Pirojektiin Misooma warqee Tulluu Kaapii qabeenya uumamaa keenya itti gaafatamummaadhaan faayidaa biyyaa fi ummataaf akka fayyadamnu fakkeenya dhugaati – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Pirojektiin Misooma warqee Tulluu Kaapii qabeenya uumamaa keenya itti gaafatamummaadhaan faayidaa biyyaa fi ummataaf akka fayyadamnu fakkeenya dhugaati – Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Guraandhala 11/2018 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirojektiin Misooma Warqee Tulluu Kaapii qabeenya uumamaa qabnu itti gaafatamummaadhaan faayidaa biyyaa fi ummataaf itti fayyadamuu dandeenyu fakkeenya dhugaa ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirojektii Misooma Warqee Tulluu Kaapii daawwataniiru.
Daawwannaasaanii ilaalchisuun ergaa fuula miidiyaa hawasummaasaaniin dabarsaniin akka ibsanitti, pirojektiin Godina Wallaga Lixaa Aanaa Ganjiitti argamu kun tumsa mootummaa fi abbootii qabeenyaa dhuunfaan hojjetamaa jiru jedhani.
Pirojektichi faayidaa diinagdeef qaburra darbee barnootaaf, misooma daandiif, dhaabbilee fayyaa fi ijaarsa manaa jirreenyaa ammayyaaf dadammaqsuuf humna qaba jedhaniiru.
Daawwannaa kanarratti akkan hubadhetti, faayidaan pirojektichaa waan murtaa’aa tokko qofa irratti kan daangeffame otoo hin ta’iin hawaasa naannoo sanaa caalaatti misoomaaf kakaasuun gahee ol’aanaa qabu akka itti fufsiisu amantaa cimaan qaba, jechuun ibsaniiru.