Magaalota ammayeessuun galii manneen qopheessaa guddiseera - ENA Afaan Oromoo
Magaalota ammayeessuun galii manneen qopheessaa guddiseera
Finfinnee Guraandhala 13/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti magaalota ammayeessuun galii mannneen qopheessaa magaalotaa guddisuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii naannichaa hime.
Magaalota haaromsuun, bu’uuraalee misoomaa foyyessuun akkasumas bareedinaafi hawwattummaa magaalotaa dabaluun jiraattotaafi daldala akka dadamqse ni beekama.
Misoomni kooridarii guutuu biyyattiitti hojjetame ammoo Naannoo Oromiyaattis bal’inaan waan raawatameef ammayyummaa magaalotaaf gahee guddaa dabaleera.
Itti Aanaan Hogganaa Biroo Misooma Magaalaafi Manneen Oromiyaa Obbo Birihaanuu Baqqalaa ENA Afaan Oromootti akka himanitti, waggootaaf galiin magaalota naannichaarraa argamu gadi bu’aa ture.
Yeroo ammaa misooma koriidariifi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun galiin manneen qopheessaa magaalotaa daran akka dabalu taasiseera jedhan.
Bu’uuraalee misoomaa babal’idhisuufi magaala jiraattootaaf mijooftuu taate uumuudhaan midhaginni magaalaa akka dabaluu fi magariisumman akka babal’dhatuuf hojii guddaan hojjetameera jedhan.
Ijaarsi daandii aspaaltii babal’aafi mijataa ta’uu, daandiin lafa deemtotaa ijaaramuu, kan saayikilii ijaaramuu, bakki haara galfannaa ijaaramuufi magariisni babal’achuun akka magaalotni hawwataa ta’an taaseseera jedhan.
Misoomni kunis qindoominaa fi dadamaqiinsa jiraattotaafi daldaltootaa hedduu guddisuu himanii galii maneen qopheessaa dabale himan.
keessumaa kenniinsa tajaajiloota magaalaa keessatti tekinoloojiidhan deeggaruu fi tajaajilli kennamu iftoominaafi saffisa akka qabaatuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu himaniru.
Bu’aa argameenis bara darbee galiin manneen qopheessaa magaalota Oromiyaa birrii bil. 37 akka ture himanii bara kana birrii bil. 58 galchuuf karoorfamee hojiitti galameera jedhan.
Kana keessaa hanga walakkaa waggaatti birria bil. 33 kan argamee ta’uu himaniiru.
Kunis kan agarsisu hawwasni magaalicha keessa jiru hirmaannaa guddaa kan godhuufi magaalaa ofii jijjiruudhaaf qophiin jiru baay’ee kan abdi namatti horu ta’uu eeraniru.