Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaan gahumsa qabaachuu agarsiisuu fi milkaa’ina misooma ajaa’ibaa ardii Afrikaati - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaan gahumsa qabaachuu agarsiisuu fi milkaa’ina misooma ajaa’ibaa ardii Afrikaati
Guraandhala 12/2018 (ENA) : Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa fakkeenya Afrikaan gahumsa qabaachuu agarsiisuu fi milkaa’ina misooma ajaa’ibaa ardii Afrikaa ta’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Naayijeeriyaa, Dr. Ogiboonayaa Okutii ibsani.
Ogeessi dinagdee fi imaammata mootummaa akkasumas Ministirri Maallaqaa Naayijeeriyaa Dr. Ogiboonayaa Okuti Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa fakkeenya dandeettii Afrikaati jedhan.
Itiyoophiyaanonni maallaqa mataa isaaniin Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa galmaan ga’uuf kutannoon agarsiisan Afrikaanotaaf fakkeenya seenaan yoomiyyuu hin daganne ta’uu ibsaniiru.
Milkaa’ina ijaarsa Hidha Haaromsaa keessatti hirmaannaan Itiyoophiyaa dammaqinaan taasisan dinqisiisaa waan ta’eef, carraaqqii Afrikaanonni tattaaffii mataa isaaniitiin pirojektoota gurguddoo ijaaruuf taasisaa jiran keessatti akka fakkeenyaatti fudhatamuu qaba jedhaniiru.
Injifannoon misoomaa dinqisiisaa Itiyoophiyaan uummata isheen galmaan geesse tarsiimoo misoomaa fi guddina Afrikaa gara fuula duraa kan bocudha jedhani.
Itti dabaluunis biyyoonni Afrikaa walitti dhufeenya daldalaa fi invastimantii cimsuun ajandaalee misooma ardii Afrikaa galmaan ga’uuf waliin hojjechuun irraa eegama jedhan. Hidhi Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fakkeenya tokkummaa ta’uu ibsaniiru.
Qabeenya bishaanii fi sirna qulqullinaa Afrikaa fooyyessuudhaan itti fufiinsa misooma biyya keessaa, naannoo fi ardii mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa walitti hidhamiinsa anniisaa naannoo uumuun hawwii misoomaa lammiilee Afrikaa galmaan ga’uuf waliin dhaabbachuun fakkeenya ta’uus ibsaniiru.