Tamsaasa Kallatti:

Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata 

Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun

taphoonni Afur ni gaggeeffamu.

 Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid  Maanchistar Yunaayitid waliin  galgala sa’aatii 5 :15tti  ni taphatu.

Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama.

Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera.

Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid  sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama.

 Leenjisaa yeroo  Maaykil Kariikin kan durfamu  Maanchistar Yunaayitid  taphoota itti fufaa  Afur darban injifateera.

Westihaam Yunaayitid  sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha.

Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid  liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf  ni taphata.

Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf  liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii  2023/24  dha.

Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama.

 Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu.

Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii  4:30tti Istaadiyeemii  Istaamfoor Biriijiitti  taphatu.

Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru.

Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu.

Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi  Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 

4 :30tti  ni taphatu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015