Tamsaasa Kallatti:

Ayyaana Hundeeffama Ajaja duula addaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira

Guraandhala7/2018(ENA)- Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ayyaana hundeeffama Ajajaa duula addaa waggaa 65ffaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa daandiirraa KM.10 Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffama jira.


 

Dorgommicharratti Atileetonni bebbeekamoon kilabiiwwan adda addaa keesaa dhufan hirmaachaa jiru.

Akkasumas miseensota raayyaa ittisa biyyaa, jiraattota magaalaa hawaasaa fi naannoolee ollaarraa kan dhufan jiraattonni kuma 10n ta’an hirmaachaa jiru.


Sirnicharratti Ajajaan duula addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, mejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda Kidaan, Qondaaltota Olaanoo, Kantiibaa Magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Bayyanaa fi hoggantoonni bulchinsichaa argamaniiru.


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015