Tamsaasa Kallatti:

Mariin biyyaalessaa seenessa waloo Bu’uura cimaarratti ijaaruu fi meeshaa furmaata waaraa fiduudha

Guraandhala 13/2018(ENA)- Mariin Biyaaolessaa seenessa hirmaachisaa bu’uura cimaarratti ijaaruu fi meeshaa furmaata waaraa fiduu ta’uusaa Hayyoonni Yunvarsiitii Mattuutti hojjetan ibsan.

Mariin biyyaalessaa garaagarummaawwan jiran dhiphisuuf, waldhabdeewwan turan bu’uurraa dhabamsiisuu fi walii galtee biyyoolessaa uumuuf murteessaadha.

Hayyoonni Yunvarsiitii Mattuutti hojjetanii fi dhimmicharratti yaadasaanii ENA’f kennan faayidaa marii biyyaalessaa ilaalchisuun yaadasaanii kennaniiru.

Yunvarsiitichatti kan hojjetan barsiisaa fi qorataa Badhaasaa Amsaaluu akka dubbatanitti, marichi seenessa waloo biyyaalessaa bu’uura cimarratti ijaaruu fi furmaataa waaraa barbaaduuf meeshaa guddaa ta’uu dubbataniiru.

Fedhii fi faayidaa biyyaalessaa kan durse ajandaa dhaabbataa qabachuu fi hojiirra oolmaasaaf waloon hirmaachuuf hunda dammaqsuuf dandeettii kan qabu ta’uu hubachiisaniiru.

Hawaasni adeemsa marii biyyoolessarratti dammaqinaan hirmaachuun ijaarsa nageenyaaf yaada furmaata barbaachisa jedhu miira abbummaan gumaachuu akka qabu marii’ateera.

Barsiisaan Yuunvarsiitichaa biroon Saabiit Zeeyinuu gamasaaniin mariin biyyoolessaa Ijaarsa seenessa waloof kan barbaachisu yaadama haaraa fi duudhaa barbaachisaa ni fida jedhaniiru.

Biyyoonni Adduyaarratti Diinagdeen guddatanii fi dhiibbaa geessisan bu’uurasaanii seenessa waloorratti ijaaruun, fedhii fi faayidaa biyyoolessaaf dursa kennuun ta’uu dubbataniiru.

Marichaan seenessa waloo cimaa ijaaramuun adeemsicha lammiileen hundi qoodasaanii bahuu akka qaban hubachiisuun kanarraas fayyadamoo kan ta’an hawaasicha ta’uu ibsaniiru.

Biyyi seenessa waloon ijaaramte rakkoolee xixiqqaan akka hin raafamne qooda olaanaa kan qabu ta’uusaa fi Itiyoophiyaan damee siyaasa fi Diinagdeen akka dursituuf seenessa waloorratti hojiin hojjettu qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015