Tamsaasa Kallatti:

Dhaloonni dargaggoo waloomaa fi tokkummaa ishee eeguun guddina biyyattiif hojjechuu qabu – Lij Daani'eel Jootee Masfin

Guraandhala 12/2018 (ENA): Dhaloonni dargaggoo waloomaa fi tokkummaa ishee eeguun guddina waliigalaa biyyattiif hojjechuu qabu jedhan Pireezidaantiin Waldaa Goototaa Durii Itiyoophiyaa Lij Daani'eel Jootee Masfin.

Yaadannoon Guyyaa Gootota Wareegamtootaa 89ffaan Guraandhala 12 Siidaa Wareegamtootaa Finfinnee Siddisti Kiilootti argamutti kabajamaa jira.


 

Sagantaa kana irratti gootota haadholii fi abbootii dabalatee keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Kanuma waliin walqabatee, Pirezidaantiin Waldaa Goototaa Durii Lij Daani'eel Jootee Masfin akka himanitti, gootonni durii wareegama qaalii isaanii kaffaluun birmadummaa fi tokkummaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf dabarsaniiru jedhani.

Dhaloonni ammaa kun nageenyaa fi tasgabbii waaraa eegsisuun jaalala biyyaa misoomaa yeroon barbaadu fudhachuun guddina waliigalaa biyyattiif hojjechuu akka qabus dubbataniiru.

Qabsoon cimaan gootonni wareegamtoonni darban bilisummaa Itiyoophiyaaf kaffalaa turan dhaloota amma jiruuf barumsa guddaa akka ta’es ibsaniiru.

Akkasumas guyyaan Wareegamtoota waggaa waggaan kabajamu dhaloonni aarsaa abbootiin darban biyya isaaniif kaffalan akka yaadatu gochuu keessatti gahee bakka hin buune qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015