootummaa garagaraa Intarneetiin akka kennaman eeranii, gama Kanaan tajaajilli Ze Nekses hojii eegaluunsaa faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Tajaajilli Ze nekses dhaabbileen akka waldorgoman gochuuf akkasumas tajaajiloota si’ataa fi ammayyaa qaqqabaa akka taasisan qooda olaanaa akka bahu himaniiru.
Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha
Oct 13, 2025 395
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Miidiyaan Pulse Of Africa Paan Afrikaanizimii gadi fageenyaan hubachiisuun bakka muraasa Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti qabdu akka jijiiiru Qorataan Miidiyaa fi koomunikeeshinii ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miidiyaa Pulse Of Africa eebbisanii yeroo hojii eegalchiisan Miidiyichi hojii eegaluunsaa waa’ee Afriikaa Faallaan kan dhihaatu qolachuuf akkasumas seenessa mataa keenyaa ofii keenyaan bocuun hojii keenya kan itti hojjennu tarkaanfii barbaachisaadha jechuunsaanii ni yaadatama. Miidiyaan PulseOfAfrica hundeeffamuun tarkaanfii fuuldura ilaluu Ilaaluu ta’uu ibsuun waltajjii Addunyaatti cimaa fi sagalee Afriikaa guddaa dhageessisuuf bu’uura ta’uu yeros ibsuun isaanii ni beekama. Yuunvarsiitii Jimmaa Kutaa Barnootaa Miidiyaa fi Koomunikeeshiniitti barsiisaa fi qorataan Miidiyaa fi Komunikeeshinii Dr.Geetachoo Xilahuun TOI’f akka ibsanitti Hawaasichi sochii Hawasummaan, Dinagdee fi Siyaasaani gama hundaan qabu gabasuuf humnisaa kan jabaatee fi Miidiyaan qaqabsiisuu yoo jirateedha. Gama Kanaan Miidiyaa Pulse Of Africa sochii namummaa akka Ardiitti jiru dammaqinaan gabaasuun hawaasaaf qaqqabsiisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dabalataanis Miidiyaa Pulse Of Africa Paan Afriikaanizimii seenessuun Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti bakka murtaa’aa qabdu guddisuu akka danda’u nan amana jedhaniiru. Hanqina odeeffannoo Afriikaa jiruu fi dogoggoroota jiru sirreessuun qabeyyee gurmaa’ee fi guutuu kennuun miidiyaa dorgomaa fi dhageettii qabu ta’ee argamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Afriikaan Akka biyyoota giddugaleessa Bahaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo Miidiyaa dhiibbaa geessisu akka hin qabne eeruun, Miidiyaa Pulse Of Africa hanqinoota kana guutuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafi humna akka Ardiitti jiru, Kennaawwan fi taateewwan dorgomaa taassisuu dandeessisan Addunyaaf beeksisuurratti cimsee akka hojjetu gaafataniiru. Miidiyaa sagalee Afriikaa dhageessisuu danda’u ta’uuf imala qabiyyee kallattii hundaa, odeeffannoo fi carraaqqii walirraa hincinne jabeessuun akka eegamu himaniiru. Miidiyaan Pulse Of Africa akka Ardiitti dhageettii kan dabalan, tokkummaa kan gabbisan dhimmoota waloorratti xiyyeeffatee yoo hojjete dadhabe osoo hinjete, amma barbaadamu kan gumaachuu fi dhiibbaa ni’uuma jedhaniiru. Akka nama Miidiyaatti mul’ata Pulse Of Africa nan dinqisiifadha kan jedhan qorataan kun, akka Ardiitti miidiyaa dhimmoota walitti fidan xiyyeeffannoo addaan hojjetu nubarbaachisa ture, amma Palsi oof Afriikaan banameera jedhan. Itiyoophiyaan Afriikaa walitti fiduun qooda hundeeffama gamtaa Afriikaarratti qabdu sana kaasanii, amma ammoo miidiyaa Afriikaa Ijaartee hojii eegalchiisuunshee kan dinqisiifamu ta’uu cimsanii ibsaniiru. Dhimmoota bu’uraa Industirii miidiyaaf barbaachisan keessaa tokko odeeffannoo ta’uu eeranii, gama miidiyaatiin bakkarraa gabaasuun hojiilee qorannoo hojjechuun, gadi bu’uun haala hawaasaa agarsiisuu danda’uun, dhimmoota biyyoota garagaraa dandeettii ofiinhojjechuu xiyyeeffannoon akka kennamuuf gaafataniiru. Gama biraatiin miidiyaan pulse of Africa bifoonni Ardii addunyaaf akka ifooman Itiyoophiyaan baasii fi dandeettii isheetiin hojii eegalchiisuushee eeranii, mootummoonni biyyoota Afriikaa biroon akka dhimmasaaniitti ilaalaniiodeeffannoo kennuun,taateewwan isaaniirratti affeeramuun, dhimmoota biyyasaanii jiran gabaasuuf akka galan eyyamuun fi tumsa gochuun hojjechuun akka isaanirraa eegamu gorsaniiru. Miidyaan kun dhiibbaalee kan damdamatu, fudhatamaa fi dhageettii akka qabaatu kan isa taasisu dhimmoota gurguddoo dhimmoota Ardii qaban ofdanda’uun gaggeessuu, yaanni kan ittiin ibsamu akka ta’u ajandaa bocee hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.
Ispoortii
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 236
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 272
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufeera
Oct 11, 2025 507
Onkoloolessa 1/2018 (TOI)- Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira godina Wallagga Lixaa obbo Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, waggoottan walitti aanan darban godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban dhaabamaniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman bu’a qabeessa akka ta’an jiraattonni godinichaa kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Keessumaa kunuunsi biqiltuuwwan ganna darbe sagantaa ashaaraa magariisaan dhaababaniif taasifamu cimee gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Walumaa gala biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan godinichatti dhaabaman naannawicha magariisaan guutuurra darbee hojii qonnaafis deeggarsa gochaa akka jiran ibsaniiru. Biqiltuu kunuunsuurratti kan argman keessaa adde Leellisee Birhaanuu, biqiltuuwwan baatii gannaa asharaa magariisaan dhaabaman kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan naannawasaaniitti dhaabamaniin jijjiiramni qabatamaa dhufaa jiraachuu waan hubataniif ammas kunuunsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Garramuu Nagaraa gamasaaniin, biqiltuuwwan dhaabaman akka guddatan qoodasaanii bahaa akka jiran dubbataniiru. Hundi naannawasaatti Biqiltuu kunuunsuun guddisuu qaba kan jedhan ammoo obbo Natsaannat Abbabaa yoo ta’an biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman faayidaa garagaraa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Tarkaanfii fi kutannoon Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf fudhatte dinqisiisaadha
Sep 25, 2025 1145
Fulbaana 15/2018(TOI)- Tarkaanfii fi kutannoon cimaan Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiisaadha jechuun ibse inistiitiyuutiin dhaabbata qorataa idil addunyaa Istookhoolm Invaaronment ibse. Qulqullinni qilleensaa qilleensi ammam faalamarraa bilisa? Kan jedhu kan ittiin safaramudha. Biyyoonnii fi dhaabbileen safartuuwwan qulqullina qilleensaa qopheessuun qilleensi qulqulloodha moo faalameera kan jedhu madaaluun qulqullinasaa fooyyessuuf nihojjetu. Qulqullinni qilleensaa fooyya’uunsaa dhibeef saaxilamuu hir’isuuf, qilleensa naannawaa eeguu fi jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf qooda murteessaa qaba. Inistiitiyuutiin Istookhoolm Invaaromentaal A.L.Atti bara 1989 hundeeffame qormaattonni haala qilleensaa, qilleensa naannawaa fi misooma fulla’aa akka furaman yaada saayinsaawaa qorannoo fi qu’annoo nidhiheessa, deeggarsa gabbisa dandeettii nitaasisa. Deeggarsa dhaabbanni imaammata Saayinsii idil addunyaa taasisu keessaa biyyoonni qulqullina qilleensaa akka fooyyessan deeggaruudha. Inistiitiyuutii Istookhoolm Invaaromentaalitti ogeessii fi qorataan qulqullina qilleensaa Nigongangi Waanjii Danub turtii TOI waliin taasisaniin, Kutannoo cimaa Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa ilaalchisee yeroo yerootti odeeffannoo walitti qabuun dursuun faalama ittisuuf hojiin itti jirtu jajjabeessaadha jdhaniiru. Odeeffannoowwan sadarkaa dhaabbataatti galtee imaammataaf oolchuuf kutannoo jiru dinqisiifataniiru. Karoora bulchiinsa qulqullina qilleensaa fi qulqullinni ittiin to’atamu qopheessuunfaalama qilleensaa dursaan ittisuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi hojii abbaan taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee magaalichatti odeeffannoo qulqullina qilleensaa walitti qabuu fi to’annoo qulqullina qilleensaa hojjechaa jiru deeggaraa akka jiru ogeessi kun ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hojjetu dabalatee Humna Itiyoophiyaan dhaabbilee garagaraa keessatti qabdu odeeffannoowwan qulqullina qilleensaa yeroo yerootti walitti qabuun faalama hir’isuuf cimtee hojjechuu akka qabdu gorsaniiru. Qulqullina Qilleensaa fi odeeffannoo haala qilleensaa haala Qindaa’een fayyadamauun faalama ittisuurratti bu’aa hunda galeessafiduuf hojjechuun akka malu hubachiisaniiru. Invaarometaal Inistitiyuutii Istookholmi Itiyoophiyaa dabalatee sadarkaawwan qulqullina qilleensa biyyoota Afriikaa akka fooyyessan deeggarsa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa safartuu qulqullina Qilleensa biyyoolessaa fi hojiirra oolmaa imaammataa fi deeggarsa gabbisa dandeettii kennaa jiraachuu eeraniiru. Odeeffannoo Qulqullina Qilleensaa biyyoota Afriikaa haala qilleensa biyyoolessaa waliin walitti hidhuurratti akka argamu ogeessi kun ibsaniiru. Biyyoon buufata raaga haala Qilleensaasaaniitti odeeffannoo haala qilleensasaanii waliin odeeffannoo haala qilleensa walitti hidhanii fayyadamuun bu’aa barbaadamu fiduuf akka hojjetanii fi cehumsa gara Dinagdee Magariisaatti taassisan akka saffisiisan hubachiisaniiru. Dhimmi qulqullina qilleensa Afriikaa caasaa dhaabbataa fi hammattoo imaammataan dabaluuf hojii eegalan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 14760
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015