Naannichatti misoomsitoonni eeyyama invastimantii fudhatan sochii hojii isaanii namuusa gaariin gaggeessuun barbaachisaa dha – Bulchaa Naannoo Hararii Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti misoomsitoonni eeyyama invastimantii fudhatan sochii hojii isaanii namuusa gaariin gaggeessuun barbaachisaa dha – Bulchaa Naannoo Hararii Ordiin Badirii
Amajjii 7/2018(ENA)-Misoomsitoonni Eeyyama Invastimantii fudhatan sochii hojii isaanii naamusa cimaan gaggeessuun akka barbaachisu pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii hubachiisan.
Boordiin Invastimantii naannichaa raawii hojii baatii ja’aa waajjira Albuudaa fi Inarjii gamaggameera.
Gabaasa dhihaateenis naannichatti misoomsitoota eeyyama Invastimantii fudhatanii hojii hin eegallerratti akeekkachiisaa kennuu hanga eeyyama invastimantii haquutti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.
Obbo Ordiin Badirii waltajicharratti akka ibsanitti, hojmaata qindaa’aa cimsuun Sochii Invastimantii naannichaa akka guddatuuf hojjechuun barbaachisa.
Haala sochii hojii Misoomsitoota eeyyama Invastimantii fudhatanii xiyyeeffannoo addaa kennuun naamusa cimaan gaggeessuun barbaachisaadha jechuun hubachiisaniiru.
Naannichatti Misoomsitoota Damee Invastimantiirratti bobba’an deeggaruuf mootummaan naannichaa kutannoo qabaachuu ibsuun, si’aa’ina sochii hojii misoomsitootaaf rakkoolee hudhaa ta’an adda baasuun furuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Misoomsitoota eeyyama Invastimantii fudhatanii gara hojiitti hin gallerratti hordoffii taassisuun tarkaanfiiwwan barbaachisaan akka fudhatamu kallattiin taa’ameera.
Keessumaa dureeyyii qabiyyeesaaniirratti misoomsaniif dursa kennuun hojii deeggarsaa akka hojjetan hubachiisuusaanii Biiroon Komunikeeshinii Naannichaa Odeeffannoo ENA’f ergeen beeksiseera.
Keessumaa Hoteelaan, Manufaakcheringiini fi dureeyyii damee Agiroo piroosesingiin hojjetan deeggarsa barbaachisaa akka taassisan ibsaniiru.
Hojii hordoffii fi to’annoo Invastimantii naannichatti eegale cimsanii itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.