Naannichatti kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun itti quufinsa Hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa fidaa jiru- Obbo Awwaluu Abdii - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun itti quufinsa Hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa fidaa jiru- Obbo Awwaluu Abdii
Guraandhala 5/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajila mootummaa ammayyeessuun itti quufinsa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa fidaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan.
Tajaajil Wiirtuu tokkoo Masoob Magaalaa Moojootti eebbifamee hojiitti galeera.
Itti Aanaan Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gidduugalicha eebbusuun tajaajila yeroo eegalchiisan akka ibsanitti, Naannichatti kenna Tajaajila Mootummaa si’ataa taasisuuf Dijiitaalayizeeshiniif xiyyeeffannoon kennameera.
Kanaafis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob dhaqqabamaa taasisuuf Boqonnaa jalqabaan Adaamaa, Shaashamannee, Shaggar, Bishooftuu fi Jimmatti gara hojiitti galchuu yaadataniiru.
Hojicha cimsuun gara magaalota 26tti babal’achaa jiraachuu eeruun, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Moojoo har’a hojii eegaluun qaama kanaa ta’uu hubachiisaniiru.
Boqonnaa sadaffaan naannichatti Magaalota 60tti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob hojii eegalchiisuuf galmi qabamuu kaasaniiru.
Gara fuulduraatti kenna tajaajilaa Ammayyeessuu, Misooma koriidaraa, Galii walitti qabuu fi hojii misoomaa cimsuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.