Miidiyaaleen milkaa’ina Filannoo biyyoolessaa 7ffaa qoodasaanii sirnaan akka bahataniif hojiin ijaarsa dandeettii hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Miidiyaaleen milkaa’ina Filannoo biyyoolessaa 7ffaa qoodasaanii sirnaan akka bahataniif hojiin ijaarsa dandeettii hojjetamaa jira
Guraandhala 12/2018 (ENA) - Miidiyaaleen milkaa’ina Filannoo biyyoolessaa 7ffaaf seera filannoo fi labsii Miidiyaa hordofuun gabaasuun qoodasaanii sirnaan akka bahataniif hojiin ijaarsa dandeettii hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa ibse.
Miidiyaaleen yeroo filannoo naamusa ogummaa hordofuun gabaasa hirmaachisaa fi hammataa dhiheessuun akka irraa eegamu hubachiiseera.
Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoopiyaatti dursaan hojii gaggeessaa dhimmoota tarsiimoo fi Ijaarsa dandeettii Obbo Taammiraat Dajanee turtii ENA waliin taassisaniin, Miidiyaaleen adda adaa eeyyama fudhatan 300 ol Itiyoophiyaa keessa akka jiran eeraniiru.
Abbaan Taayitichaa Miidiyaaleef eeyyamaa kennuu fi haaromsuu, akkasumas dhaabbileen miidiyaa haala eeyyama fudhataniin bu’aa qabeessa akka ta’aniif hordofuu fi deeggaruu hojjechuurratti argama jedhaniiru.
Gabaasni dhaabbilee Miidiyaa Naamusa ogummaa kan hordofee fi seera biyyattii kan kabaje akka ta’uus Abbaan Taayitichaa qoodasaa bahachaa jiraachuu eeraniiru.
Filannoon biyyoolessa 7ffaan Dimokiraatawaa, Haqa qabeessaa fi Nagaa qabeessa haala ta’een akka gaggeeffamuuf Miidiyaaleen qoodasaanii akka bahan gochuurratti qophii barbaachisaan taasifamuu ibsaniiru.
Miiidiyaaleen seera filannoo fi labsii Miidiyaa haala hordofeen gabaasuuf itti gaafatamummaa qabaachuusaanii kaasuun, kanaafis Abbaan Taayitichaa leenjiiwwan ijaarsa dandeettii kennaa jira jedhaniiru.
Dabalataanis Abbaan Taayitichaa odeeffannoo sobaa ittisuu fi to’achuuf teekinooloojii dandeessisu qophii taasisuu dubbataniiru.
Naamusa ogummaa mirkaneessuun hojii ijoo Abbaa Taayitichaa ta’uu eeruun, miidiyaaleen yeroo filannoo gabaasa naamusa ogummaa gidduugaleeffate, gabaasa haqa qabeessaa fi hirmaachisaa dhiheessuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru.