Tamsaasa Kallatti:

Milkaa’inni Misooma tekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisudha

Guraandhala11/2018(ENA)- Milkaa’inni Misooma teekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu sagantaan misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse.

Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaaraa bulchituunii fi daarektarri  Ardii Afriikaa Ahunaa Iziiyakoonwaa-Onoochii ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan gama teeknooloojii fi misooma diinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jirti.

Dijiitaalayizeeshiniin Itiyoophiyaa misoomni Diinagdees Afriikaa fayyadamummaa teekinooloojiirraa gara omishtummaatti ceesisuun bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru.

Ce’umsi dijiitaalaayizeeshinii si’ataan Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru Biyyoonni Afriikaa hirkattummaa teekinooloojii jalaa bahuu akka danda’an barumsa kan kenne tarkaanfii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa kutannoo misooma dijiitaalaaf qabu Ardittiin hubannoo nam-tolcheenii fi damee Saayinsiin humna namaa gahoome horachuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Qorannoo fi qo’annoo misooma teekinooloojii Mandhaaleef xiyyeeffannoon kenname birmadummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun guddina Diinagdee saffisiisuuf qooda murteessaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Keessumaa fedhii lammiilee tajaajila mootummaa fi bulchiinsa gaariirratti qaban deebii ariifachiisaa argamsiisuun malaammaltummaa fi hoj-maata badaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru.

Sagantaan misooma Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ce’emsa dinqisiisaa dijiitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibseera.

Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa mootummaa kennuun omishtummaa guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Tajaajilli Dijiitaalaa hoj-maata badaa dhabamsiisuun, sirni bulchiinsaa tajaajila mootummaa Amanamaa ta’e diriirsuudhaan, guddina dinagdeetiif gahee murteessaa akka bahatu dubbataniiru.

Fooya’insi Diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa deeggartoota misooma mootummaan kan dinqisiifatamee fi guddina biyyattii saffisiisuun qooda olaanaa gumaachuusaa ibsaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015