Tamsaasa Kallatti:

Filannoo waliigalaaf  lammiileen hubannaa  gahaa argartanii  hirmaanaa  bu’aa qabeessa akka qabaataniif  hojjechaa jirra  - Hawaasa Siivikii

 

Guraandhala12/2018(ENA):- Filannoo waliigalaa 7ffaa lammiileen hubannaa  gahaa argartanii  hirmaanaa  bu’aa qabeessa akka qabaataniif  hojjechaa jiraachuu  Miseensonni  Hawaasa Siivikii  Godina baalee jiran beeksisan.

 Hawaasni Siivikii uummanni  filannoo biyyoolessaa 7ffaa hubannaa gahaa qabaatee carraa dammaqinaan akka  itti hirmaatu kaayyeffachuun   hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

 Hawaasa Siivikii Godinicha jiraniif  hubannoo filannoo biyyoolessaa 7ffaa uumuu fi adeemsa filannoo taajjabuuf boordii filannoo biyyaalessaarraa eeyyama  fudhachuun    sochii qabatamaa taasisaa jiru.

    Dhimmicha ilaalchisuun  hawaasni Siivikii yaadasaanii ENA’f kennan akka  ibsanitti, filannoo biyyoolessaaf  lammiileen hubannaa  gahaa qabaatanii   hirmaannaa  akka qabaataniif  hojjechaa jira jedhaniiru.

Pirezidaantiin Federeeshinii waldaa dargaggootaa Godinichaa  Dargaggoo Iissaa Xaahir  milkaa’ina filannichaaf  odeeffanno sirrii hawaasa biraan gahuun qooda keenya baana jedheera.

Keessumaa dargaggoonni filatan hubannaa waa’ee filannoo qaban  caalaatti guddisuuf barumsa kennuu fi taajjabii filannoorratti dammaqinaan hirmaachuuf  itti faagatamummaasaanii  bahuuf  kutannoo qabaachuusaanii ibsaniiru.

Pirezidaantiin Federeeshinii Dubartootaa Godinichaa  Aadde  Sukkaaree  Muliyyee  gamasaaniin   milkaa’ina filannoo biyyoolessaaf  qoodasaanii akka bahan ibsaniiru.

Filannoo biyyoolessaa torbaffaarratti dubartoonni hirmaanaa ho’aa akka taassisaniif itti gaafatamummaa hawaasummaasaanii bahuuf akka hojjetan  ibsaniiru.

Adeemsota filannoo duraa, yeroo filannoo fi  filannoo booda keessatti  hirmaannaa filattootaa ilaalchisee  leenjii hubannoo uumuu  kennuu eegaluu durataa’aa waldaa dargaggoota Godinichaa Abdul Hakiim  Maahimus ibseera.

 Leenjiin kennamaa jiru kun, filattoonni adeemsa filannoo sirriitti hubachuun mirga dimookiraasii isaaniitti akka fayyadaman gochuuf  faayidaa akka qabaatu ibseera.

Durateessuun Waldaa Dubartoota Godinichaa AaddeGannnat Kaasaahuun,  filannichi nagaa, dimookiraasii, bilisaa fi loogii-maleessa ta’ee akka xumuramuuf hawaasni hubannoo gahaa akka argatu hojjechaa jirra jedhaniiru.

 Akkasumas  filattootaaf barnoota kennuun hubannoo uumuu bira dabree,gahee taajjabummaa keenya sirriitti bahachuuf itti-gaafatamummaa keenya bachuuf  jirra jedhaniiru.

Godinichatti filannoo waliigalaa7ffaaf buufataalee filannoo 395 keessatti hubannoo kennuu fi filannicha taajjabuuf, miseensonni dhaabbilee siivikii 1,000 ol ta'an Boordii Filannoo biiyyoolessaarraa  Eeyyama argachuu isaanii beekuun danda'ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015