Tamsaasa Kallatti:

Adeemsi filannoo milkaa'aa  akka ta’uuf odeeffannoo sirrii ta'e uummata biraan gahuun gahee keenya ni baana

Guraandhala  11/2018 (ENA): Adeemsi filannoo bara kanaa milkaa’aa akka ta’uuf odeeffannoo sirrii ta’e uummata biraan gahuun gahee ofii akka bahatan ogeeyyii fi hoggantoonni komunikeeshinii ibsani.

Filannoo waliigalaa 7ffaa ji’a Caamsaa keessa gaggeeffamu ilaalchisee, ogeeyyiin komunikeeshinii fi hoggantoonni Naannoo Kibba Itiyoophiyaa ENA waliin turtii taasisaniin, milkaa’ina filannoo waliigalaa dhufuuf odeeffannoo sirrii ta’e uummata biraan gahuu akka qaban ibsaniiru.


 

Namoota yaada kennan keessaa Itti Gaafatamaan Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Godina Goofaa Yeetimgeetaa Tasfaayee odeeffannoo hirmaannaa uummataa adeemsa filannoo keessatti cimsu kennuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Filannoon kun nagaa, dimokiraatawaa fi uummata biratti amanamaa akka ta’uuf hojii odeeffannoo barbaachisaa ta’e jalqaba adeemsa irraa kaasee hawaasa biraan ga’uuf xiyyeeffannoon addaa kennamee jiraachuu ibsaniiru.


 

Hogganaan Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Godina Walaayittaa Barakat Warquu gama isaaniin, adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee odeeffannoo si’ataa fi sirrii ta’e uummata biraan ga’uuf xiyyeeffannoon kennameera jedhani.


 

Kutaa Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Magaalaa Diillaatti Daarektarri Karoora Misoomaa Nabiyyuu Goobanaa akka ibsanitti, gahumsa ogeeyyii odeeffannoo sirrii kennuu cimsuun adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee odeeffannoo si’ataa hawaasaaf kennuu fi hubannoo uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhani.


 

Adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee dameen komunikeeshinii itti gaafatamummaa isaa akka ba’uuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Haayilamaariyaam Tasfaayee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015